" Abdii Ni Dhaabna Egerees Ni Ijaarra” Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii MNO
Oromiyaan dachee jiituu; qabeenya uumamaafi namtocheen badhaatedha. Irra keessa magariisummaan kan gonfamte; keessi ishees albuudota gati jabeeyyiin kan badhaate kennaa qaalii uumaan nuuf kennedha. Qabeenya Uumaan nuuf kennes seeraafi sirna uumamaan tiksinee ittis fayyadamaa dhalootaaf dabarsuun dirqama hunda keenyaati. Kanas abbootni keenya biyyaafi biyyoo ofii abbumti akka tikfatu nu barsiisaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas duudhaa ganamaatti deebi’uun imala uumamatti araaramuu hojiirra oolcheen cabiinsa qabeenya uumamaa mudate qolachuun danda’ameera. Qabeenya uumamaa harkuma keenyaan mancaafne deebifnee harkuma keenyaan misoomsuun waggoota torban darbe sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun gosa garaagaraa biliyyona 28 ol dhaabuun danda’ameera.
Uwwisni bosona Oromiyaa irra ture, gara ) tti ol-guddachuu danda’eera. Hojii hojjechaa dhufneen sagantaa bara 2030tti uwwisa bosona Itoophiyaa gara 0tti olguddisuuf qabame naannoon keenya dursee akka milkeessuuf imalli imalaa jiru milkaa’ina dachaa nugonfachiisaa jira.
Biqiltuun dhaabaman itti fufiinsaan kunuunfamaa waan dhufaniifis harki 85 ol latuu danda’eera. Kanaanis uumamaa waliin araaramnee jiraachuu kan eeggalle qofa osoo hin taane, madaala uumamaa tiksinee gaaddisa dhalootaa ijaaruu sadarkaa dandeenyurra ga’uu keenyaaf ragaa guddaadha. Ergamni keenyas dhaloota duudhaa ganamaan masakamee uumama waliin buluu danda’u ijaaruudha.
Hojiiwwan eegumsaafi kunuunsa naannoorratti itti fufiinsaan hojjechaa dhufneenis dachaawwan gu’an mirgisanii, gaarootni onanis bosona uffataniiru. Dacheen keenyas akkuma kaleessaa jiidhaafi magariisummaa uffachuu eegaltee jirti. Oomishtummaan hir’ates dabalee jijjiirama qilleensaa qolachuu akka dandeenyus qabatamaan argineerra.
Injifannoon kun kan uummata keenyaati; seenaa gogiinsa Oromiyaa mudatee ture Waaqayyoo gaditti kan jijjiire hojii harka uummata kenyaa waan ta’eef dhaloota biratti ashaaraa ta’ee kan itti fufudha. Kanaafis maqaa Mootummaan Naannoo Oromiyaatiin galata dhiyeessuun barbaada.
Galmi keenya karaa ilaalama guutuu eegeen madaala uumamaa tiksuun dinagdee magariisa ijaaruufi gaddisa dhalootaa bu’uuressuudha. Galma qabanne kana hojii harka keenyaan dhugoomsaa qabeenya uumamaa itti fufiinsaan kunuunsuun humna dhiheessii bishaanii guddisaa nageenya madda bishaaniifi hidhaawwan keenyaa eegsisuu, nyaataafi sirna nyaataa mirkaneessuu irratti fuulleffannee cimnee kan hojjennu ta’a.
Bara kanas daandii injifannoo galmeessaa dhufne horata godhannee biqiloota gosa garaagaraa biliyoona 4.8 ta’u lafa hektaara miliyoona 1 irra ni dhaabna. Sagantaa Ashaaraa magariisaa guyyaa tookkon Adoolessa 27/2018tti qabameenis biqilootni gosa garaagaraa miliyoonni 466 ol ni dhaabamu.
Guyyaa seena qabeessa kanatti uummanni naannoo keenyaa gamtaan biqiltuu dhaabuun gaaddisa dhalootaa har’a ijaaruuf ga’ee keessan akka ba’attan waamichakoon isiniif dhiyeessa.


