Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa Biyyi Keenya Geggeessuuf Jirtuuf Maanifeestoofi Mallattoo Filannoo Isaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumeetti Ifoomseera.
Sagantaa kana irratti argamuun haasawaa kan taasisan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa Paartiin badhaadhinaa dhimmoota uummataaf bu'aa buusuu danda'an lakkaa'uun waadaa galuuu, waadaa gochaan dhugoomsuun seenaa hojjechaa jiraachuu himuun, ammas seenaa itti aanuu hojjechuuf qophii barbaachisu xumuruu ibsaniiru.
Biyya diigamuu irraa baraaruun mul'ata Itoophiyaa badhaate ijaaruu qabatee hojii hojjechaa jiruun ijaarsi hidha haaromsa guddichaa xumuramuu, oomisha qamadiifi misooma koriideriin milkaa'inni gaggaariin argamaa jiraachuu himaniiru.
Seenaa Itoophiyaa keessatti boqonnaan amma irratti argamnu murteessaa waan ta'eef egeree biyya keenyaa bu'uura amansiisaa irratti ijaaruuf akka hojjetamu dubbataniiru.
Kanaaf Biyya keenya rakkoo keessaa baasuu qofaa osoo hin taane egeree amansiisaa uumuufi biyya fakkeenya badhaadhinaa taate ijaaruuf akka hojjetamuufi nageenya waaressuu, guddina sirna dimokiraasiifi guddina diinagdee biyyaaf kan hojjetamu ta'uu himaniiru.
Kanaaf waggoottaan shanan itti aanan keessatti Itoophiyaa mallattoo badaadhina Afrikaafi fakkeenya badhaadhina Addunyaa taate ijaaruuf kutannoon kan hojjetamu ta'uu kaasuun, ajandaawwan dhaalaan ce'en wal'aanuufi fayyisuun carraawwan har'a of harkaa qabnuun ammoo biyyaafi dhaloota ijaaruuf kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.
Biyya cimtuu, dimokoraatoftuu, sobboontuufi fudhatamummaan ishee mirkanaa'e ijaaruuf fulla'insaan kan hojjetamuufi ajandaawwan sodaa wal dhabdee ta'an marii biyyaalessaa eegalemeen hiikamaa akka deeman kan hojjetamu ta'uus eeraniiru
Tajaajila iddoo tokkoo eegalame cimsuun hawaasni keenya kenna tajaajilaa si'ataa, haqa qabeessaafi iftoomina qabu akka argatu, manneen murtii aadaa babal'isuun haqa waloo uummata keenyaa mirkaneessuuf kan hojjetamu akkasumas Biyyaafi naannoo keenya gargaaramtummaa jalaa baasuun humnaafi qabeenya qabnuun ariitii, kalaqaan dabaluun gara oomishtummaatti ceesisuuf kan hojjetamu ta'uus dubbataniiru.
Bissiin Qamadii fakkeenya Ida'amuu, tokkummaa, birmadummaa, walabummaa, walooma, fakkeenya eebbaafi badhaadhinaa ta'uus Obbo Kaffaaloon Tafarraa himaniiru.


