Daandiin Bu'uura Guddina Diinagdee Biyyaati!
Bu'uuraalee misoomaa babal'isuun rakkoo hawaasa keenyaa furuu bira darbee guddina diinagdee biyya keenyaa saffisiisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yoo ta'u, misoomni daandii ammoo bu’uuraalee misoomaa sochii uummataa salphisuun walitti hidhaminsa gabaafi hawaasa keenyaa humneessuun karoora imala badhaadhina biyya keenyaa milkeessuu keessatti ga'ee guddaa kan taphatudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas barii jijjiiramaa irraa eegalee jijjiirama roga hundaan dhufaa jiru itti fufsiisuuf rakkoo hawaasa keenyaa gama hundaan furuun karoora imala badhaadhina biyya keenyaaf humna guddaa ta'uun bu'aalee hawaasa keenyaaf abdii guddaa ta'an argamsiisaa jira.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa odeeffannoo naannichaa olaantummaan bulchuu, maqaa gaarii naannichaa roga gaariin ijaaruu, wal-amantaan gaariin Mootummaafi uummata gidduutti akka dagaaguufi dhimmoota tarsiimoo, imaammataa, hawaas-diinagdeefi karoora mootummaa irratti riqicha uummataafi mootummaa walitti fidu ta'uun komii gama misoomaan darbee darbee hawaasa keenya biratti mu'atu irratti qaamni dhimmi ilaalu iftoomina uumuun xiyyeeffannoo akka argatuuf hojjechaa jira.
Haaluma kanaan Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa guyyaa har'aa kanas dhimmoota waliin gahi'insa pirojeektii daandiin walqabatan irratti Godinaalee 18, Magaalota 17 fi Aanalee 133 keessatti qorannoo geggeessuun Biiroo Misooma Daandiifi Loojistikii Oromiyaa affeeruun iftoominni akka uumamu taasiseera.
Biirichi naannicha keessatti misooma daandii, bu’uuraalee geejibaafi loojistiksii karoorsuu, qorachiisuu, hojjechiisuu, suphuufi bulchuuf itti-gaafatamni kennameefi caasaa hanga aanaatti diriirfatee hojjechaa kan jiru yoo ta'u, Naannoo Oromiyaatti Misooma suphaa Daandii hanga amma hojjetameen daandiin kiloomeetirri Kuma 68 suphamuun tajaajila kennaa jiraachuu biirichi ibsuun, kan hojjetamaa jiranis yeroo gabaabaa keessatti hojjetee xumuruuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu eereera.
Gumii kana irratti hoogganaa itti aanaan Biirichaa Injinar Caalaa Abdii misoomni daandii bu'uuraafi hidda dhiigaa guddina dinagdee biyya tokkoo ta'uu himuun, hojiiwwan gurguddoo misoomaafi suphaa daandii akkasumas riqaawwanii biirichaan hojjetamaa jiraachuufi xyyeeffannoo hojii misooma daandiif kennamee hojjetamaa jiruun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojii hanga ammaatti hojjetameen naanichatti riqaawwan waliigalaa 487fi riqaawwan rarra'aa 70 ol xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu kaasuun, suphaa daandiin walqabatees daandiin kiiloomeetira Kuma 1 suphamee tajaajilaaf oolaa jiraachuu himaniiru.
Hojii suphaa daandii waliigalaan waggoottan kurnan darban kiloometira 51 irra ture Yeroo ammaa kiloomeetira Kuma 68 irraan ga'uun kan danda'ame ta'uu himuun, Fandii marmaartuu, hirmaannaa hawaasaa qarshii biliyoona 2 ol sassabuun hojii suphaafi misooma daandiifi oolchuun kan danda'ame ta'uu dubbataniiru.
Qulqullina hojii daandiifis deeggarsaafi hordoffiin cimaan taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Daarektararri qindeesaa bulchiinsa qabeenya daandii Biiroo Daandiifi Loojistikii Oromiyaa Injinar Nugusee Kabbada hojii suphaa daandii naanichaaf Mootummaan xiyyeeffannoon olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu himuun, hojii suphaa daandii naanichaa qaqqabamaafi saffisaa taasisuuf bara 2017 maashinoota gurguddoo 20 akkasumas bara kana maashinaroota 20 bituun hojii suphaa daandiif oolchuu ibsaniiru.
Bu'uuralee misooma dinagdee biyyaafi naannoo kan ta'e industirii geejjibaa Oromiyaa keessatti babal'isuufi ammayyeessuun kenniinsa tajaajilaa si'ataa, mijaa'aa hawwataa taasisuufis biirichi hojii misoomaa bu'uuraalee geejjibaafi buufataalee konkolaataa qindaawaa ijaaree xumuramuun tajaajilaaf banaa taasisaa jiraachus kaasaniiru.
Sagantaan walitti hidhamiinsa daandii baadiyyaa galma gahiinsa wabii nyaataafi daandii haaraa baadiyyaa keessatti ijaaruu, suphuufi, riqaawwan rarra'aafi gurguddaan ijaaramu aanaalee 35 keessatti hojiirra oolaa jiraachuufi Sagantaa kunis baajeta naannoofi Baankii Addunyaan kan uwwiffamu ta'uun ibsameera.


