Naannoo Oromiyaatti Waggoota Torban Darban Keessa Pirojektootni Invastimantii Kuma 29 Ol Hojii Keessa Galaniiru.

Invastimantiin guddinaa fi jijjiirama biyya tokkoo keessatti lafee dugdaa ta’uun ce’uumsaa diinagdee saffisiisuu fi olka’iinsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

  • 28
Naannoo Oromiyaatti Waggoota Torban Darban Keessa Pirojektootni Invastimantii Kuma 29 Ol Hojii Keessa Galaniiru. © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Naannoo Oromiyaatti Waggoota Torban Darban Keessa Pirojektootni Invastimantii Kuma 29 Ol Hojii Keessa Galaniiru. - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Invastimantiin Guddinaa Fi Jijjiirama Biyya Tokkoo Keessatti Lafee Dugdaa Ta’uun Ce’uumsaa Diinagdee Saffisiisuu Fi Olka’iinsa Biyyaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba.


Naannoo Oromiyaatti waggoota torban darbanitti hojii invastimantii bal’aa hojjetameen bu’aa jajjabeessaan galmaa'ee jira.

Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa, Obbo Eermiyaas Dannaqaa, ibsa addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiif kennaniin akka ibsanitti, waggoota torban darbanitti naannoo Oromiyaatti pirojektootni invastimantii kuma 39 fi dhibba 780 ol naannicha keessatti galmaa'uu ibsuun, .Kana keessaa pirojektootni kuma 29 kaappitaala qarshii biliyoona 926 ol galmeessisan hojii keessa galaniiru jedhan. Haa ta’u malee, pooteenshaala uumamaa fi qabeenya bal’aa naannichi qabu waliin walbira qabamee yoo ilaalamu, ammas hojii bal’aan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Invastimantiiwwan kunneen lammiilee miliyoona 2.8 oliif carraa hojii uumuu kan danda’an ta'uus obbo Eeliyaas eeraniiru. Kunis invastimantiin guddina diinagdee qofa osoo hin taane jireenya hawaasaa fooyyessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu agarsiisa.

Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa invastarootaaf haala mijataa ta’e uumuu irratti hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsuun Kana keessatti hojmaatni abbaa qabeenyaa simachuu fooyya'uu, lafa invastimantii dursanii qopheessuu, akkasumas adeemsa simannaa pirojektootaa " online" taasisuun bu’a qabeessummaan hojii olaanaa ta’e galmaa’uu isaas ibsaniiru.

Bara kanas invastaroota biyya keessaafi alaa 164 simachuuf qophaa'uufi invastaroota kuma 24 oliif hubannoon kennameera. Kana keessaa abbootiin qabeenyaa kuma 11 fi 717 kaappitaala qarshii bil. 335 ol galmeessisuun danda’ameera.

Qonnaan bulaa fi Interpiraayizii Maayikiroo Xixiqqaa gara invastimantiitti ceesisuu irrattis hojii guddaan xiyyeeffannoo olaanaan hojjetameera.

Hanqina faayinaansii furuuf Baankii Siinqee waliin qindoominaan hojii hojjetameen, qonnaan bulaa gara invastaraatti ce’aniif qarshiin biliyoona 4.7 ol liqii akka argatan taasifameera. Akkasumas, Interpiraayizii Maayikiroo Xixiqqaaf qarshiin biliyoona 1.3 liqiin kennamuu danda’eera. Waliigalaan waldaaleen hojii gamtaa qarshii biliyoona 34 liqiin akka argatan taasisuun danda’ameera jedhan.

Dhumarrattis, naannoon Oromiyaa invastaroota biyya keessaa fi alaa naannichatti invasti gochuu barbaadaniif haalli mijataan kan jiruufi simachuufis qophiin olaanaan jiraachuu obbo Eeliyaas yaadachiisanii jiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.