"Galmoota gurguddaa Mootummaan qabate milkeessuuf hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoo galmaa'aniiru" "Saadaat Nashaa

"Galmoota gurguddaa Mootummaan qabate milkeessuuf hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoo galmaa'aniiru" "Saadaat Nashaa

  • 25
"Galmoota gurguddaa Mootummaan qabate milkeessuuf hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoo galmaa'aniiru" "Saadaat Nashaa © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Galmoota gurguddaa Mootummaan qabate milkeessuuf hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoo galmaa'aniiru" "Saadaat Nashaa - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

"Galmoota Gurguddaa Mootummaan Qabate Milkeessuuf Hojii Hojjetameen Bu'aawwan Gurguddoo Galmaa'aniiru" "Saadaat Nashaa


Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Qindeessaan Kilaastara hawasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Saadaat Nashaa raawwii hojii bara 2018 kilaastara hawaasummaatin raawwataman ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin hojiiwwan bara kana raawwachuuf karoorfaman raawwii jajjabeessaan galmaa'eera jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gurguddaa sadi hiyyummaa injifachuu, doofummaa balleessuufi sirna ijaaruu qabatee milkeessuuf kilaastarri hawaasummaa hojii hojjeteen bu'aawwan gurguddaa galmaa'ùu ibsaniiru.

Galmoota gurguddoo akka mootummaatti qabaman dhugoomsuuf kilaastarri hawaasummaa hammayyummaafi dorgomummaa galmasaa godhetee hojjetaa ture.

Haaluma kanaan dhaloota dorgomaafi ofitti amanamummaa qabu hurachuuf hojii hojjetameen bara kana barattoonni miliyooonni 12.4 ol baruufi barsiisuu karaa guutuu ta'een akka hordofan taasifameera jedhan.

Cabiinsa barnootaa mudate bu'urarraa furuuf sadarkaa gadiirratti.hojjetuu kan gaafatu ta'uu kan dubbatan obbo Saadaat bara kana qofa hirmaannaa uummataatin manneen bartootaa bu'ura boruu 2,962 ijaaruun tajaajila akka kennen taasifamuu himaniiru.

Kana malees barsiistootaafi hooggansa mana baruumsaa sadarkaan jiruf leenjiin garaa garaa kan kennameefi adeemsa baruu barsiisuu keessatti bu'aan qabatamaa galmaa'aa jiraachuus eeraniiru.

Gama biraatin kilaastara hawaasummaatin hojii xiyyeeffannaan kenname hojjetamaa jiru keessaa hawaasa fayya buleesa ta'eefi misooma keessatti dammaqinaan hirmaatu horachuuf hojii hojjetamaa jiru ta'uu kan kaasan Obbo Saadaat gama kanaanis milkaa'inoonni gurguddaan galmaa'aniiru jedhan.

Hawaasni yaaddoo malee tajaajila fayyaa akka argatu hojii hojjetameen bara kana hawaasni miliyoona 32.6 miseensa inshuraansii fayyaa ta'eera.

Rakkoo dhiyeessii qorichaa furuufis manneen qorichaa hawaasaa babal'isuuf hojii hojjetameen mannaan qorichaa hawaasaa 759 qaqqabsiisuun kan danda'ame ta'uu himaniiru.

Miidhaa dubartootaa irra gahu hambisuufi fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf hojii hojjetameenis dubartoonni ijaarama garaa garaa keessatti akka ijaaraman taasifamuun fayyadamummaan isaanii akka dabalu taasifameera

Dargaggoonni humna misoomaafi nageenyaa akka ta'an hojii hojjetameenis dargaggoonni eeggattummaa malee hojii misoomaafi nageenyaa keessatti adda durummaan qooda akka fudhatan taasifameera.

Duudhaa ganamaa jiru bakkatti deebisuuf hojii hojjetameenis ardaaleen jilaa badan bakkatti akka deebi'an taasisuuf hojii hojjetameen ardaaleen jilaa hedduun bakkatti deebi'aniiru.

Walumaagalatti kilaastarri hawaasummaa galmoota qabate milkeessuuf hojii hojjeteen bu'aawan gurguddaa imala badhaadhina qabame milkeessuu keessatti shoora olaanaa kan qaban ta'uu Obbo Saadaat ibsaniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.