Dorgommiin Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba.

Baroota dheeraaf, ispoortiin aadaa seenaa, duudhaafi eenyummaa saba tokkoo calaqqisiisuun akka mallattoo eenyummaaatti tajaajilaa tureera.

  • 30
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 5 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 6 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 7 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 8 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Dorgommiin  Ispoortii Aadaa Tokkummaa Hawaasaa Cimsuuf Shoora Olaanaa Qaba. - Image 9 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Baroota Dheeraaf, Ispoortiin Aadaa Seenaa, Duudhaafi Eenyummaa Saba Tokkoo Calaqqisiisuun Akka Mallattoo Eenyummaaatti Tajaajilaa Tureera.


Ispoortiin kun bashannana qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu, tokkummaa ijaaruu fi aadaa dhalootaa dhalootatti dabarsuuf shoora guddaa qaba. Haaluma kanaan, mootummaanis ispoortii aadaa guddisuufi babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira.

 

Dhiheenya kana, Dorgommiin Ispoortii Aadaa 23ffaa fi Festivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Biyyaalessaa magaalaa Harariitti guyyoota torbaaf gaggeeffamee milkaa’inaan xumurameera. Sagantaan kun sabootaafi sablammoota garaagaraa walitti fidee, aadaa isaanii akka agarsiisan, walirraa baratan fi hariiroo isaanii akka cimsatan carraa uumeera.

 

Dorgommii kana irratti Naannoon Oromiyaa gahee olaanaa bahachuun mul’ateera. Ispoorteessitoota 51’n gosoota ispoortii aadaa 11 irratti hirmaachisuun, qabxii waliigalaa 61 galmeessuun sadarkaa tokkoffaa qabachuun injifannoo guddaa galmeesseera. Injifannoon kun qophii cimaa, hirmaannaa cimaa fi deggersa mootummaa irraa argameen kan dhufe ta’uun ibsamaa jira.

 

Injifannoo kana hordofuunis, jilli Oromiyaa bakka bu’uun injifannoo galmeesse magaalaa Adaamaatti simannaa ho’aan taasifameefii jira. Sagantaa kana irratti hoggantoonni mootummaa fi qaamoleen hawaasaa argamuun isaanii, injifannoo kanaaf kabaja guddaa kennamuu isaa agarsiiseera.

 

Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Roozaa Biyyaa, haasaa isaanii keessatti akka jedhanitti, bara kana mootummaan sadarkaa gandaa irraa eegalee ispoortii aadaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa tureen milkaa’inni kun argamuu danda’eera jedhan.

 

Akkasumas festivaalli ispoortii aadaa bakka tokkummaa, jaalalaafi obbolummaan itti cimu, akkasumas aadaa, seenaafi eenyummaan hawaasaa itti calaqqisiifamu ta’uu isaanii ibsaniiru.

 

Gama biraatiin, Itti Gaafatamaan Waajjira

 

Kilaastara Hawaasummaa, Obbo Nuuraa Guyyoo, jila injifannoo galmeesse galateeffachuun, injifannoon kun mootummaan damee kana irratti caalmaatti akka hojjetuuf kaka’umsa guddaa ta’uu dubbatan. Akkasumas mootummaa jijjiiramaa keessatti ispoortiin aadaa akkuma ispoortii ammayyaa xiyyeeffannoo argachaa jiraachuu fi deggersiifi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

 

Keessumaa dargaggoonni dameewwan dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa keessatti hirmaachuun jijjiirama jiru irraa akka fayyadaman hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Kunis hojii mootummaa fi hawaasa waloon hojjetu keessatti jijjiirama bu’uuraa fiduuf bu’uura ta’a.

 

Xumura irratti, ispoorteessitoota, leenjistootaafi qaamolee injifannoo kana keessatti gahee olaanaa taphatan badhaasaafi beekamtiin kennamuun, hojii isaanii akka itti fufan kaka’umsa guddaa uumeera.

 

Walumaagalatti, festivaalli ispoortii aadaa bashannana qofa osoo hin taane, tokkummaa, jaalalaafi obbolummaa cimsuuf akkasumas eenyummaa saba tokkoo addunyaatti beeksisuuf shoora olaanaa qabaachuun isaa ifatti mul’ateera. Kanaafuu, kunuunsuu fi dagaagsuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, dirqama lammilee hundaati.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.