Sirni walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marii Paanaaliin Finfinneetti kabajamaa jira.

Sirni walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marii Paanaaliin Finfinneetti kabajamaa jira.

  • 8
Sirni walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marii Paanaaliin Finfinneetti kabajamaa jira. © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Sirni walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marii Paanaaliin Finfinneetti kabajamaa jira. - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Sirni Walharkaa Fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa Marii Paanaaliin Finfinneetti Kabajamaa Jira.


Sirni walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marii Paanaaliin Finfinneetti kabajamaa jira.
= = =

Sirni Gadaa Oromoo sirna siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa uummanni Oromoo ittiin of gaggeessaa har'a ga'e yoo ta'u, falaasama guddaa calaqqee sirna dimokiraasii uummatichi Addunyaa badhaaseefi mallattoo eenyummaa, Seenaa, safuu, aadaafi duudhaa Oromoo hambaa dhalootaa dhalootatti darbuun har'a gaheedha.

Sirna Gadaa keessatti aangoo Gadaa tokko irraa gara Gadaa birootti yommuu darbu karaa nagaa, marii, waliigaltee fi kabaja seeraatiin raawwatama. Kunis itti gaafatamummaa, walqixxummaa fi hirmaannaa uummataa cimsuun sirni tasgabbaa'aan uummataan akka ijaaramu taasisa.

Haaluma kanaan sirna walharkaa fuudhinsa Alanagee Gadaa Tuulumaa marsaa 71ffaa Gadaa Meelbaa irraa gara Muudanaatti taasifamu marii paanaaliin Finfinnee Godambaa yaadannoo injifannoo Adwaatti kabajamaa jira.

Marichi walta'iinsa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin kan qophaa'e yoo ta'u, bakka Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniifi keessummoonni biroon argamanitti kabajamaa jira.

Sirni kun sirnoota garaa garaan Waxabajjii 4-7/2018tti geggeeffamuun aangoon /Alangeen Gadaa Meelbaa irraa gara Muudanaatti kan dabarfamu ta'a.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.