Gamaaggama Raawwii Hojii Mootummaafi Paartii Kurmaana 3ffaa Geggeeffamaa Jiru Irratti Ibsa Kan Kennan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Saadaat Naashaa Ibsa Miidiyaaleef Kennaniin MNO Gama Hawaasummaan Dhalootaa Dorgomaa,fayya Qabeessaafi Aadaafi Eenyummaa Isaa Beeku Horachuuf Hojjechaa Jira Jedhan.
Haaluma kanaan mootummaan gama diinagdee,barnootaafi teeknoloojii akkasumas sirna jijaaraa jiraachuufi barattoonni mil 12 ol barachaa jiraachuu ibsaniiru.Manneen barnootaa bu'uura boruu 20180 ijaaramuufi daa'imman miliyoona 2 ta'an barachaa akka jiraniifi kunis
hirmaannaa hawaasaan ijaaramuu dubbatu.
Dareen dabalataa 23,900 olii fi
manneen barnootaa idilee 262 ijaaramu
akkasumas manneen barnootaa sadarkaan isaanii fooyyessuuf moodeleessuun hojjetamuu eeraniiru
Nyaata barataan barattoonni nyaatanii barachaa turuu,hirmaannaan hawaasaas cimaa akka ta'ee kitaabni barataa mil.4.8 barataaf raabsamuun hanqinni akka furamu taasifameeras jedhan Obb Saadaat.
Ga'umsa barsiisaa guddisuuf leenjiin kennamuufi qormaanni madaallii kennamaa akka ture eeruun qabxiin barataas fooyya'insa agarsiisaa jira jedhan
Hawaasa fayya qabeessa horachuuf hojii hojjetamaa tureen fyyaa haadholiifi daa'immanii eeguu,dhibee daddarboo ittisuuf sochii gaariin turuus himaniiru.
Keelllaan fayyaa 256 ijaaramuun tajaajila kennuu eegaluu,manneen qoricha hawaasaa 89 ijaaramuufi meeshaaleen yaalaa dabalataa galfamuun giddu gallli altirasawondii 219 ijaarameera.
Laabiraatorii hawaasaa dabalataan 11 ijaaramuu,tumsai hawaasni taasises milkaa'ina qaba jedhan.
Mana murtii aadaan haqa waloo mirkaneessuuf mana murtii aadaatti gaaddisa mana murtii aadaa 7000 ijaaramuu, dimmootni kuma 190 ol ta'an dhiyaachuun murtii argachuu kan eeran Obbo Saadaat ardaalee jilaa 1,427 akka ijaaraman taasisuufi malkaan 264 akka bakkatti deebi'an taasifamuu ibsaniiru.
Sochii ispoortii hawaasaa jalqabamuu,ogummaa spoortii adda addaa baballisuun hojii gaariin hojjetamuus eeraniiru.
Haa ta'u malee, raawwiin garaagarummaa qabaachuu,kenni tajaajilaa hanqina qabaachuufi pootenshaala jiru hunda irratti hojjechuu dhabuun akka jiruufi sirreeffamuu akka qabu Obbo Saadaat yaadachiisaniiru.


