Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma!

Biyyi keenya Itoophiyaan qabeenya uumamaa, lafa bal’aa, qilleensa mijataa fi humna namaa gahaa biyya qabdu taatus waggoota dheeraaf qabeenya ishee sirnaan itti fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’e hiyyummaa keessa tuturtee jirti.

  • 65
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 7 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Carraa Naannoon Keenya Qabu Gara Bu’a QabeessummaattiJijjiiruun Badhaadhinni Dhugooma! - Image 8 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Biyyi Keenya Itoophiyaan Qabeenya Uumamaa, Lafa Bal’aa, Qilleensa Mijataa Fi Humna Namaa Gahaa Biyya Qabdu Taatus Waggoota Dheeraaf Qabeenya Ishee Sirnaan Itti Fayyadamuu Dhabuu Irraa Kan Ka’e Hiyyummaa Keessa Tuturtee Jirti.


Haalli mijataan oomisha qonnaafi beelladaatiif jiru guutummaatti gara dinagdeetti jijjiiramee irraa fayyadamuu dhabuun biyyattiin wabii nyaataa lammiilee ishee akka hin markaneessine hudhaa ta’ee ture.Hojii dhabdummaas babal’isee lammiileen hedduun jireenya fooyya’aa barbaachaaf  gara biyyoota alaa akka godaananiif saaxileera  


Haa ta’u malee,barii jijjiiramaa  mootummaa aangootti dhufe yaadamoota haaraa adda addaa hojiirra oolchuun qabeenya jiru hunda gara badhaadhinaatti jijjiiruuf hojii bal’aa eegale.Keessumattuu naannoo Oromiyaatti, Qonna ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuu,carraa hojii bal’aa uumuu fi galii maatii guddiusuuf inisheetivoonni adda addaa bocamuun baadiyaafi magaalota naannichatti bal’inaan hojii irra oolaanii  jiru. Inisheetivoota hojiirra ooluun bu’aa guddaa yeroo gabaabaa keessatti  agarsiisaa jiran keessaa inisheetiviin misooma beelladaa isa tokko yoo ta’u  addatti bu’aan horsiisa lukkuufi oomisha killeerraa argamaa jiru hojii dhabdoota baay’ee gara abbootii qabeenyatti jijjiiruun ofirra darbanii diinagdee biyyaa utubuu akka danda’an taasiseera.


Horsiisni lukkuu baadiyaafi magaalota naannichaa hunda keessatti akka hojii galii saffisaan argamsiisuutti fudhatamuun ariitidhaan babal’ifamaa jira. Lafa xiqqoo barbaaduu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa argamsiisuun isaa dargaggoota hedduu hojii keessa galcheera.


Mootummaan naannichaas qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun sanyii lukkuu fooyya’aa dhiyeessuu, tallaallii fi tajaajila ogeessaa kennuu, nyaata lukkuu qopheessuuf haala mijataa uumu, walitti hidhamiinsa gabaa mijeessuun  deeggarsa cimaa taasiseera.Keessumattuu magaalota hedduu keessatti kilaasteroonni horsiisaa gurguddoofi hedduun baajata mootummaa guddaan ijaaramanii bilisaan lammiilee hojii kanarratti bobba’aniif dabarfanii jiru.Kunis hammam mootummaan jiruufi jireenya hawaasa naannichaa fooyyessuuf xiiqiin hojjachaa akka jiru kan agarsiisuudha.


Waggoottan muraasa darbanitti sirni horsiisa lukkuu naannichatti karaa ammayyaatiin gaggeeffamuu jalqabe dhiyeessii cuucii guyyaa tokkoo bara 2014 mil. 14.1 qofa ture bara 2017 tti mil. 100  irraan gahuu kan danda’e yoo ta’u oomisha Killee bara 2014tti  Bil.1.437 qofa ture bara 2017 tti killee Bil. 4.189 oomishuun danda'ameera. 


Bara 2018 ttis dhiyeessii cuucii guyyaa tokkoo mil.101 fi oomisha killee Bil. 6.5 irraan gahuuf xiiqiin karoorfamee xiiqiin raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, raawwiin hanga ammatti galmaa'e  karoorichi milkaa’uu akka danda’u ni akeeka. 


Walumaagalatti, inisheetiviin misooma adda addaa  naannoo Oromiyaatti hojiirra oolaa jiru haala mijataa naannoon keenya qabu gara dinagdeetti jijjiiruun badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuuf fakkeenya gaarii ta’eera.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.