"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa

Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti xiyyeeffatu mata duree "Waadaa gochaan: Filannoo hanga Filannootti" jedhuun qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan Magaalaa Finfinnee giddu gala Aadaa Oromootti banameera.

  • 16
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 7 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 8 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa gale hunda gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira." Obbo Hayiluu Addunyaa - Image 9 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Sagantaan Egzibiishinii Raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waggoottan Shanan Darban Irratti Xiyyeeffatu Mata Duree "Waadaa Gochaan: Filannoo Hanga Filannootti" Jedhuun Qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan Magaalaa Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti Banameera.


Baninsa sagantaa kana irratti argamuun haasawaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Biyya jabduufi mootummaa cimaa qormaata kamuu qolachuun dinagdee itti fufiinsa qabu, misooma hawaasummaa bu'uurri isaa cimaa ta'e, egeree amansiisaa ijaaruuf boqonnaa haaraan saaqame injifannoo wareegama qaalii kaffalameen galmaa'uu eegale cimee itti fufuu ibsaniiru.


Mootummaan imaammata, tarsiimoofi sagantaalee garaagaraa qopheessuun inisheetiiviiwwaniin masakee baay'ina, qulqullinaafi ariitiin hojjechuun badhaadhina bu'uura amansiisaa irratti ijaaraa jiraachuu kaasuun, Waadaa gale hundas gochaan dhugoomsaa filannoo hanga filannoottis hojii hojjetamaa dhufeen, waadaa gale raawwatee, sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jiraachuu dubbataniiru.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama akka biyyaatti qabame adda durummaan milkeessuun harka tokkoon olaantummaa seeraa mirkaneessaa harka biraatiin hojii misooma itti fufiinsaan hojjechuun aantummaa uummata isaaf qabu mirkaneessuu irratti akka argamu himuun, kanaanis; qormaatilee imala jijjiiramaa gufachiisuuf carraaqan karaa irraa maksaa, injifannoowwan argame bu'uuressuun kan danda'ame ta'uu himaniiru.


Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa imala ijaarsa sirnaa eegalame bifa gurmaa'eefi qindaa'een gaggeeffamaa jiru irratti uummanni iftoominaafi hubannoo argatee deeggaruun gahee isaa akka bahatu taasisuufi fayyadamummaan uummataas akka mirkanaa'uuf hojjechaa jiraachuu eeruun, hojiin Mootummaa naannichaa karaa qindaa'een akka beeksifamu, odeeffannoon sirnaan akka bulu, maqaa gaariin naannoofi biyyaa akka ijaaramu, aangoo kennameef qixa barbaadamuun hojiitti akka hiikamu taasisee jiraachuu Obbo Hayiluun dubbataniiru.


Kanaafis Sagantaan Egzibiishiniin guyyaa har’aa kun agarsiiftuu guddaa ta'uu himuun, sagantaa kanarratti hojiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota Shanan darban hojjetamaa turan danuu keessaa muraasni agarsiisaaf dhiyaachuu eeraniiru.  


Biiroleefi dhaabbileen Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojii waggoottan Shanan darbe hojjetamaa dhufe agarsiisuuf dhufan karaa qindoomina qabuufi galma waloo mirkaneessuun beeksisuufi hubachiisuun akka isaan irraa eegamus dhaamaniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.