Gulantaan Qabsoo Irra Jirru Diinagdee,Barnootaafi Teeknooloojii akkasumas,Sirna Ijaaruudha!

Gulantaan Qabsoo Irra Jirru Diinagdee,Barnootaafi Teeknooloojii akkasumas,Sirna Ijaaruudha!

  • 49
Gulantaan Qabsoo Irra Jirru Diinagdee,Barnootaafi Teeknooloojii akkasumas,Sirna Ijaaruudha! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Gulantaan Qabsoo Irra Jirru Diinagdee,Barnootaafi Teeknooloojii akkasumas,Sirna Ijaaruudha! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Gulantaan Qabsoo Irra Jirru Diinagdee,Barnootaafi Teeknooloojii Akkasumas,Sirna Ijaaruudha!


Mootummaan Naannoo Oromiyaa maddoota  galii addaa addaa maddisiisuun galii keessoo isaa cimsuufi guddina diinagdee naannichaa saffisiisuuf hojii gurguddaa dhaabbilee misoomaa addaa addaa hundeessuun hojjechaa jira.

Gamaaggama raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa Magaalaa Bishooftuutti geggeeffamaa jiru ilaalchisuun  Itti Aanaan Pirezidaantii  Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo  Awwaluu Abdii raawwii hojii ji'oota saglan darbanii  kilaastera bulchiinsaafi horataalee mootummaa waliigalaa  ilaalchisuun addatti miidiyaaleef ibsa kennanii jiru.

Haaluma kanaan mootummaan naannnoo Oromiyaa gulantaa qabsoo Oromoo diinagdee,barnootaafi teeknooloojii akkasumsa, sirnaa ijaaruutti ce'eera jedhan

Maddoota galii dabaluu,hubannooo uumuufi pootenshaala adda baasuun hojjetamaa turuufi baasii naannichaa of dandeessisuuf hojii hojjetamaa tureen galiin qarshii bil. 237 walitti qabamuu ibsuun waggaa waggaanis galiin walitti qabamaa jiru  dhibbantaa 46 oliin dabaluu ibsaniiru.

Kaffaltootni gibiraas kuma 634 ol ga'uufi ammas dabaluuf hojii guddaa kan gaafatuu dha jedhan. Baasii naannoo irra caalaa isaa galii keessoon uwwisuun akka dandaa'ameefi kunis  dhibbantaa 70-80tti ol guddachuu eeraniiru.

Baajetni naannoo Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti guddachaa dhufuufi kan bara kanaas qarshii bil.400 ol qaqqabuu kan ibsan obbo Awwaluun,baajata kana keessaa irra caalaan isaa  baasii kappitaalaaf  21ggersa aanaalee 64% fi naannoof 13% qofa

ta'uus eeraniiru.

Gama biraatiin naannichatti  pirojeektonni 28,800 hirmaannaa hawaasaa,baajeta mootummaafi miti mootummaan hojjetamaa akka turaniifi kanneen  keessaa pirojeektonni 21,000 xumuramuu Obbo Awwaluun ibsanii jiru. Pirojektootni naannichatti bara kana hojjatamaa turan kunneen 24,000 pirojeektota haaraafi  4,461 pirojektoota buleeyyii ta'uus dubbataniiru.

Gama facaatiinis Pirojektoonni  

91% ol ta'an pirojeektota bu'uuraalee misoomaa ta'uus himaniiru.

Naannichatti jiruufi jireenya hawaasa naannichaa jijjiiruuf kenna tajaajila lammummaatiin hojiiwwan gosa 72 ol qarshii bil.409tti  tilmaamamun hojjetamuufi Kunis baajeta naannichaatii ol ta'uus kaasaniiru.Walumaagalatti kenna tajaajila lammummaatiin waggoota torban darbanitti hojiin qarshii Tiriliyoona 1.1tti tilmaamamuus hojjatameera jedhan.

Gama Buusaa Gonofaatinis qarshiin biliyoona  3.4 gumaataafi buusiin walitti qabamuufi miseensota miliyoona  29 horachuus ibsaniiru.

midhaan nyaata barataa kuntaala mil 2.3  kan qarshii bil 16tti tilmaamamus walitti qabamuu, qarsh bil. 50 ol ta'uunis warshaa ijaarsa eegaluu, konkolaattota boottee bituufi

manneen kuusaa 5 yeroo amma Buusaan Gonofaa akka qabu Obbo Awwaluun eeraniiru.

Oromia soverign fund 'n dhaabbilee adda addaa gareen hundeessuun hojii guddaan hojjetamaa jiraachuufi baankiin siinqees liqeessuufi qusachiisuu irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuufi namoota kuma 700 ta'aniif liqii kennara jedhan.

Kenna tajaajilaan itti quufinsa hawaasaa guddisuuf hojii hojjetamaa tureen wiirtuun tajaajila iddoo 1ffaa ijaaramuufi guyyaa abbaa dhimmaa hundeessuufi namoota rakkoo naamusaa qaban 11,000 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuus ibsaniiru.

Riiformii aanaafi gandaan tajaajila gadi buusuun ganda aangomsuun tajaajila hunda dhaqqabamaa taasisuuf hojjetamaa turuu,

wiirtuun iddoo tokkoonis

namoonni kuma 500 tajaajila argachuun itti quufinsas guddisuufi yeroo dhiyootti magaalota 91 keessattis kan tajaajila eegalan qophaa'aa jiraachuu Obbo Awwaluun eeraniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.