Gamaaggamni Raawwii Hojii Mootummaafi Paartii Naannoo Oromiyaas Magaalaa Bishooftuutti Geggeeffamaa Jira. Gamaaggama Raawwii Hojii Mootummaafi Paartii Kurmaana 3ffaa Kan Bara 2018 Irratti Argamuun Haasaa Kan Taasisan PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa Qabsoo Saba Keenyaan Jijjiirama Argame Gulantaa Itti Aanutti Ceesisuuf Waggoottan Shanan Darban Keessa Diinagdee,barnootaafi Teeknoloojiin Guddisuuf Hojjechaa Ture Jedhan.
Gaaffii
dhaloonni gama kanaan qabu deebisuuf halkaniifi guyyaa hojjetamaa akka tureefi
bu'aa qabatamaanis argamaa jiraachuus ibsaniiru.
Raawwiin
keenyas lakkoofsaan ibsuu osoo hin taane dhimmoota gurguddoo afur maaltu
milkaa'e ykn hin milkoofne,humnoota misoomaa sadan akkamiin fayyadamaa
turre,dhimmoota sirnaafi saba qoran akkamiin hogganaa turre kan jedhuufi
hojiiwwan harcaa'anii hafanis haala itti xumuruun dandaa'amun ilaalamuu akka
qabu akeekaniiru
Karoorri
bara hojii 2019 qophaa'us muuxannoofi milkaa'inoota darban fayydamuun,haala
komiifi gaaffii uummataa deebisuufi humna raawwatu sadarkaa sadarkaan jiru bifa
ibsuu danda'uun qopheessuu akka barbaachisus Obbo Shimallis yaadachiisaniiru.
Itti
gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo
Tafarraas ji'oottan saglan darban keessa hojii gaariin hojjetamuufi tumsi
hawaasaas cimaa ta'uu ibsanii,qormaatilee hedduu keessaa darbamuun bu'aa
guddaan galmaa'eera jedhan.
Kutannoon
jiru sadarkaa hundatti walfakkaataa akka hin taanes ibsanii,yeroo gabaabaa hafe
keessattis hojiiwwan hafan kutannoofi miira xiiqii olaanaa qabuun hojjechuun
fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjatamuu akka qabu dhaamaniiru.


