Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran

Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran

  • 81
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 7 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 8 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 9 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 10 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 11 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 12 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 13 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 14 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 15 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 16 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 17 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 18 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Magaalota Oromiyaa-giddugala misoomaa, hawata turiizimiifi tekinooloojii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran - Image 19 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Magaalota Oromiyaa-giddugala Misoomaa, Hawata Turiizimiifi Tekinooloojii Taasisuuf Hojiilee Hojjetamaa Jiran


Waggoottan jijjiiramaa saddeettan darban keessattuu waggoottan muraasaa asitti mootummaan jijjiiramaa jijjiirama hundagaleessa fiduuf carraaqqii adda addaa itti fufinsaan taasisaa jira. Magaalota naannichaa keessatti iniisheetiivota adda addaa bocee hojiirra oolchuu dabalatee tarsiimoowwan misoomaa hedduu baasee hojiitti hiikuun bu’aaleen qabatamoon argamaniiru, argamaas jiru. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha keessatti badhaadhina hundagaleessa galmeessuuf hojiilee hojjetaa jiru keessaa hojiin tarsiimoo magaalomsuun walqabatee raawwatamaa jiru isa tokko. Tarsiimoo kanas hojiitti hiikuuf tarkaanfilee Mootummaan Naannichaa fudhateefi fudhataa jiru, bu’aalee tarkaanfii kanaan galmaa’aa jiranis maal akka fakkaatan ilaalchisee barreeffama kanaan dhiyaatteetti.

Keessumatti ammoo misooma kooriidariifi misooma qarqara laggeenii magaalota gurguddoo naannichaa keessatti geggeeffamaniifi geggeeffamaa jiranirratti gaaffiifi deebii Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaafi Manneeniifi akkasumas ragaalee barreeffamaa Biiricharraa argame akkaataa armaan gadiitti qindeeffamee dhiyaateera.

Magaalonni naannichaa jiraattotasaaniif mijatoo, filatamoofi dorgomoo akka ta’an mul’ata fagoo qabachuun gara hojiitti kan galaniifi amma bakka gahuu qaban gahuu baatanis jijjiiramni hedduun mul’ataa dhufeera. Keessattuu tarsiimoo magaalomsuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa boce kan akka lafa magaalomsuu, nama magaalomsuufi mootummaa magaalomsuu yaadamoota jedhaniin hojii hojjetamaa tureen magaalonni keenya seenaa kaleessa keessa turan keessaa bahanii imala jijjiiramaa sirrii ta’een kallattii galma barbaadame geessuu danda’u qabatanii imalaa jiru. Sochii hanga ammaatti taasifameenis bu’aaleen hedduun galmaa’aniiru.

Magaalota naannichaa keessatti iniisheetiivonni ummataaf carraa hojii uumuu danda’an, ummanni magaalaa bitee nyaachuu qofa osoo hin taane oomishee nyaachuu akka danda’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru. Mootummaan qonna magaalaa jajjabeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu, qaala’insa jireenyaa hir’’isuu akkasumas oomishaalee galii argamsiisuu danda’an (giddugala oomishaafi gurgurtaa akkasumas dinagdee ta’uu akka danda’an) taasisuuf hojiin hojjetamaa tureefi bu’aan argamaa jiru sirnaan ilaaluun ni danda’ama.

Ilaalamniifi yaadamni mootummaa badhaadhinaa qonni baadiyyaa qofa akka hin taane kan magaalaas akka lafa qabatu taasisuun jireenya hawaasa magaalaa jijjiiruu keessatti gumaacha mataasaa akka qabaatuuf adeemsi deemameefi bu’aan argames akka salphaatti kan ilaalamu miti.  Qonna magaalaan walqabatee hojiin misooma aannanii, furdisa loonii, misooma lukkuu, booyyee, qurxummii, investimantii godoo waggoottan sadan arfan darban keessa hojjetamaa turaniifi bu’aan argame olaanaadha. Kanaanis carraa hojii lammiilee miliyoonotaan lakkaa’amaniif uumuun danda’ameera.

Galmoota misooma magaalaa qabatamanii hojjetamaa jiran keessaa: 1ffaa wabii nyaataa mirkaneessuu, 2ffaa qaala’insa jireenyaa hir’isuu, 3ffaa galii argamsiisuufi qonna tekinooloojiin utubuufi jiruufi jireenyi ummataa akka jijjiiramu gochuun isaan ijoodha. Galmoota kana milkeessuuf hojiilee hojjetamaniin aadaa hojii fooyyessuun magaalaa keessatti lafa xiqqoorratti oomisha guddaa argachuun akka danda’amu itti fayyadama lafaa karaa oomisha dabaluun danda’amuun sadarkaa sanatti fiduun danda’ameera. Keessattuu mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo addaa qonna magaalaatiif kenneen qonni magaalaa madda biizinasii akka ta’u hubannoo olaanaan kan irratti fudhatameefi jijjiiramni yaadaas kan irraa argamedha.

