Ijaarsi Diinagdee Damdaneessaa ; Tumsa Uummata Bal'aan Milkaa'a!

Addunyaan yeroo ammaa keessa jirru jijjiirama diinagdee, teeknooloojiifi fi odeeffannoo saffisaa keessa jirti. Haalli kun biyyoota fi naannolee hundatti guddina diinagdee haaraa, itti fufiinsa qabu fi bu’aa qabatamaa uummataaf fidu ijaaru dirqama taasiseera.

  • 7
Ijaarsi Diinagdee Damdaneessaa ; Tumsa Uummata Bal'aan Milkaa'a! © Oromia Communication Bureau
Ijaarsi Diinagdee Damdaneessaa ; Tumsa Uummata Bal'aan Milkaa'a! - Image 1 © Oromia Communication Bureau
Font Size:

Addunyaan Yeroo Ammaa Keessa Jirru Jijjiirama Diinagdee, Teeknooloojiifi Fi Odeeffannoo Saffisaa Keessa Jirti. Haalli Kun Biyyoota Fi Naannolee Hundatti Guddina Diinagdee Haaraa, Itti Fufiinsa Qabu Fi Bu’aa Qabatamaa Uummataaf Fidu Ijaaru Dirqama Taasiseera.


Biyya keenyattis  yaadamoota kalaqa, Ariitii fi hojii itti fufiinsa qabuun diinagdee gooroo tasgabbaa’aa ijaaruun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf hojii bal’aan hojjatamaa  jira. Kun immoo guddina diinagdee damdaneessa ijaaruu fi jireenya uummataa fooyyessuuf bu’uura jabaa kaa’aa jira. 


Yeroo dheeraaf guddinni diinagdee biyya keenyaa lakkoofsaan ibsamaa ture. Bu’aan isaa garuu jireenya uummataa qabatamaan fooyyessuu hin dandeenye. Imaammannii fi tarsiimoon ture hirmaachisaa kan hin turreefi diinagdeenis damee qonnaa qofa irratti hirkachuun dameelee diinagdee biroo kan qoollifate ture. Jijjiiramaan asitti garuu xiyyeeffannoon gara dameewwan hedduutti babal’achuun guddinni diinagdee lakkoofsan ibsamuu irraa gara bu’aa qabatamaatti ce’ee jira.


Naannoo Oromiyaattis utubaalee ijoo diinagdee Gooroo shanan irratti xiyyeeffachuun diinagdee damdaneessa  ijaaruun imala badhaadhinaa qabame dhugoomsuuf hojii hojjetamaa jiruun milkaa'inootni gurguddoon galmaa'aa jira. 


Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas diinagdee gooroo naannichaa cimsuun guddina itti fufiinsa qabu ijaaruuf hojii hojjetamaa jiraniifi bu'aawwan argaman akkasumas gara fuul duraattis hojiiwwan hojjetamuuf karoorafamanii jiran irratti Komishinii karooraafi Misooma Oromiyaa waliin addatti turtii taasisee jira. 


Turtii kanaanis,Daarektera Daarektoreetii Xiinxala Diinagdeefi Imaammataa  kan ta'an Obbo Amaaree Haayiluu ibsa nuuf kennaniin jijjiiramaan dura guddinni diinagdee biyyaas ta'ee kan naannoo Oromiyaa lakkoofsaan ibsuurra kan darbe qabatamaan wanti argamu kan hin jirre ta'uu, imaammanniifi tarsimoon ture hirmaachisaa kan hin turreefi diinagdeenis qonnaa qofa irratti hundaa'ee turuu himanii, jijjiiramaan asitti garuu guddinni diinagdee lakkoofsa irraa gara bu'aa qabatamaatti ce'uu danda'eera jedhan. 


Damee manufakcheringii,Tuurizimii,Albuudaafi ICT dagatamanii turuu kan eeran Obbo Amaareen jijjiiramaan asitti damee hunda irratti hojii hojjatameen  guddina diinagdee itti fufiinsa qabu milkeessuun kan danda' me ta'uu eeraniiru.Kunis yaadama mandhaleetiin kan hojjatamaa jiruufi milkaa'inootni kan ittiin galmaa'e ta'uus kaasaniiru 


Jijjiirama dura sochiin  diinagdee  qonna qofa irratti xiyyeeffataa ture amma garuu damee hundi wal qixa xiyyeeffannoo akka argatu taasifamuun dameewwan  dagatamanii turan Tuurizimiifi Albuuda irraa galii guddaa argachuun danda'ameera jedhan. 


Diinagdee gooroo ijaaruuf karoora imala badhaadhinaa  waggaa 5fi 10 qopheessuun inisheetiviwwan 28 ta'an damee qonnaan bocamanii  hojiirra oolaa turaniin qonni naannichaa  makanaayzeshiniifi kilaasteraan akka gaggeeffamu  taasisuun oomishaafi oomishtummaan dabaluus ibsaniiru. Hojii misooma adda addaa hirmaannaa uummataan hojjatamaniifi Buusaa Gonofaa osoo hin dabalatin  galiin naannoo Oromiyaa bara 2012 bil.25.23 ture bara 2017tti bil.200.26tti ol guddachuus Obbo Amaareen ibsaniiru. 


Oromiyaanis naannolee biroo caalaa diinagdee damdameessa ijaaruun diinagdee gooroon guddina saffisaa fiduuf carraawwan hedduu kanneen akka teessuma lafaa,qilleensa mijataa,qabeenya uumamaa,humna namaa misoomsuu danda'u ga'aa fi mootummaa interpirunara  ta'e akka qabdu kan himan Obbo Amaareen, gama Qonnaa, Manufakcheringii, Albuuda, Tuurizimiifi ICTn bu'aa guddaan akka argamu kan dandeessiseedha jedhan 


Rakkoowwan Covid-19fi hongee mudachaa turan yaadama mandhaleetiin dandamachuun waggoottan shanan darban keessa diinagdeen naannoo Oromiyaa giddugaleessaan dhibbantaa 8.4'n guddachaa akka dhufe kan heeran Obbo Amaareen bara 2017 immoo dhibbantaa 10.4 irra ga'uu ibsaniiru. Yeroo itti aanan keessattis carraa Oromiyaan diinagdee damdameessa ijaaruuf qabdu milkeessuuf  yaadamoota kalaqaa,Ariitii fi Baay'inaan diinagdee itti fufiinsa qabuufi  diinagdee gooroo tasgabbaa'aa  uumuuf hojjetamaa akka jiru kan eeran Obbo Amaareen,diinagdee damdaneessa waltumse ijaaruufis uummatni karooraafi tarsimoo mootummaan baasuu hirmaannaa cimaa taasisuun tumsuu akka qabus yaadachiisaniiru.



Related News
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Reset Your Password

Enter your email and we’ll send you a password reset link.