Sagantaa Duula "Na Filadhaa" Godina Jimmaa Aanaa Maannaa.
Paartiin Badhaadhinaa biyya sabdaneessummaa, walqixxummaa fi tokkummaa irratti hundaa’e ijaaruudhaan Itoophiyaa gama hundaan fakkeenya taatu uumuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira.
Haaluma kanaan Guyyaa har'dhaa Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti duullii nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa bakka I/G Ijaarsa Paartii Badhaaninaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii fi Bulchaan Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir akkasumas hoggansi sadarkaa federaalaa fi naannoo,godinaa argamanitti hawaasni bal'dhiinaan ba'uun duullii "Na filadhaa" bifa ho'aa fi ajaa'ibsiisaa ta'een gaggeeffamee jira.


