Dhiiga waliif arjoomna malee dhiiga walii hin dhangalaasnu!

Uummanni Oromoo uummata aadaa, duudhaafi sirna ittiin bulmaataa mataasaa qabuudha. Uummanni kun Gaaddisa sirna Gadaa jalatti walgurmeessuun qajeeltoo sirna Gadaatiin wal qajeelchee bulaa tureera. Haa tau malee sababoota adda addaatiin adaduma sirni Gadaa laafaa dhufe hireefi gamtaan uummatichaas laamsha'uun harka gita bittootaatti akka kufu ta'eera. Sirni gita bittootaas uummata kanarraa sodaa guddaa waan qabaniif akka inni lammaffaa mataa olqabachuu hin dandeenyetti cunqursaafi gidiraa ilma namaarratti raawwachuu dhiisii dhaga'uuf namatti hin tolle uummata guddaa kanarratti raawwachaa turaniiru. Ta'uus, garuu uummatichi gidiraafi cunqursaa kanaaf osoo mataa gadi hinqabatin karaa bittinnaa' eefi gurmaa'een qabsoo hadhooftuu taasisaa tureera.

  • 24
Dhiiga waliif arjoomna malee dhiiga walii hin dhangalaasnu! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dhiiga waliif arjoomna malee dhiiga walii hin dhangalaasnu! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dhiiga waliif arjoomna malee dhiiga walii hin dhangalaasnu! - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dhiiga waliif arjoomna malee dhiiga walii hin dhangalaasnu! - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dhiiga waliif arjoomna malee dhiiga walii hin dhangalaasnu! - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Uummanni Oromoo Uummata Aadaa, Duudhaafi Sirna Ittiin Bulmaataa Mataasaa Qabuudha. Uummanni Kun Gaaddisa Sirna Gadaa Jalatti Walgurmeessuun Qajeeltoo Sirna Gadaatiin Wal Qajeelchee Bulaa Tureera. Haa Tau Malee Sababoota Adda Addaatiin Adaduma Sirni Gadaa Laafaa Dhufe Hireefi Gamtaan Uummatichaas Laamsha'uun Harka Gita Bittootaatti Akka Kufu Ta'eera. Sirni Gita Bittootaas Uummata Kanarraa Sodaa Guddaa Waan Qabaniif Akka Inni Lammaffaa Mataa Olqabachuu Hin Dandeenyetti Cunqursaafi Gidiraa Ilma Namaarratti Raawwachuu Dhiisii Dhaga'uuf Namatti Hin Tolle Uummata Guddaa Kanarratti Raawwachaa Turaniiru. Ta'uus, Garuu Uummatichi Gidiraafi Cunqursaa Kanaaf Osoo Mataa Gadi Hinqabatin Karaa Bittinnaa' Eefi Gurmaa'een Qabsoo Hadhooftuu Taasisaa Tureera.


Qabsoo bilisummaafi walqixxummaa obsa fixachiisaa jaarraa tokkoof walakkaadhaa oliif taasisaa ture kanaanis goototaafi qaroowwan sabaa hedduu wareegaa, kufee kuffisaa as gaheera. Qabsoo darbaa dabarsaa dhalootaa dhaloottatti darbuun as gahe kanas hayyoota Oromoo keessaafi alaa dabalatee qeerroofi qarreen finiinsuun injifannoon goolabameera. 

Kanaanis, uummata Oromoo dabalatee sabaafi sablammoota biyya keenyaa dukkanarraa gara ifa qabatamaatti bahuun walqixxummaafi obbolummaa dhugaa dhugoomuun sirni federaalizimii dhugaa lafa qabachuu eegaleera.


 Mootummaan jijjiiramaas akkuma aangootti dhufeen falaasama mandhalee kan ta'e yaadama ida'amuu maddisiisuun bu'uura yaadamichaatiin tarkaanfiiwwan haaraa kanaan dura biyya keenyatti hin baratamin hojiirra oolcheen biyya kufaatiif qarqararra geesse kufaatiirraa baraaruun biyya keenyaaf boqonnaa haaraa saaqeera. Kanas hawaasni Itoophiyaa daangaadhaa hanga daangaatti jijjiiramichaafi hooggansa jijjiiramaaf deeggarsa qabu yeroo garaagaraa hiriira bahuun agarsiiseera. 


Kun osoo kanaan jiruu sirnoonni qabsoo qeerroofi qarreetiin aangoorraa gaggeeffaman dabalatee qaamoleen guddinaafi jijjiiramni biyya keenyaa hin barbaanne finxaaleeyyii fiixee gamaafi gamanaa waliin adda uumuun mootummaan jijjiiramaa akka lafa hin qabanne waraana irratti banuun biyya rakkoo nageenyaa keessa galchuun jijjiiramichi akka gufatu hojjachaa turaniiru. 


