Baroota Dheeraaf, Ispoortiin Aadaa Seenaa, Duudhaafi Eenyummaa Saba Tokkoo Calaqqisiisuun Akka Mallattoo Eenyummaaatti Tajaajilaa Tureera.
Ispoortiin kun bashannana qofa osoo hin taane, hariiroo
hawaasaa cimsuu, tokkummaa ijaaruu fi aadaa dhalootaa dhalootatti dabarsuuf
shoora guddaa qaba. Haaluma kanaan, mootummaanis ispoortii aadaa guddisuufi
babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira.
Dhiheenya kana, Dorgommiin Ispoortii Aadaa 23ffaa fi
Festivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Biyyaalessaa magaalaa Harariitti guyyoota
torbaaf gaggeeffamee milkaa’inaan xumurameera. Sagantaan kun sabootaafi
sablammoota garaagaraa walitti fidee, aadaa isaanii akka agarsiisan, walirraa
baratan fi hariiroo isaanii akka cimsatan carraa uumeera.
Dorgommii kana irratti Naannoon Oromiyaa gahee olaanaa
bahachuun mul’ateera. Ispoorteessitoota 51’n gosoota ispoortii aadaa 11 irratti
hirmaachisuun, qabxii waliigalaa 61 galmeessuun sadarkaa tokkoffaa qabachuun
injifannoo guddaa galmeesseera. Injifannoon kun qophii cimaa, hirmaannaa cimaa
fi deggersa mootummaa irraa argameen kan dhufe ta’uun ibsamaa jira.
Injifannoo kana hordofuunis, jilli Oromiyaa bakka bu’uun
injifannoo galmeesse magaalaa Adaamaatti simannaa ho’aan taasifameefii jira.
Sagantaa kana irratti hoggantoonni mootummaa fi qaamoleen hawaasaa argamuun
isaanii, injifannoo kanaaf kabaja guddaa kennamuu isaa agarsiiseera.
Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Aadde
Roozaa Biyyaa, haasaa isaanii keessatti akka jedhanitti, bara kana mootummaan
sadarkaa gandaa irraa eegalee ispoortii aadaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee
hojjechaa tureen milkaa’inni kun argamuu danda’eera jedhan.
Akkasumas festivaalli ispoortii aadaa bakka tokkummaa,
jaalalaafi obbolummaan itti cimu, akkasumas aadaa, seenaafi eenyummaan hawaasaa
itti calaqqisiifamu ta’uu isaanii ibsaniiru.
Gama biraatiin, Itti Gaafatamaan Waajjira
Kilaastara Hawaasummaa, Obbo Nuuraa Guyyoo, jila
injifannoo galmeesse galateeffachuun, injifannoon kun mootummaan damee kana
irratti caalmaatti akka hojjetuuf kaka’umsa guddaa ta’uu dubbatan. Akkasumas
mootummaa jijjiiramaa keessatti ispoortiin aadaa akkuma ispoortii ammayyaa
xiyyeeffannoo argachaa jiraachuu fi deggersiifi hordoffiin taasifamaa jiraachuu
eeraniiru.
Keessumaa dargaggoonni dameewwan dinagdee, siyaasaa fi
hawaasummaa keessatti hirmaachuun jijjiirama jiru irraa akka fayyadaman hojii
bal’aan hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Kunis hojii mootummaa fi hawaasa
waloon hojjetu keessatti jijjiirama bu’uuraa fiduuf bu’uura ta’a.
Xumura irratti, ispoorteessitoota, leenjistootaafi
qaamolee injifannoo kana keessatti gahee olaanaa taphatan badhaasaafi
beekamtiin kennamuun, hojii isaanii akka itti fufan kaka’umsa guddaa uumeera.
Walumaagalatti, festivaalli ispoortii aadaa bashannana
qofa osoo hin taane, tokkummaa, jaalalaafi obbolummaa cimsuuf akkasumas
eenyummaa saba tokkoo addunyaatti beeksisuuf shoora olaanaa qabaachuun isaa
ifatti mul’ateera. Kanaafuu, kunuunsuu fi dagaagsuun hojii mootummaa qofa osoo
hin taane, dirqama lammilee hundaati.


