Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif !

Guddinaa fi jijjiirama biyya tokkoo keessatti kenni tajaajilaa mootummaan uummataaf kennu saffisaa, ammayyaa’aa,fi haqa qabeessa ta’uun murteessaa dha.Akka dhaabbileen idil Addunyaa kanneen akka Baankii Addunyaafi dhaabbata mootummoota gamtoomanii ibsanitti, taajaajilli mootummaa fooyya'aan guddina diinagdee saffisiisuufi nageenya hawaasummaa mirkaneessuu keessatti akka lafee dugdaatti murteessaa ta'uu ibsu.

  • 115
Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif ! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif !  - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif !  - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif !  - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif !  - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif !  - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Tajaajilaa Si'ataafi Ammayya'aa : Itti Quufinsa Uummataatiif !  - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Guddinaa Fi Jijjiirama Biyya Tokkoo Keessatti Kenni Tajaajilaa Mootummaan Uummataaf Kennu Saffisaa, Ammayyaa’aa,fi Haqa Qabeessa Ta’uun Murteessaa Dha.Akka Dhaabbileen Idil Addunyaa Kanneen Akka Baankii Addunyaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ibsanitti, Taajaajilli Mootummaa Fooyya'aan Guddina Diinagdee Saffisiisuufi Nageenya Hawaasummaa Mirkaneessuu Keessatti Akka Lafee Dugdaatti Murteessaa Ta'uu Ibsu.


Guddinaa fi jijjiirama biyya tokkoo keessatti kenni tajaajilaa mootummaan uummataaf kennu saffisaa, ammayyaa’aa,fi haqa qabeessa ta’uun murteessaa dha.Akka dhaabbileen idil Addunyaa kanneen akka Baankii Addunyaafi dhaabbata mootummoota gamtoomanii ibsanitti, taajaajilli mootummaa fooyya'aan guddina diinagdee saffisiisuufi nageenya hawaasummaa mirkaneessuu keessatti akka lafee dugdaatti murteessaa ta'uu ibsu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas kenna tajaajilaa saffisaa, qaqqabamaa fi haqa qabeessa taasisuuf tarkaanfii jajjabaa fudhachaa jira.
Magaalota gurguddoo naannichaa kanneen akka Shaggar, Adaamaa, Jimmaa, Bishooftuu fi Shaashamanneetti Wiirtuu tajaajila tokkoffaa (Masoob) eegalchiisuun jijjiirama qabatamaa dhufe hordofee magaalota naannichaa hedduuttis akka babal'atu ta'aa jira. kunis yeroo dheeraa tajaajila barbaacha hiriiraan dhaabbachuu uummataa, deddeebi’iinsa baay’ee fi baasii hin barbaachifne hir’isuun, hawaasa gara boqonnaa haaraatti ceesisaa jira.
Dabalataanis sirni itti gaafatamummaa akka dabalu taasisuun namni karaa haqaafi dhugaadhaan tajaajila mootummaa akka argatu taasisuu jalqabeera . Amanamummaan mootummaa fi uummataas akka jabaatu taasisaa jira.Gama biraatiin Magaalaa Shaggaritti kenni tajaajila socho’aa jalqabamuun, uummanni osoo hin rakkatin mana isaatti tajaajila mootummaarraa barbaadu argachuu akka danda'uuf ifatti hojii jalqabee jira.
Akkasumas,bifa addaatiin torbanitti guyyootni sadii : Wiixata,Roobiifi Jimaatni guyyoota abbaa dhimmaa akka ta'an mootummaa naannoo Oromiyaatiin murtaa’uun hooggansi Biirooo ykn Waajjira taa'ee uummata dhaggeeffachuun furmaata akka kennu ta'ee jira.Hojii itti fufiinsan hojjatameenis bakka baay'eetti rakkoon uummataa furamuu jalqabee jira.
Walumaagalatti, hojiin jalqabame kun bakka hooggansiifi hojjataan mootummaa uummata xiiqiin tajaajiluuf murteessetti abdii guddaa uumeera. Jalqabbii gaarii mul'ate kana jabinaan itti fufsiisuufi babal'isuun uummatni keenya boo'ee osoo hin taane boonee mootummaa isaatirraa tajaajila barbaadu karaa haqa qabeessa ta'een akka argatu taasisuun dirqama caasaa sadarkaa sadarkaan jiruuti.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.