Naannoo Oromiyaatti qaamoleen maqaa Oromootiin qabsoofna ofiin jedhan garuummoo dantaa dhuunfaa diina tarsiimawoo uummata Oromoo waliin qindoomuun waraana bananiin qa'een Oromoo akka nagaa hin arganne taasisaa turaniiru.  Waraana qaamoleen maqaa Oromootiin qabsoofna ofiin jedhan banan kanaan waggoota darban ajjeechaa, saamichaafi gudeeddiin uummata keenyarratti raawwatamaa ture safuufi safeeffannaa uummata keenyaa cabsuun qe'een Oromoos ulfina akka dhabu taasiseera. Gochi gara jabummaa kun kan yaaddesse uummanni Oromoos yeroo garaagaraa Kallacha, Caaccuufi Siinqee baasuun qe'ee Oromootti nageenyi akka bu'u walwaraansi obbolaa lamaan gidduutti taasifamu akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaa turaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaas qaamoleen maqaa uummata Oromootiin qabsoofna ofiin jedhan kun daandii nagaatti deebi'uun rakkoo jiru mariifi marabbaan furachuun qe'ee Oromootti nageenyi waaraan akka bu'u irra deddeebiin yeroo garaagaraa waamicha nageenyaa dhiyeessaa tureera. 


Waamicha nageenyaafi araaraa mootummaafi hawaasni Oromoo dhiyeessaa turan kanaanis qaamoleen hidhatanii bosona Oromiyaa keessa socho'aa turan kumaatamaan lakkaa'aman dararaan uummata Oromoorratti raawwachaa turre nu haa gahu, harmeefi abbaan Oromoo haa boqotu jechuun daandii nagaa filachuun galaniiru. Kanaanis Oromiyaa keessatti nageenyi waaraaa dhufuun uummata Oromootti abdii horee uummatichis gara hojii misoomaatti fuula deeffateera. 


Mootummaan Naannoo Oromiyaafi hawaasni Oromoos qilleensi nageenyaa naannichatti bubbisuu eegale kun ittifufuunsa akka qabaatu ammas qaamoleen hidhatanii bosonatti hafan kun daandii nagaatti akka deebi'an waamicha taasisaa jira. Kun osoo kanaan jiruu waraanni obbolaa lamaan gidduutti taasifamu miidhaa malee bu'aa tokkollee fiduu akka hin dandeenye kan hubate qeerroofi qarreen Oromoo Oromiyaa guutuurraa walitti dhufuun gamtaa uummachuun Oromiyaa keessatti nageenyi akka waara'u sochii eegaleera. 


Gamtaan Qeerroofi Qarree Oromoo kunis dhaadannoo " Sagaleen qawwee Obbolaa gidduutti haa callisu; nageenyi haa waara'u " jedhuun walwaraansi obbolaa lamaan gidduutti taasifamu dhaabbatee rakkoo siyaasaafi garaagarummaa ilaalchaa jiru gara mariifi marabbaatti fiduun akka aadaa Oromootti furachuun qe'ee Oromootti nageenyi akka bu'u, harmeefi abbaan Oromoo, deessuun akkasumas durbi Oromoo sababa waraana kanaatiin kabaja dhaban kabaja akka argatan kaayyeeffate kan hundaa'ee sochii taasisaa jiruudha. Akeekni kora kanaas sagalee qawwee callisee wal-ajjeechaa Obboleewwanii dhaabuun boqonnaa nageenyaafi tasgabbiin haaraa guutuu Oromiyaatti mirkaneessuudha.


 Akeekni Gamtaa Qeerroo Dargaggoota Oromootiin durfamu kun sababa siyaasaa qabatamaa hin taaneen wal-ajjeesuun akka dhaabbatuufi garaagarummaa siyaasaa mariifi marabbaadhaan hiikuun dantaa waloo Oromoorratti waliin qabsaa'uun akka dandaaamudha.

Gamtaan Qeerroofi qarree Oromoo kun garaagarummaa kamiyyuu mariidhaan alatti afaan qawweetiin dhugoomsuun hin dandaa'amu jedhee amanuudha. Ergaa ijoon garee kanaa  Dhukaasni Obbolaawwan Gidduutti Deemaa Jiru haa Dhaabbatu/ silencing the gun among brothers!/ jedhu qabatee nageenya waaraaf sosochii taasisaa jira. 


Gamtaan qeerroofi qarree Oromoo kunis tibbana kana Magaalaa Bishooftuu Galma Harsadeetti ergaa ijoo Wal-ajjeechaan Obbolaawwanii haa Dhaabbatu; Nageenyi Waaraan Fulla'insaan haa Mirkanaau! jedhuun Magaalaa Bishooftuutti guyyoota lamaaf Kora gaggeeffachaa tureera. Kora nageenyaa akeeka guddaa qabu kan guyyaa lamaaf gaggeeffachaa ture kanaanis ibsa ejjennoo abbaa qabxii 7 baafachuun irratti waliigaluun xumuramee jirra. Xumura kora kanaarrattis miseensonni Gamtaa qeerroofi qarree koricharratti hirmaatan dhiiga waliif arjoomna malee dhiiga wal hin dhangalaasnu jedhuun dhiiga arjoomaniiru. 


Miseensonni dhiiga arjooman kunis lubbuu baraaruuf dhiiga kennina, garuu walirratti hin dhangalaasnu ejjannoo jedhuun  dhiiga kan arjooman yommuu ta'u kunis mallattoo nageenyaa, tokkummaafi ittigaafatamummaa dhalootaa kan ibsuudha. Dabalataanis sagaleen qawwee obbolaa gidduudhaa dhaabbachuun nageenyi waaraee tokkummaan haaromnee egeree ifaa Oromoofi Oromiyaa ijaaruuf qeerroofi qarreen Oromoo nagaa filateera ergaa jedhu kan dabarsuudha.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.