"Injifannoo Har'aa Arguuf Uummanni Magaalaa Amboofi Shawaa Lixaa Aarsaa Hedduu Kaffaleera"
Paartiin Badhaadhinaa Filannoo waligalaa marsaa 7ffaaf bakka miseensonniifi deggartoonni paartichaa Godina Shawaa Lixaafi magaalaa Amboo argaminitti magaalaa Ambootti duula na filadhaa geggeessee jira.
Saganticha irratti argamuun haasaa kan taasisan Pirezidanti Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii injifannoo har'aa arguuf ummanni Shawaa Lixaafi magaalaa Amboo aarsaa hedduu kaffaluu himanii, injifannoo aarsaa qaaliin argame kana tikfachuu akka qabu dubbataniiru.
Paartiin Badhaadhinaa Paartii dhaloota haaraa yeroo gabaabaa keessatti injifannoo gurguddoo gama hundaan galmeesse ta'uu himaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa qabsoo uummanni Oromoo wagga 150 oliif taasise kan itiche, bu'uura seenessa waloo sabdaneessummaafi afdanessuummaa mirkaneessuuf paartii cichoominaan hojjechaa turedha jedhan.
Gama birootiin birmadummaa dinagdee mirkaneessuuf xiyyeeffannoo damee qonnaatiif kennamee hojjetamaa jiruun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Dabalataanis, gama barnootaa, magaalomsuu akkasumas dippiloomaasiitiin hojiilee gurguddoon hojjetamuun milkaa'inoonni gurguddoon argamuu ibsaniiru.
Waggoota shanan dhuufan keessatti kaleessa keenya wal'aanuun boruu keenya akeeknee Itoophiyaa haqa qabeettii uumuuf kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.
Xumura irrattis filannoon kun karaa dimokiraataawaa ta'een gaggeessuuf hunduu gahee isaa bahuu akka qabu dhaamaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa gama isaaniitiin Paartiin Badhaadhinaa Paartii yaada ida'amuu bu'uura godhatee rakkoo biyya keenyaa hiikuudhaaf paartii adda durummaan hojjechaa jiruudha jedhan.


