Waa'ee keenya
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Aangoofi gaheen Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa, labsii aangoofi gahee qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra-deebiidhaan gurmeessuuf bahe lakk.242/2014, keewwata 31 irratti haala armaan gadiin ibsameera.
1. Giddugala odeeffannoo naannichaa ta'uun ni tajaajila; hojii odeeffannoo mootummaa naannichaa olaantummaan ni qindeessa; ni bulcha; ni hooggana.
2. Dhimmoota xiyyeeffannoo mootummaa ta'aniifi iftoomina barbaadan, taateewwan akka naannoofi biyyaalessaatti uumaman, balaawwan tasaa, ayyaanota biyyaalessaafi naannoo ilaalchisee ibsa ejjannoo mootummaa qopheessuun miidiyaalee garagaraatiin akka tamsa'an ni taasisa; dubbii himaa mootummaa ta'uun ni tajaajila.
3. Hojiiwwan kominikeeshinii mootummaa seektaroota mootummaafi dhaabbilee misoomaa Mootummaa keessatti hojjataman ni qindeessa; ni hordofa; gabaasa dhiyaatu ni xiinxala; deeggarsa barbaachisaa ta'e ni kenna.
4. Imaammata, tarsiimoofi ogummaa hojii kominikeeshiniirratti hoggantootaafi ogeessota kominikeeshiniifi miidiyaa mootummaatiif leenjii kennuun humna raawwachiisummaa isaanii ni cimsa; bu'aa leenjichaa madaaluun sirreeffama ni taasisa.
5. Sagantaalee maqaa gaarii naannichaafi walta'iinsa biyyaalessaa uumuuf gargaaran ni qopheessa; ni qindeessa; ni beeksisa; sagantaalee miidiyaa dhimma kanarratti xiyyeeffate akka qophaa'aniifi tamsa'an ni hojjata.
6. Hojii kominikeeshinii mootummaafi miidiyaan hojjachuu qaburratti haalaafi yeroorratti hundaa'uun ajandaa bocuun ka'umsa hojii akka ta'u ni taasisa; raawwii isaanii ni hordofa; duubdeebiifi kallattii ni kenna.
7. Dhimmoota xiyyeeffannaa mootummaa ta'anirratti hojjachuun hawaasni hubannoo gahaa akka argatu duula miidiyaa ni geggeessa; raawwii isaa ni hordofa; duubdeebii ni kenna.
8. Ajandaawwan mootummaa ijoo ta'anirratti iftoomina uumuuf ibsa miidiyaaleef ni kenna.
9. Raawwii hojii mootummaa fakkeenyummaa qaban beeksisuuf egzibishiinii suuraawwanii ni qopheessa; ni daawwachiisa.
10. Dhimmoota mootummaa tarsiima'aa ta'anirratti qorannoo yaada ummataa gaggeessuun hojii kominikeeshiniirratti ni hojjata; miidiyaanis akka irratti hojjatu ni taasisa.
11. Yaadaafi gaaffii ummataa kallattii adda addaatiin ni sassaaba; ni xiinxala; hojii kominikeeshiniirratti ni hojjata; seektara dhimmi ilaaluun iftoominni akka irratti uumamu ni taasisa.
12. Haala yeroofi taateewwan tasa uumaman ni hordofa; hojii kominikeeshiniifi miidiyaarratti hojjachuun iftoomina ni uuma.
13. Qorannoorratti hundaa'uun ergaa mootummaa ni rogeessa; ummata ni beeksisa.
14. Waltajjiiwwan marii ummataa ni qopheessa; duubdeebii ni sassaaba; hojii kominikeeshinii ni hojjata.
15. Miidiyaalee elekitirooniksiifi maxxansaa biyya keessaafi alaa ni xiinxala; olola faallaa irratti ni hojjata.
16. Gabaasotaafi odeeffannoo dogoggoraa miidiyaa hawaasaatiin tamsaafaman ni hordofa; ni xiinxala; akka barbaachisummaa isaatti olola faallaarratti ni hojjata; miseensota miidiyaa hawaasaas ni horata.
17. Sadarkaa Aanaafi Magaalaatti oduu mootummaa qopheessuun miidiyaan akka tamsa'an ni taasisa.
18. Karoora, raawwiifi bu'aalee hojii mootummaarratti ragaa guutuu naannichaa suur-sagaleedhaan ni qindeessa; qaama ragaa gaafatuuf kaffaltiin yookiin kaffaltii malee ni kenna.
19. Milkaa'ina imaammata, tarsiimoofi karoora mootummaarratti muuxannoowwan gaggaarii ni qindeessa; sagantaawwan waljijjiirraa muuxannoo ni qindeessa; dokumantarii fiilmii qopheessuun miidiyaan akka tamsa'u ni taasisa.
20. Karooraafi raawwii gurguddoo mootummaarratti bu'aalee maxxansaa kan ta'an Gaazexaa Kallacha Oromiyaa, Kitaaba Waggaa, Biroosharootaafi maxxansaalee kan biroo ni qopheessa; maxxansiisuun ni raabsa yookiin ni gurgura.
21. Gaazexaa Kallacha Oromiyaafi maxxansaalee kan biroorratti tajaajila beeksisaa ummataaf ni kenna; tajaajila kennuuf gatii madaalawaa ni kaffalchiisa; mootummaaf galii ni taasisa.
22. Hojii kominikeeshinii, miidiyaalee kan akka raadiyoo hawaasaafi miidiyaalee maxxansaa naannichaarratti qajeelfama ni baasa; hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwiisaa ni hordofa; ni to'ata.
23. Odeeffannoo mootummaa uummata biraan gahuuf naannicha keessatti raadiyoo hawaasaafi miinii miidiyaan akka babal'atuufi waajjiraaleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran karooraafi raawwii hojii isaanii akka beeksifatan haala ni mijeessa.
24. Qaamolee hojii miidiyaa maxxansaa kaayyoo daldalaaf oolaniifi tamsa'inni isaanii naannicha keessatti ta'eef hayyama ni kenna; bu'uura seeraatiin hojjachuu isaanii ni hordofa; ni to'ata.
25. Beeksisa alaa naannicha keessatti maxxaffamu ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin istaandardii ni baasa; hojiirra ni oolcha; ni hordofa; ni to'ata.
26. Qaamoleen naannicha keessatti beeksisa alaa maxxansan hayyama qabaachuusaanii ni mirkaneessa; beeksisichi safuufi duudhaalee hawaasaa kan eegu, dogoggorri barreeffama qubee fi seerluga Afaan Oromoo kan hin uumamne ta'uu Biiroo Aadaaf Turiizimiitiin mirkanaa'uufi istaandardii baheen maxxansuusaanii qulqulleessuun hayyama ni kenna; ni hordofa; ni to'ata, bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
“Odeeffannoon bu'uura amantaa ummataa dha. Akka ummanni Oromiyaa odeeffannoo sirrii argatu, wal qunnamuufi kaka'uuf guyyaa guyyaan hojjenna.”
Obbo Hayiluu Addunyaa Namoomsaa
Hoogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Ergama
Sirna kominikeeshiinii bu'a-qabeessa diriirsuudhaan mootummaafi uummata gidduutti wal-hubannaa gaarii uumuu.
Mul'ata
Bara 2022tti uummata ejjennoo mootummaarratti hubannoo sirrii argatee imala badhaadhina eegale arguu.
Duudhaalee
Hooggantoota keenya
Hoogganaa olaanaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Obbo Hayiluu Addunyaa Namoomsaa
Hoogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Obbo Isheetuu Sirneessaa Galataa
Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa


