Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti !

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti !

  • 12
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti ! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti ! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti !


Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaa bara kana biyyi keenya gaggeessituun sagalee uummataa argatee jijjiirama gama hundaan galmaa'aa jiru itti fufsiisuuf duula "Nafiladhaa sadarkaa addda addaatti gaggeessaa jira

Guyyaa har'aas bakkamiseensotni,deeggartoonniifi leellistoonni paartichaa hedduun argamanitti shawaa Kaabaa, Magaalaa Ficheetti haala ho'aa ta'een gaggeessaa jira.

Pirezidaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii sagantaa kana irratti argamuun ergaa dabarsaniin,Godinni Shawaa kaabaa burqaa goototaa,qa'ee seenaa,duudhaafi artistoota duudhaa akkasumas,seenaa uummata Oromoo giddu gala godhatanii qabsa'anii Oromoo qabsoofsisaa turaniifi burqaa atileetootaati jedhan.

Seenaa gootataa kanarraahiis gootummaa,kutannoo,faayidaa sabaatiif dursuufi seenaa haaraa hojjachuu irraa barannas jedhan.Seenaan kaleessaas har'a misoomaafi badhaadhinan dabaalamuutu irra jira.

Dambaliin uummataa guyyaa har'aa kunis Paartii badhaadhinaa kan uummataa ta'uusa fi laphee akkasumas dhiiga miliyoonota hedduu keessa jiraaachuu kan mul'isuudha jedhan obbo Awwaluun .

Paartii badhaadhinaa imala jijjiirramaa jalqabame kana bu'uura cimaarra dhaabuufi uummanni keenya bifa kanaan ba'ee duula na filaladhaa cinaa dhaabbachuun isaa roorroofi gabroomfataa yeroo isa dhumaatiif abdii kan kutachiisuudha.

Dambaliin kun sirna walqixummaa obbolummaafi saboonnummaa uummata Oromoo karaa guutuu taheen kan lafa qabsiisuudhas jechuun dubbatanii, filannoon bara kana gaggeessinu kunis calaqqee isaa kana tahas jedhan.

Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kaffaaloo Adaree gama isaaniitiin, filannoon mul'iftuu demokraasii, sanada waliigaltee paartiifi hawaasni ittiin waliigalaniifi meeshaa murteessummaa uummanni abbaa aangoo dhugaa tahuu ittiin mirkaneessudha

Paartiin badhaadhinaa paartii kaayyoofi ajandaawwan ummanni gatii guddaa itti kaffale milkeessuuf hojjatatuudhaas jedhan.

Imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf paartichi uummata waliin cichoominaan kan hojjatu ta'uus eeraniiru



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.