Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira

Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira

  • 165
Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira


Bunni ‘warqee magariisaa’ Oromiyaafi Itoophiyaa keessatti qabeenya diinagdee murteessaa ta’ee, jireenya qonnaan bulaa, galii biyya keessaafi sharafa alaa argamsiisuurratti gahee olaanaa qaba. Haa ta’u malee, bara jijjiiramaa dura misoomni Bunaa rakkoolee hedduu keessa ture. Dhiyeessiin galteewwan qonnaa, tajaajilli ekisteenshiniifi deeggarsi ogummaa gahaa hin turre; kunuunsi Bunaa, oomishtummaan, qulqullinnifi sirni gabaa isaa sadarkaa barbaadamu irra hin geenye. Kana irraa kan ka’e qonnaan bultoonni lafa Bunaarraa bu’aa gahaa argachuu dhabuun, yeroo tokko tokko lafa Bunaa gara oomishaalee birootti jijjiiruuf dirqamaa turan.


Rakkoolee kana hundeerraa furuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2012 magaalaa Naqamteetti Inisheetivii Misooma Bunaa labsee hojiitti galche. Inisheetiviin kunis oomishaafi oomishtummaa Bunaa dabaluun, qulqullina fooyyeessuu, qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuufi gumaacha bunni diinagdee biyyaafi naannoo keessatti qabu guddisuuf kan xiyyeeffatedha.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa sanyii Bunaa filatamaafi oomishtummaa olaanaa qabu qonnaan bultootaaf dhiyeessuu, biqiltuu haaraa dhaabuu, buna dulloome buqqisanii bakka buusuu, gamashuu, akkasumas dhiyeessii galteewwaniifi tajaajila ekisteenshinii fooyyessuurratti hojii bal’aa hojjechaa tureera.


Bu’aan hojii kanaas lakkoofsaafi uwwisa oomisha Bunaa keessatti mul’ateera. Bara 2012 dura uwwisni misooma Bunaa Oromiyaa hektaara miliyoona 2.3 kan ture yoo ta’u, bara 2017tti gara hektaara miliyoona 3.4tti guddateera. Kunis waggoota shanan keessatti dabaluun hektaara miliyoona 1.1, jechuunis G.8 ta’a.   Haaluma walfakkaatuun, oomishni Bunaa bara 2012tti kuntaala miliyoona 6.48 irraa bara 2017tti kuntaala miliyoona 16.9tti ol guddateera. Lakkoofsi biqiltuu Bunaa duraan miliyoona 908 tures gara biliyoona 2.4tti guddisuun danda’ameera. Sanyiiwwan filatamoo qorannoon mirkanaa’an raabsuun, buna dulloome bakka buusuufi gamashuun haaromsuu keessattiis hojii bal’aan hojjetameera.

 

Bifuma wal fakkatuun, Misooma Bunaa dinagdee biyyaa karaa hiika qabuun utubaa jiru daran cimsuuf hojii hojjetamaa jiruun oomisha buna gogaa Kuntaala miliyoona 16.9 oomishuun danda’amee jira. Haaluma kanaan biqilaa Bunaa dhaabbii gannaaf oolu biliyoona 2.8 qopheessuun dhaabamaa jiraachuu sanadni gabaasa raawwii karoora hojiiwwan qama raawwachiiftuu bara baajataa 2018 fi kallatti gurguddoo karoora bara baajata 2019 walga’ii idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii caffee 6ffaa Caffee Oromiyaatiif dhiyaate ture ni agarsiisa

 

Jijjiiramaa as qonnaan bulaa, daldalaafi al-ergitoota walitti hidhuun, qonnaan bultoonni oomisha isaanii gara gabaa giddugaleessaafi idil-addunyaatti dhiyeessuu akka danda’an carraan bal’aan uumameera. Keessumaa qonnaan bultoonni hayyama al-ergii argachuun oomisha isaanii kallattiin gara gabaa biyya alaatti erguu akka danda’an haala mijataa uumamuun, qonnaan bulaan buna oomishuu qofa osoo hin taane gatii fi gabaa oomisha isaa irratti gahee qabaataa akka deemu taasifameera.