Agarsiistuun kanaa immoo hojiiwwan magaalota gurguddoo naannichaa garaa garaa keessatti hojjetamanidha. Kanaafis magaalota akka Adaamaa, Shaggar, Bishooftuu, Jimma, Roobee, Shaashamannee, Maayaafi kanneen biroo akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Walumaagalatti hojiiwwan iniisheetiivii magaalaarratti hojjetamaa turaniin bifiyyee magaalotaa qofa osoo hin taane aadaan hojiifi akkaataan jireenyaa jiraattota magaalaas jijjiiramuu eegaleera. Magaalota keessatti ilaalama taa’anii eeggachuu keessaa bahanii hojjetanii, ifaajanii rakkoo keessaa bahuu danda’uu  mul’achuurratti argama.

Gama biraatiin hojiiwwan hojjetamaa turan keessaa hojiin misooma kooriidarii magaalonni ilaalama haaraa akka qabaatan taasiseera. Miidhagina guddaas isaan gonfachiisaa jira. Kana malees, magaalota keessatti iddoowwan aaragalfiifi bakkeewwan hawata turiizimii babal’achaa jiru.

Hojiin misooma kooriidarii nama giddugaleessa kan godhatedha. Gama biraan magaalonni giddugala turizimii, daldalaa akka ta’an, agarsiistuu aadaafi duudhaa akkasumas seenaa taasisuuf tarkaanfii fudhatameen bu’aan lakkaa’amuu danda’u argamsiiiseera. 

Walumaagalatti kaayyoofi galmi misooma magaalaa, magaalonni naannoo Oromiyaa jireenyaaf mijatoo, "Smart City" akka ta'aniifi duudhaa Oromoo akka calaqqisiisan uumuurratti xiyyeeffatee hojii hojjetamaa jiruun gara giddugala dinagdeefi tekinooloojiitti ce’uun babal'achaa jiru. Kanaan dura magaalummaan adeemsa jijjiiramaa cimaa keessa darbus baay’eensaa lafa qofarratti kan xiyyeeffate; nama kan dagateefi fedhii ummataa hunda kan hin hammanne ture.

Yeroo ammaa garuu rakkoolee hundeeffamasaaniirraa ka’uun mudachaa ture keessaa bahuuf tarsiimoo magaalomsuu addaa baasuun hojjetamaa jira. Fakkeenyummaa badhaadhinaa ta’uufis galmoota magaalaa gurguddoo afur qabachuun magaalotarratti hojjetamaa jira. Fuula magaalota naannichaas jijjiiruuf hojii misooma kooriidarii xiyyeeffannoo addaan hojjetamuurratti argama.

Iniisheetiivii misooma kooridarii hojiirra oolaa jiruun ijaarsi bu’uuraalee misoomaa kan akka daandii miilaa, utubaa ibsaa teeknooloojii garaa garaa hamate(smart pole) manneen jireenyaafi iddoowwan bashannanaa babal’isuun hojii raawwatamaa jiru cinaatti magaalonni iddoo gurgurtaa qofa osoo hin taane giddugala oomishaas akka ta’an hojiin bal’aan hojjetamuurratti argama. Misoomni kooriidaraa hojjetamu pilaanii magaalaa hojiirra oolchuu cinaatti fuula magaalaa midhagsuufi sochiin tiraafiikaa fayyaalessi akka jiraatu taasisuuf kaayeffatee hojjetamaa jira.

Magaalomsuun Magaalota Naannoo Oromiyaa fakkeenyaafi giddugala badhaadhinaa taasisuuf misooma kooridaraa bara 2017 irraa eegalamee hojjetamaa jiruun bu’aan gaariin galmaa’aa jira. Magaalonni misooma kooriidaraa marsaa jalqabaa xumuruun tajaajilaaf banaa taasisan kanneen akka Magaalaa Jimmaa, Roobee, Bishooftuu, Adaamaa, Naqamteefi kkf akka fakkeenyatti ilaaluun ni danda’ama. Magaalonni gurguddoon hanga mana qopheessaa guddattuutti argamanis humna qabaniin pilaanii kabachiisuun muuxannoo kana fudhatanii misoomsuurratti argamu.

