Mootummaan Naannoo Oromiyaa Magaalota Bakka Jireenyaaf Mijatoo Taasisuu, Kenna Tajaajilaa Ammayyeessuu, Ogummaa /interpirunera/ Babal'isuufi Carraa Hojii Heddumminaan Uumuufi Magaalota Iddoo Daldalaa Qofa Osoo Hin Taane Bakka Oomishaa Taasisuun Jiruufi Jireenya Hawaasa Keenyaa Jijjiiraa Jira. Kanaafis Ji'oottan Saglan Darban Keessa Hojiin Gama Tarsiimoo Magaalomsuun Hojjetamaa Ture Agarsiiftuu Guddaadha.
Gamaaggama
raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa bara 2018 magaalaa
Bishooftuutti geggeeffama jiru ilaalchisee gama kilaastera misooma magaalan
raawwii hojii ji'ottan saglan darbanii Sadarkaa Itti aanaa pirezidaantiitti
Hoogganaan Kilaastera Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu miidiyaaleef ibsa
kennaniiru.
Ibsa
isaanii kanaanis, ji'oottan saglan darban keessatti tarsiimoo nama magaalomsuu,
lafa magaalomsuufi bulchiinsa mootummaa magaalomsuu hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Gama
biraatinis, Qonna magaalaan bakka hundatti hojii guddaan hojjetamuu ibsuun,
bifa addaan sheediwwan 139 ijaaramuun tajaajila eegaluufi beeyladoonni
miliyoonaa 61 itti galuufi namoota mil. 1.3 ta'aniif carraa hojii uumamuus
himaniiru.
Hojii
investimentii babal'isuun, walqabatees, hanga kurmaana 3ffaatti investimentiin
11,742 ol simatamuu himanii, kunis namoota kuma 700 carraa hojii uumuu kan
danda'e ta'uu ibsaniiru.
Investimentiin
jijjiirama dura kuma 10 irra tures yeroo ammaa kuma 40 ol ta'uu kan eeran Obbo
Masfin kunis carraa hojii namoota mil.2.1 ta'aniif dhaabbiin uumamee jiraachuu
kaasaniiru.
Liiqiin
walqabatees, qarshiin bil. 28 ol kan kenname yoo ta'u, kunis irra caalaan
baankii siinqeen kennamuu isaa himuun, Maashiniin 5000 ta'uufi lafti hektaara
kuma 95 kennamuu dubbataniiru.
Interpirunarota
horachuuf hojii hojjetameen
leenjiin
dheeraafi gaggabaabaan kennamuun inteterpirunarotni 1800 ol horatamee
jiraachuus obbo Masfin eeraniiru.
Wiirtuun
kenna tajaajilaa 1ffaa 17 hanga ammaatti xumuramuufi qaala'insi gatiis
diijiitii 1tti deebi'uu himuun, hojiin koriideriis magaagaalota hedduu
keessatti hojjetamaa kan jiru yoo ta'u , daandiin aspaaltii KM. 115, daandiin
saayikiilii KM. 90, daandii miilaa km .817, paarkiing 90 fi bakki tapha
daa'immanii 40 hojjetamuu ibsaniiru.
Walumaagalatti
raawwiin ji'oottan saglan darbanii gaariifi milkaa'aa ta'uu himaniiru.


