Header
Hirmaannaa hawaasaa gama hundaan jiru cimsuun milkaa'ina misoomaaf oolchuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan ni hojjetama. Oromiyaan burqaa goototaa ta'uu dhaloonni har'aa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gootummaan hiriiruun agarsiistuudha. Bara kana muduraalee gabaa alaaf erguun sharafa biyya alaa hanga doolaara kuma dhibba 5 argamsiisuuf hojjetamaa jira "Uummanni Oromoo abbaa aadaa gabbataafi sirna jabaa dhaloota cehu ijaaruun beekamudha!" "Irreechi waltajjii guddummaan Oromoo ifee itti mul'atu, faajjii Nageenyaa fi obbolummaati!” PBMNO Obbo Shimallis Abdiisaa. Ayyaana Irreechaafi maqaa gaarii biyya keenyaa xureessuuf diinonni keenya namaaf maallaqa ramaduun yaalii taasisanis qaamoleen nageenyaa keenya boqonnaa malee ummata waliin qindoominaan waan hojjetaniif ayyaanichi karaa nagaafi duudhaa isaa eeggateen milkaa'inaan kabajamee jira; kunis qindoominni caasaa qaamolee nageenyaa keenya sadarkaa akkamii irra akka ga'e agarsiisa" obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Ni qoramna garuu hin mo'amnu

Itoophiyaan gara badhaadhinaatti deemaa jirti. Daandiin gara badhaadhinaatti geessu gabaabaadha, garuu wal xaxaaadha. Kana milkeessuuf tokkummaafi wal utubuu gaafata. Daandiin gara duubaatti deebisu dheeraadha, garuu wal qixxaataadha. Gara duubaatti deebi'uun diigumsaafi mucuchaachuudhas. Kanaaf, hunduu yoo danda’e biyya isaa Itoophiyaa gara badhaadhinaatti deemaa jirtu kana haa utubu; yoo dadhabe ammoo haa dhiisu malee gadi qabuuf ifaajuu hin qabu. Diinota keenya akka diigamnuufi wal miinu barbaadaniif daandii saaquu hin qabnu." MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad

Humoota seeraan ala hidhatanii

"Humoota seeraan ala hidhatanii miidhaa qaqqabsiisan irratti tarkaanfiin cimaan ni fudhatama" MM Dr. Abiy Ahimad Humnoonni seeran alaa hidhatanii socho'aniifi lammiilee nagaarraatti miidhaan qaqqabsiisan madaallii kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta'uu ibsuun, tarkaanfiin qaamolee kanneenirratti fudhatamaa jirus cimee kan itti fufu ta'uu Ministeerri Muummee Dr.Abiy Ahimad ibsaniiru. Yeroo dhiyoodha as naannoolee Beenshaangul Gumuuziifi Oromiyaatti qaamooleen kaayyoonsaanii Ummata shororkeessuu ta'een lubbuu ilma namaa baleessuun badii raawwatan obsaan bira hin darbarru jedhan. Iddoowwan badiin qaqqabee kanatti, nagaafi tasgabbiin akka deebi’uuf dursa kennuun kan irratti hojjetamu tahuus kaasaniiru.

Ashaaraa Magariisaa

Boru Waxabajjii 14/2014 Sagantaan Duula Ashaaraa Magariisaa marsaa 4n guutuu biyyaatti sirna hoo'aa ta'een eegaluuf qophiin xumurameera. Sagantaa kana Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad ni eegalchiisu jedhamee eegama Bara kana akka guutuu Itoophiyaatti Biqiltuu Bil. 6, akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti biqiltuu biliyoona 4.5 ol dhaabbiif qophaa'eera.

Ashaaraa Magariisaa

Boru Waxabajjii 14/2014 Sagantaan Duula Ashaaraa Magariisaa marsaa 4n guutuu biyyaatti sirna hoo'aa ta'een eegaluuf qophiin xumurameera. Sagantaa kana Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad ni eegalchiisu jedhamee eegama Bara kana akka guutuu Itoophiyaatti Biqiltuu Bil. 6, akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti biqiltuu biliyoona 4.5 ol dhaabbiif qophaa'eera.

Hojiiwwan Gurguudoo

Dimookraasii

Diinagdee

Haawwasuumaa

Bulchiinsa Gaarii

Raayaa komunikeeshinii

Join Oromia Communication

Sirna komunikeeshiinii bu’a-qabeessa ta’e diriirsuudhaan mootummaafi ummata gidduutti wal-hubannaa gaarii uumuu

Dudhaa Mana Hojichaa haaraa Madda odeeffannoo amanamaa ta’uu Jijjiiramaaf dhaabbachuu Dursanii argamuu Heddummina kabajuu Iftoomina qabaachuu Ilaafi ilaameen hojjechuu (2-way communication)