Ji'oottan saglan darbanitti hojiiwwan hawaasummaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun hojjetamaniiru.

Gamaaggama raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa geggeeffamaa jiru irratti ibsa kan kennan sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastera hawaasummaa Obbo Saadaat Naashaa ibsa miidiyaaleef kennaniin MNO gama hawaasummaan dhalootaa dorgomaa,fayya qabeessaafi aadaafi eenyummaa isaa beeku horachuuf hojjechaa jira jedhan.

  • 21
Ji'oottan saglan darbanitti hojiiwwan hawaasummaa fayyadamummaa  hawaasaa mirkaneessan hedduun hojjetamaniiru. © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Ji'oottan saglan darbanitti hojiiwwan hawaasummaa fayyadamummaa  hawaasaa mirkaneessan hedduun hojjetamaniiru. - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Gamaaggama Raawwii Hojii Mootummaafi Paartii Kurmaana 3ffaa Geggeeffamaa Jiru Irratti Ibsa Kan Kennan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Saadaat Naashaa Ibsa Miidiyaaleef Kennaniin MNO Gama Hawaasummaan Dhalootaa Dorgomaa,fayya Qabeessaafi Aadaafi Eenyummaa Isaa Beeku Horachuuf Hojjechaa Jira Jedhan.


Haaluma kanaan mootummaan gama diinagdee,barnootaafi teeknoloojii akkasumas  sirna jijaaraa jiraachuufi barattoonni mil 12 ol barachaa jiraachuu ibsaniiru.Manneen barnootaa bu'uura boruu  20180 ijaaramuufi daa'imman miliyoona 2 ta'an barachaa akka jiraniifi kunis

 hirmaannaa hawaasaan ijaaramuu dubbatu.


Dareen dabalataa 23,900 olii fi

manneen barnootaa idilee 262 ijaaramu

akkasumas manneen barnootaa sadarkaan isaanii fooyyessuuf moodeleessuun hojjetamuu eeraniiru


Nyaata barataan barattoonni nyaatanii barachaa turuu,hirmaannaan hawaasaas cimaa akka ta'ee kitaabni barataa mil.4.8 barataaf raabsamuun hanqinni akka furamu taasifameeras jedhan Obb Saadaat.


Ga'umsa barsiisaa guddisuuf  leenjiin kennamuufi qormaanni madaallii kennamaa akka ture eeruun qabxiin barataas fooyya'insa agarsiisaa jira jedhan


Hawaasa fayya qabeessa horachuuf hojii hojjetamaa tureen fyyaa haadholiifi daa'immanii eeguu,dhibee daddarboo ittisuuf sochii gaariin turuus himaniiru.


Keelllaan fayyaa 256 ijaaramuun tajaajila kennuu eegaluu,manneen  qoricha hawaasaa 89 ijaaramuufi meeshaaleen yaalaa dabalataa galfamuun giddu gallli altirasawondii 219 ijaarameera.


Laabiraatorii hawaasaa dabalataan 11 ijaaramuu,tumsai hawaasni taasises milkaa'ina qaba jedhan.


Mana murtii aadaan haqa waloo mirkaneessuuf mana murtii aadaatti gaaddisa mana murtii aadaa  7000 ijaaramuu, dimmootni kuma 190 ol ta'an dhiyaachuun murtii argachuu kan eeran Obbo Saadaat ardaalee jilaa 1,427 akka ijaaraman taasisuufi malkaan 264 akka bakkatti deebi'an taasifamuu ibsaniiru.


Sochii ispoortii hawaasaa jalqabamuu,ogummaa spoortii adda addaa baballisuun hojii gaariin hojjetamuus eeraniiru.


Haa ta'u malee, raawwiin garaagarummaa qabaachuu,kenni tajaajilaa hanqina qabaachuufi pootenshaala jiru hunda irratti hojjechuu dhabuun akka jiruufi sirreeffamuu akka qabu Obbo Saadaat yaadachiisaniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.