Adwaa: Injifannoo Waloo!

Adwaa: Injifannoo Waloo!

  • 1,167
Adwaa: Injifannoo Waloo!
Hamilee fiixee:

Adwaa: Injifannoo Waloo!


Injifannoon Adwaa seenaa gootummaa Itoophiyaa qofa ibsu osoo hin taane, seenaa Afrikaanota keessatti boqonnaa haaraa isa guddaadha. Biyyi keenya Itoophiyaan biyya saboota, sablammootaafi uummattootaa hedduu yoo taatu, biyya wareegamni qaaliin itti kaffalamee birmadummaan ishee tikfamee har'a geessedha.

Adwaan mallattoo tokkummaa, gootummaafi bilisummaa saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaati. Lammiileen Itoophiyaa qindoominaan, gootummaan fi beekumsaan wal utubuun, humna alaa jilbiiffachiisuun bilisummaa waloo mirkaneeffataniiru.

Kanaaf, Adwaan dirree Itoophiyaanonni waloon dhaabbachuun koloneeffattota biyya isaanii, mirgaa fi qabeenya isaanii saamuuf  muratanii dhufan, waaroo salphinaa itti uwwisuun seenaa gootummaa biyya keenya bara baraan ittiin akka waammamtu taateedha.

Seenaa injifannoo Adwaa keessatti uummanni Oromoo gahee olaanaa fi murteessaa taphataa tureera. Goototni Oromoo hedduun aarsaa lubbuu, dhiigaa fi lafee itti cabanii jiru; fardeen Oromoo hedduun seenaa yoomuu dagatamuu hin dandeenye itti galmeessanii jiru. Walumaagalatti, injifannoon Adwaa injifannoo waloomaa fi wal hubannaan saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa itti dhugoomeedha.

Dhaloonni har’aas kana hubachuun seenaa haaraa galmeessuuf, birmadummaa biyyasaa eeggachaa, sochii guddina diinagdee gama hundaan utubuu fi hariiroon waloo akka cimu taasisuuf hunduu cichoominaa fi miira gamtoomeen waloon hojjechuun biyya cimtuu fi misoomte dhaloota dhaalchisuuf har’a hojjechuun murteessaadha.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.