Hojii gama kanaan hojjetamaa jiruunis hanga jalqaba kurmaana 3ffaa bara 2018titti daandiin asfaaltii kiiloomeetirri 115, kan miilaa kiiloomeetirri 90, saayikilii kiiloomeetirri 817 walumatti daandiin kiilomeetirri 1,022 ijaaramee rakkoo dhiphina daandii geejjibaafi imaltoota lafoo magaalota keessatti mul’atu hiikuu dandeessiseera.

Gama hojii misooma magariisuutiinis lafa hektaara 953, misooma qarqara laggeenii kiiloomeetira 65, miidiyaanii hektaara 53, iddoo aara galfannaa 38, addabaabayii 30, fincaa’aa (fountain) 72, iddoo taphaa ijoollee 40fi iddoo bashannanaa 20 misoomsuun danda’ameera.

Hojiileen misoomaa kun itti fufinsaan hojjetamaa kan jiran yommuu ta’u, raawwii bara kanaa kan ji’oota salgan darbanii yoo ilaalle mana fincanii ummataa 56, iddoo dhaabbii konkolaataa(car parking) 90, iddoo ispoortii akkasumas sarara ibsaa, bishaanii, teelee, balfa dhangala’aafi bo’oo lolaa karaa qindaa’een magaalota garaagaraa keessatti ijaarsisaanii geggeeffameera.

Dabalatanis tajaajila tekinooloojiin walqabatee kan akka iskiriinota televijiinii ammayyaa, kaameraa nageenyaafi kan kana fakkaatan qaama misooma kooriidaraa taasifamee hojjetamaniiru.

Hojiileen misoomaa hojjetaman kunneenis xumuramuun tajaajila hawaasaaf banaa taasifamaniiru, kanneen biroos ijaarsarratti argamu. Hojiileen gama kanaan hojjetamaa jiraniinis magaalota naannichaa miidhaguun magaalaa ammayyeessuu, geejjibaafi tajaajila uummataa fooyyeessuu, daldalaa fi invastimantii dadamaqsuu, carraa hojii uumuu, akkasumas nageenya tiraafiikaa, qulqullinaafi bareedina magaalaa uumamaa jiru cinaatti imala badhaadhinaaf  bu’uura buusaa jira.

Egaa magaalaawwan kan lafarratti ijaaraman qofa osoo hin taane kan namaaf ijaaraman ta’uunsaanii qabatamaan kan mul’ataa jirudha.  Sochii misooma magaalaa keessattuu misooma kooriidariifi qarqara laggeenii miidhaginaafi hawattummaa qofa osoo hin taane kan galiin magaalaa akka guddatu taasisedha.  Gama biraan walitti hidhaminsi magaalaafi baadiyyaa (hariiroon magaalaafi baadiyyaa) fayyaalessi akka ta’u kan akeekedha. Giddugalli ummata keenyaa magaalaafi baadiyyaa magaalaa akka ta’e qabatamaan kan dhugoomsedha.

Sagantaa mootummaa magaalaarratti qabu ummanni ilaalamaan, hojiin ammayyummaafi kanneen biroon magaalaa waliin guddachuu akka qabu kaayyeffatamee hojjetamaa jira.  Kana keessatti magaalonni pilaaniin akka guddatan, akka misooman xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Akka kaleessaa osoo hin taane waggoottan jijjiiramaa darban keessatti magaalonni tarsiimoo guddinaa akka qabaataniifi tarsiimichaan akka hogganaman taasisuuf hoggansi magaalaafi kutaaleen hawaasaa hundi kana hubatee hojii jalqabame kana caalaatti itti fufsiisuuf hojjechuu gaafata.

Ilaalamni misooma kooriidarii ummata biratti dadamaqiinsa uumuun hedduu jijjiireera. Yeroo ammaa jiraattonni magaalota Oromiyaa hundi magaallisaanii akka misooman, akka guddatu hawwii qaban hedduu dabalaa jira. Mootummaanis misooma kana magaalota hunda keessatti akka babal’atuuf xiyyeeffannoofi ejjennoon hojjetaa jira.  Ummanni kana hubatee misooma magaalaa hojjetamaa jiru keessatti si’oominaan akka hirmaatu yoo ta’e badhaadhinni gama kanaan yaadame yeroo dhiyootti galma akka gahu shakkiin hin jiraatu.

Barruulee Kallacha: Waggaa 11ffaa lakk. 3rraa fudhatamee 



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.