Tajaajilli Lammummaa: Duudhaa Waliif Tumsuu Irraa Gara Misooma Itti Fufiinsaatti!

Tajaajilli Lammummaa: Duudhaa Waliif Tumsuu Irraa Gara Misooma Itti Fufiinsaatti!

  • 59
Tajaajilli Lammummaa: Duudhaa Waliif Tumsuu Irraa Gara Misooma Itti Fufiinsaatti! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Tajaajilli Lammummaa: Duudhaa Waliif Tumsuu Irraa Gara Misooma Itti Fufiinsaatti! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Tajaajilli Lammummaa: Duudhaa Waliif Tumsuu Irraa Gara Misooma Itti Fufiinsaatti!



Mootummaan naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti deebi'uun

maraammartoo hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa ba'uuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Kana milkeessufis tarkaanfiiwwan haaraan baayyeen boocamee hojiirra ooleera.

Tarkaanfiiwwan kanneen keessaa Tajaajilli lammummaa isa tokko yoo ta'u, hojiiwwan waggoota torba darban hojjetamaniin hawaasa daangaa hanga daangaatti sochoosuun misooma waloo irratti injifannoo bu'uuraa galmeessuun waliif tumsuurraa gara misooma itti fufiinsaa qabu galmeessisutti cehuun danda'ameera.

Hojii tajaajila lammummaa duraan aadaa uummatichaa ture qindoomina mootummaafi uummataatiin hojiirra ooluun hojiiwwan hedduun raawwatamaniiru. Kanaanis maanguddootaafi namoota deeggarsa hin qabne hedduuf manneen jireenyaa ijaaruun/suphuun jireenyi isaanii akka fooyya'u taasifameera. Imimmaan isaanii haxaa'uun abdii haaraa akka horatan taasifameera.

Akkasumas daa'imman maatii harka qalleeyyii ta'an hedduuf meeshaalee barnootaa guutuun, uffataafi deeggarsa barbaachisaa dhiyeessuun yaaddoo malee barnoota isaanii akka hordofan taasifameera.

Gama biroon, lammiilee hirkattummaa jalaa baasuuf deeggarsi, meeshaalee hojii, sanyii filatamaa, maallaqaafi beeyiladootaa garaa garaa kennuun maatii hedduun of danda’anii jireenya isaanii akka fooyyeeffatan taasifamaa dhufeera.

Akkasumas bakka baajata mootummaan gahuuf hanqinni maallaqaa jiru guutuuf hirmaannaa uummataatiin manneen barnootaa, buufataalee fayyaa, daandiiwwan baadiyyaa, bishaan dhugaatiifi hojiiwwan misoomaa biroo bal’inaan raawwatamaaniiru. Kunis agarsiistuu guddaa duudhaa waliif tumsuu irraa gara misooma itti fufiinsaatti.

Fedhiin misoomaa uummatni keenya gama hundaan qabu sadarkaa hundattuu olaanaa waan ta’eef; bara baajataa 2018 xumurame kanatti hawaasni aadaafi duudhaa Oromoo gabbifatee naannoo isaa yeroo, humna, beekumsa, ogummaafi qabeenya qabuun gumacha tajaajila lammummaan taasiseen hojiiwwan misoomaa tilmaama qarshii biliyoona 496 caalu  raawwachuun akka danda’ame sanadni raawwii karoora hojiiwwan qaama raawwachiiftuu bara baajata 2018fi kallattiiwwan gurguddoo karoora bara baajata 2019f  yaa’ii caffee walga’ii idilee 11ffaa waggaa 5ffaa bara hojii caffee 6ffa Caffee Oromiyaatiif dhiyaate ni agarsiisa.

Ganna kanas gosoota hoiii 14 addaan baasuun tajaajilli lammuummaa Waqtii Gannaa eegalamee golee Oromiyaa hundatti geggeeffamaa jira.

Yeroo ammaa kanas hojiin kenna tajaajila lammummaa Gannaa bara kanaa aanaalee, magaalootaafi  goodinaalee oromiyaa hundatti  bal’inaan gaggeeffamaa jira.

Fuuldurattis tajaajilli lammummaa, aadaafi duudhaa Oromoo keessaa madde kunis, qindoomina mootummaa, deegartoota misoomaafi uummataatiin caalaatti cimee akka itti fufu gochuun murteessaadha. Kun tokkummaa hawaasaa jabeessuu, hirkattummaa hir’isuufi badhaadhina itti fufiinsa qabu galmeessuuf gahee olaanaa qaba.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.