Mul'anni Mootummaa , Biyya Gara Badhaadhina Diinagdee, Tasgabbii Hawaasummaa Fi Guddina Siyaasaa Waaraatti Ceesisuudhaa . Galma Kana Milkeessuuf, Beekumsi, Kalaqni Fi Hubannoon Hayyootaa Murteessaa Dha. Hayyoonni Buʼaa Qorannoo Isaanii, Ogummaa Isaanii Fi Muuxannoo Isaanii Fayyadamuun Rakkoolee Hawaasaa Hiikuuf Furmaata Saayinsaawaa Fi Hojii Irra Oolu Dhiyeessu. Kanaaf, Ijaarsa Sirna Bulchiinsa Gaarii, Diinagdee Ammayyaa, Akkasumas Guddina Aadaa Fi Teknooloojii Keessatti Gaheen Hayyootaa Olaanaa Fi Murteessadha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo adda addaatti hayyoota waliin marii taasisuun imala badhaadhina maatiifi biyyaa keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahatan taasisaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har'aa Mariin paanaalii misoomaafi qorannoo dhaabbilee barnootaa ol'aanoo hayyoota Yuunivarsiitiifi hoggantoota mootummaa hirmaachise Magaalaa Jimmaatti taa’amaa jira.
Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Dr.Abdullaaziz Daawud mata duree ‘’Hirmaannaa dhaabbileen barnootaa ol'aanoo ijaarsa biyyaaf qabu’’ jedhurratti qorannoo dhiyeessaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo barnootaaf kenneen imalli badhaadhinaa qorannoo hayyootaan kan utubameedha jedhan, Ittigaafatamaa Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa, Obbo Namarraa Bulii.
Imala badhaadhinaa keessatti hanqinaafi cimina jiru qorannoon adda baasuun hojii itti fufu ta'uus eeraniiru.


