Magaalonni Keenya Kaleessa Dagataman, Har’a Giddu Gala Badhaadhinaa ta'aa jiru!

Magaalonni Biyya keenyaa yeroo dheeraaf sirnoota dhufanii darbaniin xiyyeeffannoo gahaa dhabuun guddinni isaaniii saffisiisuu hin dandeenye. Babal’inni isaanis karoora ammayyaafi ilaalcha yeroo dheeraa malee adeemuun jiraattotaaf mijatoofi hawwatoo akka hin taane ta'aa tureera.

  • 16
Magaalonni  Keenya Kaleessa Dagataman, Har’a Giddu Gala Badhaadhinaa ta'aa jiru! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalonni  Keenya Kaleessa Dagataman, Har’a Giddu Gala Badhaadhinaa ta'aa jiru!  - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalonni  Keenya Kaleessa Dagataman, Har’a Giddu Gala Badhaadhinaa ta'aa jiru!  - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalonni  Keenya Kaleessa Dagataman, Har’a Giddu Gala Badhaadhinaa ta'aa jiru!  - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Magaalonni Biyya Keenyaa Yeroo Dheeraaf Sirnoota Dhufanii Darbaniin Xiyyeeffannoo Gahaa Dhabuun Guddinni Isaaniii Saffisiisuu Hin Dandeenye. Babal’inni Isaanis Karoora Ammayyaafi Ilaalcha Yeroo Dheeraa Malee Adeemuun Jiraattotaaf Mijatoofi Hawwatoo Akka Hin Taane Ta'aa Tureera.


Hanqinni bu’uura misoomaa, qulqullinni, tajaajila hawaasaaf kennamu harkifatoofi carraan hojii dargaggootaaf uumamu gadi aanaa ta’uun magaalonni biyya keenyaa iddoo teeknolojiifi dhaweessummaan itti babal’atu ta’uun hafee iddoo rakkoon hawaasummaa itti wal gahe ta’eera.


Har’a garuu, ilaalama mootummaa ida’amuutiin seenaan kun guutummaa guututtii jijjiiramaa kan jiruufi misooma magaalaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. 


Kanaanis misoomni koridarii magaalotaa daandiiwwan ammayyaa diriirsuu, iddoo magariisaa babal’isuu, bakka bashannanaa uumuufi miidhagina magaalaa guddisuun haala jireenya magaalaa fooyyessuun magaalonni Biyya keenyaa yeroo ammaa bakka jireenya qofa osoo hin taane giddu gala diinagdee, kalaqaafi teeknolojii ta’aa dhufaniiru.


Mootummaan Naannoo Oromiyaas naannichaatti hojii haaromsa magaalaa bal’inaan gaggeessaa jiruun, magaalota keessatti misooma koridarii diriirsuu, daandiiwwan ammayyaa ijaaruu, ibsa magaalaa fooyyessuu, lafa magariisaa babal’isuu, tajaajila hawaasaa dijitaalessuufi qulqullina magaalotaa fooyyessuu irratti hojii bal'aa imala badhaadhina biyya keenyaaf abdii ta'u hojjechaa jira.


Kana malees inisheetivoonni akka qonna magaalaa, misooma manneen jireenyaa, babal’ina industirii xixiqqaafi giddu galeessaa akkasumas carraa hojii dargaggootaaf uumuun magaalota gara giddu gala oomishaafi tajaajilaatti ceesisuuf hojjetamaa jira. Jijjiiramni mul’achaa jiru kunis dargaggootaaf carraa haaraa banuu danda'eera.


Kalaqni, interpirunershiipiin, tajaajilli dijitaalaafi carraa hojii uummachuun  magaalota keessatti saffisaan babal’achaa jiru. Magaalonni keenya har’a iddoo yaadni  haaraan itti dhalatu, hojiin itti uumamuufi abdiin boruu itti ijaaramu ta’aa jiru. Kunis magaalota keenya jiraattotaaf mijatoo, invastimantiif hawwatoofi daawwattootaaf bareedoo taasisuuf bu’uura cimaa kaa’aa jira.


Magaalonni Itoophiyaa, keessumaa magaalonni Oromiyaa, amma guddina biyyaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jiru. Misoomni koridarii, hojii haaromsa magaalaa fi inisheetivoonni mootummaa naannichaan hojiirra oolaa jiran carraa hojii uumuun, galii  dabaluuniifi jireenya hawaasaa fooyyessuun jijjiirama qabatamaa fidaa jiru. Ammas mootummaan naannoo Oromiyaas ta’ee mootummaan Federaalaa hojii jalqabame itti fufsiisuun, magaalonni keenya gara giddu gala kalaqaa, teeknolojiifi guddina waaraa Afrikaa keessatti fakkeenya ta’aniitti ceesisuuf  xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jira.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.