Egzibiishiniin Raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waggoota Shanan Darbanii Qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan Mata Duree "waadaa Gochaan: Filannoo Hanga Filannootti" Jedhuun Magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti Guyyoota Sadiif Geggeeffamaa Ture Guyyaa Har'aa Xumurameera.
Xumura sagantaa kanaa irratti kan argaman hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa imalli Badhaadhinaa injifannoo aarsaa qaalii wareegama ilmaan Itoophiyaa kaffalaniin kan galmaa’e ashaaraa dhaloota haaraa ta'uu ibsuun, dhalootni haaraan sirna qeenxee didee falmaachuun biyya bittinaa’uuf caafii geesse baraaree maqaa gaarii roga hundaan Itoophiyummaafi Itoophiyaatti kabaja hore siidaa injifannoo bitootessa 24 bu’uuressuu ibsaniiru.
Siidaan Bitootessa 24 bara 2010 wareegama qaalii kaffalameen dhaabame, biyya keenyaaf qofa osoo hin taane gaanfa Afriikaaf boqonnaa haaraa kan saaqe ta'uu kaasuun, injifannichi hiyyummaafi boodatti hafummaa maksuun daandii badhaadhinaa kan eegalchiise, boqonnaa wal waraansaafi siyaasa jibbiinsaatti ulaa kan cufe, olka’iinsa Itoophiyaa kan utube ta'uu dubbataniiru.
Daandii Imala badhaadhaadhinaa eggalameen shirri sirna qeenxee diigamee Aduun dimokiraasii hundaaf ifuu danda’uu eeruun, daandiin Badhaadhinaa Muummeen Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmad hooggansa tarsima’aa kennaa jiraniin cabiinsa diinagdee kan siyaasaafi hawaasummaa qolachuun ijaarsa biyyaaf bu’uurri amansiisaan kaa’amee jiraachuu himaniiru.
Hirmaattotaafi qopheessitoota sagantaa Egzibiishinii "waadaa gochaan filannoo hanga filannootti" qophaa’e irratti argaman galateeffachuun, uummanni naannoo keenyaa guyyaa seena qabeessa injifannoo bitootessa 24 sababeeffachuun tumsaafi deeggarsi isaan golee Oromiyaa hundarraa taasisan badhaadhinni laphee uummataa keessa jiraachuu kan raggaasise waan ta'eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata kan dhiyeessu ta'uu eeraniiru.
Imala badhaadhinaa filannoo hanga filannootti taasifameen qormaatota rogdaneessa keessaafi alaa diiggaa biyyaarratti aggaamame waloon qolachuun cichoominaan hojjennee waadaa gochaan dhugoomsuun kan danda'ame ta'uu himuun, kanaafis agarsiifni mootummaa Naannoo Oromiyaa waadaa gochaan filannoo hanga filannootti guyyoota Sadeen darbeef agarsiise, mootummaan keenya imaammata, sagantaafi tarsimoo sirrii biyya badhaate ijaaruuf qabu kan mul’ise ta'uu Obbo Isheetuun himaniiru.
Sirni ijaarsa ragaalee hojii mootummaa qindeessuu, kaa’uufi madda qorannoofi qu’annoo akka ta’uuf hojiin Biirooleen Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojjetaa jiran sirna dijitaalaayizeeshinii eegalameef galtee amansiisaa ta’uu kan danda’u ta'uu dubbachuun, Guyyoota Sadeen kana keessatti Biiroleefi dhaabbileen Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojii hojjetan kan itti agarsiisan qofa osoo hin taane, muuxxannoo akka walirraa qooddataniifis haala mijaawaa kan uume akka ta'es kaasaniiru.
Maamiltoonnis haala tajaajila mootummaa irratti hubannoo argachaa kan turan yoo ta’u, hanqinoota turan furuufis boqonnaa qophii ta’uu kan dana'e akkasumas Godinaaleefi magaalotni keenyas agarsiisa akkasii qopheessuun uummanni akka daawwatu, waan isaaf hin galles gaafatee akka hubatuuf haala mijeessuu akka qaban dhaamaniiru.
Kallattii hundaan hojicha qindeessuu, hogganuufi ijaaf gurra uummataa akka ga’uufis miidiyaaleen uwwisa bal’aa kennuun hojii hojjetamaa tureef galateeffataniiru.


