Qonni ammayyaa'e; imala badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessaa jira!

Qonni ammayyaa'e; imala badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessaa jira!

  • 10
Qonni ammayyaa'e; imala badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessaa jira! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Qonni ammayyaa'e; imala badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessaa jira! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Qonni ammayyaa'e; imala badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessaa jira! - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Qonni ammayyaa'e; imala badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessaa jira! - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Qonni Ammayyaa'e; Imala Badhaadhina Biyya Keenyaa Mirkaneessaa Jira!


Qonni utubaa diinagdee Itoophiyaafi madda jireenya uummata keenyaa ta'ee tajaajilaa kan tureefi jiru ta'us, waggoota dheeraaf mala aadaa, humna namaafi loon irratti hirkachuun gaggeeffamaa waan tureef oomishaafi oomishtummaan isaa gadi aanaa ta'uun biyyi keenya wabii nyaataa lammiilee ishee mirkaneessuu dadhabuun harka biyyoota alaa akka eeggattu taasiseera. Kana malees galiin qonnaan bultootaa akka xiqqaatuufi guddinni diinagdee biyyatti akka harkifatus taasisisuun biyyi keenya hirkattummaafi eeggatummaa harka ormaa irratti akka kuftu taasisee jira.

Haa ta'u malee barii jijjiiramaa irraa eegalee rakkoo kana hundeerraa furuuf Mootummaan rifoormiiwwan garaa garaa damee qonnaa keessatti hojii irra oolchuun qonna biyyattii gara ammayyaatti ceesisuuf hojii bal'aa hojjechaa jira. Rifoormiiwwan kunneen qonna kilaasteraan misoomsuu, makaanizeeshinii qonnaa babal'isuu, dhiyeessii sanyii fooyya'aafi xaa'oo fooyyeessuu, teeknooloojii qonnaa hojii irra oolchuu, akkasumas tajaajila ogeessotaa cimsuu irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojii hojjetameen hirkattummaafi eeggattummaan seenaa ta'uun gara oomishtummaatti ce'uun danda'ameera.

Bu'aan hojii kanaas mootummaa, qonnaan bultootaafi qaamolee dhimmi ilaallatu hunda hirmaachisuun kan argame yoo ta'u, qonnaan bultoonni lafa isaanii kilaasteraan qindeessuun oomisha isaanii dachaan akka dabalu ta'aa jira. Qonni gateettii qotiyoorraa gara tiraakteraatti ce'uun yeroo hojii gabaabsee baasii hir'isuun oomishtummaa sadarkaa olaanan guddisaa jira. Akkasumas, sassaabbiin oomishaa harka qonnaan bulaa irraa gara kombaayinaraatti ce'uun hojii saffisiisuu, qisaasama oomishaa hir'isuufi qulqullina oomishaa eeguu keessatti gahee olaanaa akka taphatu taasifamaa jira.

Jijjiiramoonni kunneen oomishaafi oomishtummaa dabaluu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu, galii qonnaan bultootaa guddisuu, carraa hojii uumuu, indaastiriiwwan qonna irratti hundaa'an jajjabeessuu fi galii biyya keessaa fi alaa dabaluuf bu'uura cimaa uumaa jiru. Kunis birmadummaa diinagdee biyyattii bu'uura cimaa irratti ijaaraa jira.

Milkaa'inoota gama qonnaan akka biyyaatti argame keessatti mootummaa Naannoo Oromiyaa shoora adda duree taphateera. Waggoota muraasa darban keessa mootummaa naannichaa qonna kilaasteraan misoomsuu, makaanizeeshinii qonnaa babal'isuu, teeknooloojii ammayyaa qonnaan bultoota biraan ga'uu, sanyii filatamaa dhiyeessuufi hojii ekisteenshinii cimsuun jijjiirama akka biyyaatti dhufeef qooda guddaa ba'ateera.

Naannichatti, oomishaa gannaa bara kanaatinis hojii makaanizeeshinii qonnaa daran cimee itti fufee kan jiru yoo ta'u, Qonna Ganna bara kanaatinis lafti hektaarri mil.11.17 qophaa'ee hojjetamaa jira. Oomisha Qonna Ganna bara kanaarraa Callaan kuntaalli mil. 392 ni argama jedhamee eegama.

Walumaagalatti, qonna naannoo Oromiyaa mala aadaatirraa gara ammayyaatti ceesisuuf hojii mootummaafi hirmaannaa qonnaan bultootaatiin taasifamaa jiru bu'aa jajjabeessaa galmeessaa jira. Hojii kana itti fufiinsan hojjachun naannoofi biyyi keenya wabii nyaataa guutummaatti mirkaneessuu bira darbuun, oomisha qonnaatiin gabaa addunyaarratti dorgomuufi Afrikaaf fakkeenya ta'uu akkasumas qonni ammayyaa'e ijaarsa egeree biyya keenyaa mirkaneessuu irratti argama.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.