Ashaaraa Magariisa: Hojii Imala Egeree Magariisa Ijaaruu Dhugoomsaa Jiru!
Addunyaan sababa jijjiirama qilleensaatiin rakkoowwan hedduudhaan qoramaa jirti. Gammoojjummaan, sigigni lafaa, lolaan akka malee, bubbeefi kanneen kana fakkaatan addunyaa goolaa jiru kanaaf sababni guddaan jijjiirama qilleensa yoo ta’u, ka’umsaafi sababni guddaan immoo mancaatii bosonaafi xiyyeefannoo hawaasniifi biyyoonni guddatan qabeenya uumamaatif kennan gadi bu'aa ta'uudha.
Biyyoonni garaagaraas rakkoowwan sababa jijjiirama qilleensaan mudatanirra damdamachuuf furmaata yeroofi ittifufiinsa qabu fayyadamanii qorumsa mudatu darbuuf tarkaanfiiwwan garaa garaatti fudhachaa jiru. Haa ta’u malee, ammayyuu rakkoo kana gadi fageenyaan hubachuun furmaata waaraa kaa’uun, rakkoowwan darbanii darbanii sababa jijjirama qilleensaatiin naannoofi hawaasa qormaataaf saaxilan keessaa bahuuf ammallee hojii xiyyeeffannoo guddaan hojjechuu gaafatuudha.
Tarkaanfiiwwan biyya keenyaas ta’ee akka addunyaatti fudhatamaa jiran keessaa inni ijoofi murteessaa ta’e biqiltuu dhaabuudha. Hojiin biqiltuu dhaabuu hojii egeree dhalootaafi biyyaa bu’uura jabaarratti ijaaruuti. Hojiin egeree ijaaruuf hojjetamu kun har’a hojii salphaa fakkaatus, bu'aan isaa yeroo dheeraa kan turuufi guddaadha. Biqiltuun qilleensa qulqulluu maddisiisuun fayyaa namaa eega; kaarboon daayoksayidii xuuxuun jijjiirama qilleensaa hir'isuuf gumaacha taasisa. Akkasumas biyyeen akka hin dhiqamne ittisuun fayyaalessummaa lafaa eega; lolaa, sigiga lafaafi hongee hir'isa, roobaafis haala mijataa uuma.
Kana malees, biqiltuu dhaabuun naannoo magariisa uumuun miidhagina naannoo dabala, bineensotaaf qubannaa ta'a; muka, firiifi oomishaalee garaagaraa kennuun jireenya hawaasaafi dinagdee cimsa. Biqiltuun har'a dhaabnu tokko dhaloota boruuf qabeenya, qilleensa qulqulluufi jireenya fooyya'aa dhaalchisuudha.
Kanumarraa ka’uun biyya keenyaatti inisheetivii Muummee Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimadiin waggaa 7 dura Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabameera. Hojiin kunis guutuu biyyattiitti bifa qindoomina qabuun kan hojjatamaa jiruufi Naannoo Oromiyaatti adda durummaan hojiirra oolaa jiru abdii dhaloota egeree ta’aa dhufeera.
Waggoottan darban kana keessattis biqiltuuwwan biliyoonotaan lakkaa’aman hawaasa biyyattiitiin dhaabaman kunneen kan dinagdee biyyattii fooyyessaniifi rakkoo hiikuun biyya badhaateefi magariisa taate uumuu danda’aniidha. Biqiltuuwwan kunnenis wabii nyaataa mirkaneessuuf, eegumsa biyyoo cimsuufi golgolaa'uu lafaa ittisuuf gumaachan kan qabanidha.
Hojiin Ashaaraa Magariisaa waggoota darban biyya keenyatti hojjatamanis yeroo ammaa bu’aawwan hedduu argamsiisaa jiru. Gaarreen keenya kanaan dura sababa ciramuu bosonaatiin qullaatti hafan magariisummaa uffachuun miidhaginni isaanii dabaleera. Dhiqamni biyyees hir’achaa dhufeera. Oomishaafi oomishtummaan qonnaas dabaleera. Carraan hojii bal’aanis hoji dhabeeyyiif uumamuun fayyadamummaan hawaasaa mirkanaa’uu jalqabeera. Walumaagalatti hojiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoota torban darbe hojjataman bu’aawwan damdaneessa argamsiisaa kan jiraniifi maqaa gaarii biyya keenyaas sadarkaa addunyaatti kan olkaaseedha.
Hojiin Ashaaraa Magariisaa kun bara kanas marsaa 8ffaaf guutuu biyyattiitti hojjatamaa kan jiru yommuu ta’u, Wiixata(27/11/2018) dhufu guyyaa tokkon biqiltuu miliyoona 800 akka biyyaatti, kana keessaas Naannoo Oromiyaatti biqiltuu miliyoona 467 dhaabuuf qophiin xumurameera.
Muummeen Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimad’s lammiileen biyya keenyaa akkuma kana duraa hojii kanarratti hirmaachuun ashaaraa isaanii akka kaa’aan waamicha dhiyeessaniiru. Kanaaf uummanni biyya keenyaa daangaa hanga daangaatti jiru waamicha egeree dhalootaa bu’uura cimaarratti ijaaru kana fudhachuun akkuma kana duraa irree gamtoomeen biqiltuuwwan dhaabuun ashaaraa keenya kaawwachuun seenaa haaraa dhalootaaf haa keenyuun dhaamsa keenya!


