Qonna Hundeerraa Jijjiiruun Oomishaafi Oomishtummaa Guddisuun Dandaa'ameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii misooma baadiyyaatiif xiyyeeffannoo kennuun galmoota gurguddaa afran wabii nyaataa mirkaneessuu,oomisha alaa galan kan biyya keessan bakka buusuu,al ergii guddisuufi carraa hojii uumuu haala dandeessisu irratti hojjechaa jira.Hojii hanga ammaatti hojjatameenis bu'wwan gurguddoon galmaa'anii jiru.
Gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa kurmaana 3ffaa bara 2018 Bishooftuutti taa'amaa jiru ilaalchisuun hojiiwwan waliigalaa kilaastera misooma baadiyyaan ji'oottan saglan darban keessa hojjetaman irratti Hoggantuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa kennaniinis, diinagdee ijaaruuf hojiin misooma baadiyyaa murteessaa ta'uu kan himan Aadde Masarat kana milkeessufis wabii nyaataa mirkaneessuufi al ergii guddisuun murteessaa dha jedhan.
Kanuma bu'uura taasisuun naannichatti Qamadiin hektaarri miliyoona 3.4 faca'uun callaan kuntaala miliyoona 62 ol argamuu kan ibsan aadde Masarat, dhiyeessii Xaa'ootiinis wal qabatee kuntaala miliyoona 7 ol yeroo ammaa jiraachuu himaniiru. Qorannoon mirkanaa'uun, Sanyiin haaraan 24 kuntaalli kuma 7000 baay'ifamuus himaniiru.
Misooma bunaa ilaalchisee yaada kennaniin, biqilaan bunaa biliyoona 2.8 qophaa'uufi biqilaan baala shayee godinaalee Iluu Abbaa Booraa,Beddelleefi Jimma keessatti akka qophaa'aa jirus eeranii jiru.
Gama misooma lafaatinis, lafti mil.1.2 kaadesteraalaan galmaa'uufi waraqaan ragaa qabiyyee kuma 800 ol kennamuu akkasumas kaartaan kennamaa turuu Aadde Masarat eeraniiru.
Hojii jallisiin walqabatee paampiin kuma 20 raabsamuufi pirojeektiwwan hedduun hojjetamaa akka tures dubbataniiru.
Margi nyaata horii toonii kuma 265 walitti qabame yoo ta'u, faalama naannoo hir'isuuf hojii hojjetameen kaarboniin toonii mil.12.4 akka hir'ifamee jira. Projektoonni bishaan dhugaatii 1,549 hojjetamuus eeraniiru.
Akka waliigalaaatti Qusannaa cimsuu, aanaalee of dandeessisuun qonna naannichaa ceesisuu fi kenna tajaajilaa fooyyessuuf hojjatamuu akka qabu aadde Masarat yaadachiisaniiru


