Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf !

Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf !

  • 63
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 7 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 8 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 9 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuuf ! - Image 10 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Haaroomee: Hawaasa Baadiyyaa Fi Magaalaa Walitti Hidhuun Guddina Dinagdee Itti Fufiinsa Qabu Uumuuf !


Seenaa guddina hawaasaa keessatti, badhaadhinni baay’ina qabeenyaatiin osoo hintaane, dandeettii qabeenya gara humna oomishtummaa qindaa’atti jijjiiruutiin murtaa’eera. Biyyoonni tokko tokko badhaadhina isaanii caasaalee ijaarsatiin agarsiisan; kaan ammoo dandeettii oomishtummaa ummata isaanii qindeessuun ijaaran. Garaagarummaan isaanii bu'uuraalee misoomaa qabaachuu ykn dhabuu miti; falaasama misoomaa isaanii keessatti argama.

Har'as gaaffii murteessan sunuma; “misooma jechuun maal jechuudha?” Yeroo baay'ee misoomni biyya tokkoo, waan ijaan muldhatuun madaalama. Gaaffileen baramanis: daandii meeqatu ijaarame? Gamooleen samii tuqan meeqatu dhaabbate? Magaalaan hammam baldhate? Yaa’insi invastimantii hagam dabale? kan jedhanidha. Gaaffiileen kunniin barbaachisoo ta'anis, imala seenaa kan murteessan miti. Gaaffii murteessaan jiru tokko; innis, “𝗗𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗼𝗼𝗺𝗶𝘀𝗵𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗵𝗮𝗴𝗮𝗺 𝗾𝗶𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗲?” kan jedhu.

Seenaa addunyaa keessatti biyyoonni magaalota gurguddoo ijaaran hedduudha. Kanniin ‘sirna hawaasa omishaa’ ijaaran garuu muraasa. Magaalaan ‘niguddata’; hiyyummaan garuu ittifufa. Bu'uuraaleen misoomaa nibabaldhatu; qabeenyi garuu hinuumamu. Kanaafuu, guddinni marti misooma miti. Misooma jechuun qabeenya dabaluu qofa miti; dandeettii oomishtummaa qindaa’aa ijaarudha.

Misoomni dhugaa yemmuu humnoonni oomishaafi bu’uuraaleen omishaa marti — nama, beekumsa, ogummaa, dhaweessummaa, kaappitaala, qabeenya umamaa, meeshaalee omishaa, teknoolojii, dhaabbileefi mootummaa — sirna tokko keessatti walitti hidhamanii dandeettii oomishtummaa qindaa'aa ta'an qofa dhalata. Yaanni kun qajeelfama hojii mootummaa naannoo keenyaa qofa miti. Bu'uura falaasama misoomaa Mootummaa Jijjiiramaati.

Nuti misooma akka tarree pirojektoota adda addaatti hinilaallu. Akka adeemsa humnoota omishaafi bu’uuraalee omishaa, sirna oomishtummaa tokko jalatti qindeessuutti ilaalla. Garaagarummaan kun kan hiika jechootaa qofa miti; garaagarummaa ilaalchaati. Misoomni yaada keessaa dhalata; sirna keessatti guddata; pirojektiin ammoo bu'aa isaa ta'a.

Yeroo hedduu, hiyyummaan qabeenya dhabuurraa hinmaddu. Qabeenya qindeessuu dhabuurraa madda. Ummanni kennaa umamaati; oomishtummaan garuu bu’aa hojii mootummaafi dhaabbileeti. Bishaan jiraachuu danda'a; omishni hinjiraatu. Laftii jiraachuu danda'a; galiin hinjiraatu. Dargaggoonni jiraachuu danda'u; hojiin hinjiraatu. Kanaaf rakkoo guddaan qabeenya dhabuu osoo hintaane, sirna oomishtummaa qabeenya jiru gara humna qabatamaatti jijjiiru ijaaruu dadhabuu ta'a. Hiyyummaan bu’aa dhaabbatummaati (institutional) malee bu’aa umamaa miti.

Ce'umsi yeroo muraasaaf milkaa'uu danda'a. Haata’u malee sirna ta'uu baannaan hinfulla’u. Kanaaf galmi keenya jijjiirama jalqabuu qofa miti; jijjiirama sana dhaabbata, seera, hojimaata, aadaa hojii, sirna hoggansaafi mala jireenyatiin utubuudha. Misooma waaraan dhaabbileedhan jiraata.

Ija kanaan, nuuf mootummaa jechuun aangoo qofa miti; dandeettii oomishtummaa hawaasaa ijaarudha. Mootummaan ofii qabeenya hinuumu; sirna qabeenyi itti umamu ijaara. Daandii qofa hinijaaru; dinagdee daandii sanarraa dhalatu ijaara. Mana barnootaa qofa hinbanu; sirna dhaloota dorgomaa humna oomishtummaaa ta’e baasuuf tolu ijaara. Bishaan qofa hindhiyeessu; sirna-ikkoo misooma jallisii gabeessummaa omisha qonnaa babaldhisu ijaara. Kanaaf, gaheen mootummaa pirojektii raawwachuu qofa osoo hintaane, sirna oomishtummaa dhaloota ittaanutti ce’u ijaarudha.

Sirni oomishtummaa ofumaan hinijaaramu. Humnoonni oomishaafi bu’uuraaleen omishaa ofumaan walitti hinqindaa’an. Qindeessaa barbaadu. Gaheen hoggansaas kanuma. Hoggansi qabeenya hinuumu; humnoonni oomishaafi bu’uuraaleen omishaa akka walitti hidhatanii sirna ta'an taasisa. Hoggansi tarsiima’oo, hojiilee takka lamee raawwachuu caalaa, sirna raawwii hojii ijaara.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.