Gamaggamni Raawwii Hojii Mootummaafi Paartii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gaggeeffamuu Eegale
Gamaggama raawwii hojii kanaan milkaa'inoota damdaneessa bara 2018 argamaniifi hanqinoota turan qorachuun kallattiin karoora hojii bara 2019 akeeku ni kaa'ama.
"Yoo qusanne malee bakka gahuuf karoorsine gahuu hin dandeenyu" PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa
=
Gamaggama Mootummaafi Paartii gaggeeffamaa jiru irratti Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa kallattii gamaggamichaaf kennaniin dhimmoota shan gurguddoorratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan.
1. Maal hojjenneet milkoofne? Sababni milkaa'ina keenyaa maali? Dhimmoonni irratti hin milkoofne hoo maaliif milkaa'uu dhaban kan jedhu sirriitti adda bahuun irratti mari'atamuu akka kaasan.
2 Karoorrifi Poteenshaala keenya wal simaa kan jedhu ilaalamuu akka qabuufi Karoorri bara kanaa carraa qabnu giddugaleessa kan goodhate ta'uu xiyyeeffannaan ilaalamuu akka qabu ibsaniiru.
3. Humnoota waloo sadan qindeessuun hojiirra olaa jiraachuun xiyyeeffannaan gamaggama kana irratti ilaalamuu akka qabus eeraniiru.
4. Qusannaafi investimantii
Hojii hojjennu hunda keessatti qusannaaf hangam xiyyeeffannaan kennamee hojjatamaa akka jiru, yoo qusannee malee bakka yaanne qaqqabui hin dandeenyees dubbataniiru.
Investimantiin akka ababl'atuufi bu'aa barbaadamu irra argachuuf hangam hojjenneerra kan jedhuu ilaalamuu akka qabu ibsameera.
5.Hooggansa
Hooggansa yeroon barbaaduufi dirqama isaa qulqullinaan bahachuu danda'u horatamaa jiraachuu waltajjii gamaggama kanaan xiyyeeffannaa olaanaan kennamee mari'atamuu akka qabu Pireezidaant Shimallis Abdiisaa kallattii kaa'aniiru.


