"Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (Masob) qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira." Obbo Awwaluu Abdii

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa foyyeessuudhaan rakkoo bulchiinsa gaarii bu'uura irraa akka furamuuf hojiile bu'aa qabeessa hojjechaa jira. Keessumaa kenni tajaajilaa si'ataa, qulqulluufi karaa ammayyaa'aa ta'een akka kennamuuf Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa ( Masoob) magaalota Oromiyaa keessatti akka hundeeffamu gochuudhaan hojii bal'aan hojjetamaa jira.

  • 132
"Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (Masob) qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira." Obbo Awwaluu Abdii © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (Masob) qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira." Obbo Awwaluu Abdii  - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (Masob) qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira." Obbo Awwaluu Abdii  - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (Masob) qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira." Obbo Awwaluu Abdii  - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
"Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (Masob) qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira." Obbo Awwaluu Abdii  - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Kenna Tajaajilaa Foyyeessuudhaan Rakkoo Bulchiinsa Gaarii Bu'uura Irraa Akka Furamuuf Hojiile Bu'aa Qabeessa Hojjechaa Jira. Keessumaa Kenni Tajaajilaa Si'ataa, Qulqulluufi Karaa Ammayyaa'aa Ta'een Akka Kennamuuf Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa ( Masoob) Magaalota Oromiyaa Keessatti Akka Hundeeffamu Gochuudhaan Hojii Bal'aan Hojjetamaa Jira.


Yaadamni haaraan kun qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufiinsaaafi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu dabaluufi hanna hambisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yoo ta’u, dabalataanis tajaajila teknoolojiin deeggarameefi hawwataa ta'e hawaasaaf dhiyeessuuf akka meeshaa jijjiiramaa tokkootti tajaajila.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa magaalaa Mojootti Wiirtuun Tajaajila Tokkooffaa bakka Pirezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti tajaajilaaf banaa ta'ee jira.

Obbo obbo Awwaluu Abdii saganticha irratti haasaa taasisaniin hojiilee gurguddoo mootummaa jijjiiramaatiin hojjetamaa jiran keessaa tajaajilli uummataaf kennamu haqa qabeessa, qaqqabamaafi ammayyaa'a akka ta'uuf Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa magaalota Oromiyaa keessatti akka hundaa'u gochuudhaan hojii bu'a qabeessi hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Wiirtuun Tajaajila Tokkooffaa hundaa'uun qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira jedhan.

Dabalataanis uummati keenya jijjiiramaan dura tajaajila argachuuf gidiraa hedduu dabarsaa kan ture, yeroo ammaa mootummaan hawaasa boqochisuuf kenna tajaajilaa foyyeessuuf hojii xiyyeeffannoon hojjetamaa jiruun rakkoo bulchiinsa gaarii bu'uura irraa furmaata akka argatu gochaa jira jedhan.

Kantiibaan magaalaa Mojoo Obbo Gaazaalii Hashuu gamasaaniitiin mootummaan jijjiiramaa gaaffilee uummataa roga hundaan deebisuuf hoji bu'a qabeessa hojjechaa jiraachuu himanii, hojiilee kana keessaas tajaajilli mootummaan uummataaf kennu si'ataa, qulqulluufi ammayyaa'a akka ta'uuf Wiirtuu Tajaajila Tokkooffaa hundeessaa jira jedhan.

Bu'uuruma kanaan Wirtuun Tajaajilaa tokkoffaa magaalaa Mojootti har'a eegalchiifame kunis tajaajilawwan 106 kan kennu ta'uu ibsanii, sektaroonni 23 wiirtuu kanatti tajaajila kan kennan ta'uus himaniiru. Wiirtuun kunis ji'oota sadii gidduutti ijaaramee xumuramuus obbo Gazaalii Hashuu eeraniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.