"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO

"Hooggansa dinagdee carraawwan misoomuu, humna namaa fi beekumsa qindoominaan hogganee badhaadhina qabatamaa sadarkaa hundatti mirkaneessu ijaaruudhaan waan hundaan of danda’uuf hojjechuu qabna.” Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO

  • 18
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 7 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 8 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 9 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 10 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Humna namaa fi carraawwan misoomaa qindoominaan fayyadamuun badhaadhina mirkaneessinee waan hundaan of danda'uu qabna.''Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO  - Image 11 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

"Hooggansa Dinagdee Carraawwan Misoomuu, Humna Namaa Fi Beekumsa Qindoominaan Hogganee Badhaadhina Qabatamaa Sadarkaa Hundatti Mirkaneessu Ijaaruudhaan Waan Hundaan Of Danda’uuf Hojjechuu Qabna.” Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO


Gamaaggamni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii bara 2018 guyyaa sadan darbaniif magaalaa Adaamaatti deemsifamaa ture kallattii hojii Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin goolabameera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa xumura waltajjii gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 irratti argamuun yaada kennaniin, Imaammattoonnifi tarsiimoowwan yaadama ida’amuu irraa maddan gurmaa’insa paartii, mootummaa fi hirmaannaa ummataa qindoomina qabuun hojiirra oolaa jiraachuu isaatiin galmoonni imala badhaadhinaa dhugoomaa akka jiran ibsaniiru.

Kunis raawwii hojii bara 2018 keessatti qabatamaadhaan kan ife ta’uu ibsuun, injifannoowwan galmaa’aa jiran kun itti fufiinsa qabaachuun waan hundaan of danda’uuf hoggansi dinagdee carraawwan misoomuu jiran, humna namaa fi beekumsa walitti qindeessee hoogganu ijaaramuu akka qabu dhaamaniiru.

Barri 2019 Waan hundaan of danda’uudhaaf karoora of danda’uu waggoottan shanan dhufanii raawwachuu kan itti jalqabnu ta’uu kan ibsan Pireezidaant Shimallis, galmoota karoora of danda’uu kana dhugoomsuuf, carraawwan misooma dandeessisan, humna namaa, qabeenya uumamaa, faayinaansii fi carraawwan faayinaansii jiran qindoominaan hoggananii dinagdeetti jijjiiruuf hojjechuun dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaadu akka ta’e akeekaniiru.

Carraawwan kanniin gara badhaadhina qabatamaatti jijjiiruuf ammoo, hoggansa dinagdeetu barbaachisa kan jedhan Pireezidaant Shimallis, hoggansa dinagdee jechuun, carraawwan misoomuu jiran kan hubatu, oomishtummaa guddisuuf karoorsee kan hojjetu, dorgomtummaa kan sirnoomsu, qusannaa fi invastimantii kan bal’isu, bu’aa qabeessummaa ummataa, dhaabbilee fi dhaheessummaa kan dagaasu ta’uu ibsaniiru.

Hoggansi dinagdee kunis GDP, carraa hojii, badhaadhina sadarkaa maatitti uumuufi inveestimantii babal’iseen madaalamuu akka qabu eeraniiru. Kana gochuudhaan waggoottan shanan dhufan keessatti, baajetaan, nageenyaan, bu’uura misoomaan, ogummaadhaan,gaggeesummaafi wabii nyaataan of danda’uuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechuuf qaamni hundi bakka jirutti gahee isaa akka bahachuu qabu dhaamaniiru.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kafaaloo Tafarraa gama isaanitiin, galmoonni Imala badhaadhinaa milkeessuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu kan gaafatan ta'uu kaasuun, raawwiin hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 agarsiiftuu akka ta’an ibsaniiru. Imalli badhaadhinaa waggoottan darbanii qormaatilee hedduun kan guutame ta’ullee, hoggansaa fi paartiin keenya seenaa hojjechuuf akeekanii hojjechaa turuu isaanitiin, qormaatilee gara carraatti jijjiiruun ijaarsa biyyaa keessatti bu’uura cimaa hin sochoone kaa’uu danda’uu isaanis ibsaniiru.

Injifannoowwan kanniin itti fufsiisuuf, horata gaggeessummaa ummanne, carraawwan misoomuu bal’aa qabnuu fi humna namaa yaadama ida’amuutiin masakame qindeessinee hoggananuun injifannoo caalmaa waan hundaan of danda’uu keessatti gala nuuf ta’uu galmeessuuf sadarkaa hundatti gahumsa ol’aanaadhaan socho’uun akka barbaachisu dhaamaniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.