Tuurizimii Oromiyaa; Dagatamuurraa Gara Diinagdee Utubuufi Maqaa Gaarii Biyyaa Ijaaruutti
Itoophiyaan biyyoota addunyaa qabeenya tuurizimii uumamaa, seenaa, aadaa fi amantaatiin badhaate keessaa tokko ta'uun beekamti. Hambaaleen seenaa, iddoowwan uumamaa ajaa'ibsiisoo, duudhaa fi aadaa saboota garaagaraatiin biyyattiin addunyaarratti beekamtii addaa gonfachiisaniiru. Qabeenyi kun ammoo naannolee biyyattii keessatti bal'inaan kan argamu yoo ta'u, keessumattuu naannoon Oromiyaa qabeenya tuurizimii uumamaa fi namtolcheen kan badhaatedha.
Oromiyaan bal'ina lafaafi baay'ina uummataa naannoolee Itoophiyaa keessaa guddaa ta'uu qofaan osoo hin taane, gaarren mimmiidhagoo, haroowwan hawwatoo, bosonawwan uumamaa, paarkiiwwan bineensotaa, holqawwan, burqaalee bishaan ho'aa, hambaalee seenaa fi aadaa akkasumas ayyaanota aadaa fi amantaa hedduu qabaachuun naannoo adda durummaan beekamtuudha.
Haa ta'u malee, waggoota dheeraaf qabeenyi guddaan kun diinagdeetti jijjiiramee jireenya hawaasa naannichaa akka jijjiiruuf hojiin hojjatame laafaadha. Xiyyeeffannoon seektarichaaf kenname gadi aanaa ta'uu isaatiin bu'uuraaleen misoomaa guutamuu dhabuu, hojii beeksisaa laafuu, invastimantii gahaan dhabamuufi rakkoolee birootiin seektarri tuurizimii dinagdee naannichaafi biyyaatiif gumaacha guddaa akka hin akka hin gumaachine ta'ee ta'e.
Har'a garuu haalli kun jijjiiramaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa seektara tuurizimii akka utubaa guddina dinagdeefi karaa maqaa gaariin naannichaa fi biyyaatti ittiin ijaaramu keessaa tokko ta'uu hubachuun xiyyeeffannoo olaanaa damichaaf kennee hojjachaa jira.
Karoora tarsiima'aa diriirsuun iddoowwan hawwata turistii haaromsuu, kanneen haaraa misoomsuu, bu'uuraalee misoomaa babal'isuu, tajaajila tuurizimii ammayyeessuu fi hirmaannaa damee dhuunfaa cimsuun hojii bal'aan hojjetamaa jira.Keessumaa waggoota muraasa darban keessatti iddoowwan hawwata turistii Oromiyaa keessatti argaman hedduun haaromfamanii sadarkaa idil-addunyaatti dorgomoo ta'aa dhufaniiru. Hojiin qabeenya uumamaa,seenaafi aadaa eeguu, kunuunsuu fi beeksisuurratti hojjetamaa jiru daran cimeera. Hojiin beeksisaa hojjatames humna Oromiyaan damee tuuriziimii irratti qabdu daraan beekamtii argachaa akka dhufu taasiseera.
Hojiin hanga ammaatti hojjatames bu'aa hedduu kan argamsiisaa jiru yoo ta'u, hunda caalaa maqaa gaarii naannoofi biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaatti ijaaraaa jira.
Tuurizimiin Oromiyaa har'a dagatamuurraa gara utubaa guddina dinagdee, madda hojii fi meeshaa maqaa gaarii naannichaa fi biyyattii addunyaarratti ittiin ijaarruutti ce'aa jira.


