Bara Kana Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisatiin Dhaabbiin Biqiltuu Bil.4.8 Ol Mootoo "Abdii Haa Dhaabnu" Jedhuun Gaggeeffamaa Jira
Jijjiiramni qilleensaa addunyaa mudachaa jiru qabeenya uumamaa, oomisha qonnaa fi jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira. Rakkoo kana qolachuuf Mootummaan Itoophiyaa Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaa hojiirra oolchuudhaan waggoota torban darban keessatti hojiiwwan seenaa qabeessa ta'an raawwachaa tureera.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegalee waggaa waggaatti dhaadannoo adda addaatiin gaggeeffamaa tureera. Bara 2011 "Nama Tokkoon Biqiltuu 40", bara 2012 "Of Eeggannoodhaan Ni Dhaabna", bara 2013 "Itoophiyaa Haa Uffisnu", bara 2014 "Ashaaraan Keenya Dhaloota Keenyaaf", bara 2015 "Boru Har'a Haa Dhaabnu", bara 2016 "Biyya Dhaabdu Dhaloota Jabaatu", bara 2017 "Dhaabuudhaan Olka'uu" jedhuun hojii dhaabbii biqiltuu bal'aan raawwatamaa ture. Bara 2018 ammoo mata duree "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun guutuu biyyattiitti duulli dhaabbii biqiltuu bal'aan gaggeeffamaa jira.
Mata dureen "Abdii Haa Dhaabnu" jedhu biqiltuu qofa dhaabuu osoo hin taane, abdii dhaloota egereef, eegumsa naannoo, wabii nyaataa, guddina dinagdee fi jireenya fooyya'aa dhaabuun walqabata.
Biqiltuun har'a dhaabamu dhaloota boruuf gaaddisa, bishaan, qilleensa qulqulluu fi jireenya fooyya'aa ta'a.
Akka biyyaatti waggoota torban darban keessatti sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun biliyoona 48 ol dhaabameera. Hojii kanaanis uwwisi bosonaa dabaleera; dhiqamni biyyee hir'ateera; maddoonni bishaanii deebi'anii jiru; carraan hojii bal'aan uumameera; wabii nyaataas cimeera.
Naannoo Oromiyaattis waggoota torban darban keessatti hojii Ashaaraa Magariisaa bu'aa jajjabeessaa galmeessiseera. Waggoota torban darbanitti sagantaa Ashaaraa Magariisatiin biqiltuun gosa adda addaa biliyoona 28.2 ol lafa heektaara miliyoona 8.2 irratti dhaabameera. Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa dhibbeentaan 85 ol latuun isaanii hojii kunuunsaa fi hordoffiin sirnaan raawwatamaa ture bu'aa gaarii argamsiisuu agarsiisa. Kana malees uwwisi bosonaa naannichaa dhibbeentaa 17 irraa gara dhibbeentaa 29tti ol guddateera. Haroowwan gogan deebi'anii bishaan qabachuu jalqabaniiru; dhiqamni biyyee hir'ateera; akkasumas carraawwan hojii hedduun uumamaniiru.
Bara 2018 kana hojii Ashaaraa Magariisaa caalaatti cimsuuf lafa heektaara miliyoona 1.1 irratti dhaabbii biqiltuu raawwachuuf karoorfamee, uummanni miliyoona 15 ol ta'u akka hirmaatu karoorfamee hojjatamaa jira. Hojii kana milkeessuuf buufataalee biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 27 irratti biqiltuun biliyoona 5.3 qophaa'eera. Akkasumas sanyii biqiltuu faayidaa adda addaaf oolu kuntaala kuma 17 uummataaf dhiyaateera.
Biqiltuu qophaa'e keessaa biliyoona 4.8 dhaabuuf karoorfamee, hanga ammaatti biliyoona 3.5 ol lafa heektaara kuma 804 irratti dhaabameera. Biqiltuuwwan kunneen keessaa dhibbeentaan 37.6 biqiltuu bosonaa, 27.5 biqiltuu tajaajila adda addaaf oolu, 22 biqiltuu nyaata beelladaaf oolu, 8 biqiltuu nyaata namaaf oolu, akkasumas 3.6 biqiltuu miidhaginaaf oolanidha.
Duula dhaabbii biqiltuu bara kanaatiin guyyaa tokko qofatti biqiltuu faayidaa adda addaaf oolan miliyoona 466 lafa heektaara kuma 183 irratti dhaabuuf karoorfamuun kunis akkaatuma karoirichaan raawwatameera. Hojii kanaaf iddoowwan dhaabbii 4,778 adda baafamanii qophaa'anii turan. Kunis Oromiyaan hojii eegumsa naannoo fi misooma magariisaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu agarsiisa.


