Ashaaraan magariisaa yaadama injifannoo milkeessedha!

Ashaaraan magariisaa yaadama injifannoo milkeessedha!

  • 10
Ashaaraan magariisaa yaadama injifannoo milkeessedha! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Ashaaraan magariisaa yaadama injifannoo milkeessedha! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Ashaaraan magariisaa yaadama injifannoo milkeessedha! - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Ashaaraan magariisaa yaadama injifannoo milkeessedha! - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Ashaaraan Magariisaa Yaadama Injifannoo Milkeessedha!


Ashaaraan Magariisaa jijjiirama qilleensaa qolachuufi dachee deebisanii bayyanachiisuu bira darbee nyaata madaalawaa kennuu, madda galii biyyaafi dhuunfaa guddisuu, carraa hojii bal'aa uumuu, miidhaginaafi hawwattummaa naannoo dabaluu, dachee magariisa taasisuun guddina diinagdee biyyaa humneessuu keessatti qooda guddaa qaba.

Biyyi keenya Itoophiyaan barii jijjiiramaa irraa eegalee hojii gama Ashaaraa Magariisaan hojjechaa jirtuun hirmaannaa lammiilee hundaan seenaa injifannoo boonsaa abdii dhaloota har'aafi egeree ta'e galmeessaa jirti. Biqiltuu har'a dhaabnuunis qilleensa qulqulluu, dachee gabbataafi hawwataa uumuun akka danda'amu qabatamaan Addunyaatti agarsiisuun fakkeenya gaarii ta'uu dandeessee jirti.

Kanaanis biyyi keenya beekamtii garaa garaa sadarkaa Idil Addunyaatti kan argatteefi Itoophiyaan Afrkaa keessaa hojii Ashaaraa Magariisaan adda duree ta'uufi jijjiirama qilleensaa to'achuun Addunyaaf fakkeenya ta'uun mirkanaa'eera. Kunis Ashaaraan magariisaa yaadama injifannoo milkeesse ta'uu agarsiiftuu guddaadha.

Kanaafuu, Biyyi keenya qabeenyi uumamaa guddinaafi badhaadhina biyya tokkoo murteessuu bira darbee dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'uu hubachuun,kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti. Akka biyyaattis mancaatii qabeenya uumamaa mudate qolachuuf tarkaanfii haaraa sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojiirra ooleen qormaata gara carraatti jijjiiruun danda’ameera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaafi idileedhaan waggaa waggaan biqiltuun tajaajila lammummaan dhaabamaa kan dhufe yoo ta’u, waggoota torban darban keessatti biqiltootni gosa garaagaraa akka biyyaatti dhaabamaa turan keessaa Oromiyaatti biqiltuuwwan biliyoona 28 ol dhaabamaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman keessaas ol kan qabate yoo ta'u, kanaanis uwwisni Bosona Oromiyaa irra ture gara 29tti ol gudduu danda’ee jira.

Ganna bara 2018/2019 kanas biqiloota gosa garaagaraa akka biyyaatti biiliyoona 8 ol dhaabamuuf karoorfaman keessaa Oromiyaatti biqiltuuwwan garaa garaa biliyoona 5.3 sagantaa Ashaaraa Magariisaafi idileen dhaabamuuf karoorfamee jira.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.