Godambaa/Muuziyeemii Bunaa Oromiyaa hundeessuu, biraandiingii buna Oromiyaa cimsuufi bakka argama Bunaa sirnaan beeksisuun hojiiwwan ijoodha. Keessumaa Godina Jimmaa, Aanaa Gommaa, iddoo Coocee jedhamuun beekamu beeksisuun abbummaafi eenyummaa Bunaa Oromiyaa addunyaaf mul’isuuf gahee olaanaa qaba.


Bunni qulqullina isaa eeggatee akka funaanamu, akka goguufi gabaa ga’u gochuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Daldala seeraan alaafi rakkoolee sirna gabaa Bunaa to’achuufis qaamolee mootummaa adda addaa hirmaachisuun hojiiwwan hojjetamaniiru. Kunis qonnaan bulaan gatii madaalawaa akka argatuufi biyyi keenya bunarraa galiifi sharafa alaa olaanaa akka argattuuf haala mijataa uumeera.

 

Kanaanis biyyi keenya, oomisha Bunaa dabaluu qofa osoo hin taane, qulqullina, walitti hidhamiinsa gabaafi al-ergii fooyyessuun galii oomishtoota Bunaafi biyyaa guddisuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jira. Bara 2012tti Itoophiyaan al-ergii Bunaarraa doolaara Ameerikaa biliyoona tokko argatte turte. Bara 2017tti galiin kun gara doolaara biliyoona 2.6tti guddateera. Bara baajataa 2018 kana immoo xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa tureen Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif al-ergii Bunaa irraa galii doolaara Ameerikaa biliyoona 3 ol argachuun seenaa haaraa galmeessiteetti.

Milkaa’inni kun imaammataafi tarsiimoo sirrii, dhamaatii oomishtoota Bunaa, deeggarsa mootummaa fi hoggansa damee Bunaaf taasifameen kan dhufe dha. Kanaaf, Inisheetiviin Misooma Bunaa jijjiirama damee qonnaa keessatti taasifamaa jiru keessaa fakkeenya guddaa ta’ee, Bunaa qabeenya qonnaan bulaa irraa gara madda galii, sharafa alaa fi beeksisa maqaa Oromiyaafi Itoophiyaa addunyaatti jijjiiruuf gumaacha olaanaa taasisaa jira.


Bara baajataa 2018 keessas biqiltuu Bunaa sanyii filatamaa biliyoona 2.8 qopheessuun hojii dhaabbii biqiltuuf xiyyeeffanoon kennamee hojjetamaa jira.  Bara 2019tti Oomishaafi Oomistummaa Bunaa guddisuuf biqiltuu Bunaa biliyoona 3.58 qopheessuun dhaabbiif qopheessuu, lafa oomisha Bunaa kennu heektaara miiliyoona 1.88 irraa oomisha Bunaa Kuntaala miliyoona 21.83 sassabuun Buna sadarkaa isaa eeggate gabaa biyya keessaafi alaatiif qulqullinaan dhiyeessuuf karoorfamuu sanadni gabaasa raawwii karoora hojiiwwan qama raawwachiiftuu bara baajataa 2018 fi kallatti gurguddoo karoora bara baajata 2019 walga’ii idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii caffee 6ffaa Caffee Oromiyaatiif dhiyaate ture ni agarsiisa.


Inisheetiviin misooma Bunaa bara 2012 magaalaa Naqamteetti labsame, waggoota darban keessatti oomisha, oomishtummaa, qulqullinaafi gabaa Bunaarratti jijjiirama mul’ateef bu’uura ta’eera. Jijjiiramni kun godinaalee Oromiyaa haala qilleensaa bunaf mijataa qaban keessatti ball’inaan mull’ateera.

 

Fuuldurattis oomisha qofa osoo hin taane, qulqullina, oomishtummaa, gatii dabalataa, qophii Bunaaf taasifamuufi gabaa addunyaa irratti xiyyeeffannoo cimsuun bu’aa damee Bunaa caalaatti guddisuun ni danda’ama.


Madda: Barruulee Kallachaafi Miidiyaa Hawaasummaa MMI.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.