Karoora tarsiima'aa ba'ee hojii irra ooleen milkaa'inoonni gurguddaan argamaniiru" Obbo Awwaluu Abdii

Karoora tarsiima'aa ba'ee hojii irra ooleen milkaa'inoonni gurguddaan argamaniiru" Obbo Awwaluu Abdii

  • 20
Karoora tarsiima'aa ba'ee hojii irra ooleen  milkaa'inoonni gurguddaan argamaniiru"  Obbo Awwaluu Abdii © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Karoora tarsiima'aa ba'ee hojii irra ooleen  milkaa'inoonni gurguddaan argamaniiru"  Obbo Awwaluu Abdii - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Karoora Tarsiima'aa Ba'ee Hojii Irra Ooleen Milkaa'inoonni Gurguddaan Argamaniiru" Obbo Awwaluu Abdii


Gamaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii Mootummaa naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jiru hojiiwwan karoora tarsiima'aa waggoottan shanan darban raawwatamaniin bu'aawwan argamaniifi hanqinaalee jiran addda baasuu akkasumas karoora waggoottan shanan itti aananitti bu'ura kan itti keenyu waltajjii murteessaa ta'uu Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa galii naannichaa dabaluuf waggoottan shanan darbanitti hojii hojjetaa jiruun bu'aan guddaa kan argamsiisee ta'uu ibsaniiru.

Jijjiiramaa dura naannichi galii sassaabaa ture gadii aanaa ta'uu ibsuun sosochii cimaa taasifameen galiin waggaa waggaan dabalaa dhufuun bara kana qarshii biliyoona 341 ol sassaabuun danda'ameera jedhan.Kunis sosochii galii naannichaa dabaluuf taasifamaa jiru milkaa'aa ta'uu kan agarsiisu akka ta'e kaasaniiru.

Karoora itti aanuuttis sosochii eegalame cimsuun galii keessootiin baasii ofi of danda'uuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan kan hojjetamu ta'a jedhaniiru.

Aadaa walgargaarsaa Oromoon qabu sirna Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun rakkoo namtolcheefi uumamaa mudatu humna ofiitiin dandamachiisuuf hojii hojjetameen bu'aan fakkeenyummaa qabu kan itti galmaa'e ta'uus Obbo.Awwaluun ibsaniiru.

Sirna Buusaa Gonofaa lafa qabsiisuudhaan dandamannaa jiru karaa hiikkaa qabun dabaluuf miseensota bal'inaan horachuuf hojii hojjetameen miseensoota miiliyoona 30tti siqan horachuun danda'ameera jedhan

Buusaa Gonofaan dhimma birmadummaati kan jedhan obbo Awwaluun sirna duudhaa ganamaarraa madde kana cimsuuf yeroo itti aanuutti xiyyeeffannaan itti kennamee kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Kana malees kenna tajaajila lammummaa labsiidhaan hojiirra oolchuun hirmaannaa uummataatiin hojiileen misoomaa garaa garaa raawwatamuu ibsuun bara kana qofa hojiiwwan qarshii biiliyoona 496 olitti tilmaamamu tajaajila lammummaatin raawwatameera jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darbanitti dhimma xiyyeeffannaa kennee hojjete keessaa kenna tajaajilaa mootummaa fooyyeessuudha kan jedhan Obbo Awwaluun hojii gama kanaan hojjetameen bu'aawwan qabatamaa galmaa' aa jiru jedhan.

Itti qufiinsa uummataa kenna tajaajilaarratti qabu dabaluuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa wiirtuu tajaajila 1ffaa (MESOB) hojjechuun hawaasni bu'aa ba'ii malee tajaajila akka argatu gochuun itti quufiinsi hawaasaa akka dabalu taasifameera.

Kana malees hawaasni qe'ee isaatti tajaajila mootummaa akka argatu gurmaa'iinsa gandaa haaraa hojiirra oolchuun tajaajilli mootummaa gadi akka bu' u taasisuun itti qufiinsa hawaasaa tajaajila mootummaarratti akka dabalu ta'eera jedhan.

Hojiin misoomaa waggoottan shanan darbanitti raawwataman bu'urri isaa nageenya naannichaa mirkaneessuuf hojii hojjetameen ta'uu kan ibsan Obbo Awwaluun hojii qindoomina qaamoolee nageenyaafi hawaasaa waliin hojjetameen nageenya mirkaneessuun hawaasni hojii misoomaa akka gaggeeffatu gochuun badhaadhinnii eegalame akka itti fufu taasifamuu himaniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.