Sagantaa Egzibiishinii Raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waggoottan Shanan Darban Irratti Xiyyeeffachuun Qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan Mata Duree "Waadaa Gochaan: Filannoo Hanga Filannootti" Jedhuun Geggeeffamaa Jiru Irratti Kan Argaman Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa Biyyi Keenya Itoophiyaan Biyya Goototaa Ta'uu Kaasuun, Gootummaanis Tolaan Osoo Hin Taane Aarsaa Kaffalameen Birmadummaa Diinagdee, Hawaasummaafi Siyaasaa Gama Hundaan Guutuu Taasisuun Kan Argamu Ta'uu Dubbataniiru.
Birmadummaan gootummaan galmaa'us maqaa gaarii biyyaa kan waamsisu, keessaafi alatti kabaja lammileefi biyyaa qixaan kan olkaasu ta'uu ibsuun, nutis gootummaa Abboota keenya irraa dhaalle gama hundaan guutuu taasisuun aarsaa kitila kaffallee Itoophiyaa daandii dhidhima irraa deebisuun gara imala badhaadhinaatti ceesisuu dandeenyeerra jedhaniiru.
Galma biyya badhaate ijaaruuf kaane fiixaan baasuufis guddaa yaadnee xiiqiin karoorsinee xiiqiinis raawwachuun waadaan gochaan dhugoomaa boqonnaa haaraanis saaqamuu danda'uu kaasuun, qormaata kumaa kitila karaa tarsiimaa'an qolachaa dhufuun barri 2018 bara abdiirraa gara ifa qabatamaatti waloomaan ceena jedhaniiru.
Kanaanis boqonnaa ijaarsa biyyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun mootummaa cimaafi biyya jabduuf bu'uurri amansiisaan bara itti kaa'ameefi olka'iinsi Itoophiyaa kan itti labsame ta'uu himuun, Mootummaan keenya boqonnaa walwaraansaafi wal ajjeechaa cufee, nagaa waaressuuf ejjennoo qabatee hojii biyya gaggeessuu kan eegale yoo ta'u maree biyyaalessaa jalqabsiisuun ashaaraa dhalootaaf darbu kaa'uun danda'amuus eeraniiru.
Sagantaa, Tarsiimoofi imaammata falaasama Ida'amuun masakameen waggoota Shanan darbe filannoo irraa eegalee hanga filannootti injifannoowwan qaqqaalii ta'an galmaa'uu himuun, Icciitiin injifannoo kanaas hooggansa yaadee karoorsuufi hojjetee milkeessu qabaachuu cinaatti uummata mootummaa isaa dhaga'u qabaachuu irraa kan madde ta'uu obbo Kaffaaloon kaasaniiru.
Gama biraatiin, Uummatni Oromoo, sabootniifi sablammoonni naannoo keenyaa qormaatota dura dhaabbachuun maksanii injifannoo aarsaa qaaliin dhufes tiksanii imalli badhaadhinaa akka bu'uuraawu taasisaniiru kan jedhan obbo Kaffaaloon, injifannoo ijaarsa biyyaatti aansuun qaama birmadummaa keenyaa kan ta'e hojii guddaan ittiin milkoofne cabiinsa dinagdee qolachuurratti kan hojjetame ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan keenya cabiinsa dinagdee qolachuuf imala diinagdee qeenxee irraa gara damdaneessaatti akka tarkaanfatu taasisuu eeruun, kunis rifoormii dinagdee Gooroon kan masakame yoo ta'u gama Qonna, Industurii, Albuuda, Turiizimiifi TQOn hojiirra oolfameen dinagdee guddina itti fufiinsa qabu akka ijaaramu taasisuu dubbataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas ergama kana milkeessuuf damee hundaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun rakkoo nageenyaa harka tokkoon qolachaa hojii misoomaa libsuu ijaatiif osoo gargara hin dhaabatiin akka itti fufu taasisuu himuun, hojiileen fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessan sadarkaa boodatti deebi'uu hin dandeenye irraan ga'uufis tarkaanfilee haaraa bocamanii hojiirra oolfaman waliin hojii hunda baayi'na, qulqullinaafi ariitiin hoogganuun bu'uurri badhaadhinaa kaa'amaa jiraachuu himaniiru.
Misoomni Qamadii roobaan misoomuufi qaawwaa jiru guutuuf sharafa guddaa kaffaluun alaa gala ture seenaa isaa jijjiiruun of danda'uurra darbinee gabaa alaaf erguun danda'amuu dubbachuun, Mootummaan Paartii keenyaan hogganamu ejjennoo ‘hiyyummaan qaanii badhaadhinni qananiidha’ jedhu qabachuun seenaa jijjiiraa jiraachuu eeraniiru.
Dhaqqabamummaa tajaajila uummataa mirkaneessuun rakkoolee kenna tajaajilaa bu'uura irraa hiikuun mootummaafi uummata walitti dhiyeessuuf tarkaanfii haaraa gurmaa'insa Gandoolii hojiirra oolfameenis uummata keenyaaf abdii ta'uu keenya mirkaneessineerra kan jedhan obbo Kaffaaloon, uummatni tajaajila argachuuf akka hin joorre ‘wiirtuu kenna tajaajilaa iddoo 1ffaa’ tajaajila maraakennu hundeessu eegalamuus dubbataniiru.
Cabiinsa safuufi duudhaa keenya mudate qolachuun duudhaa, safuufi aadaa ganamaa bakka isaaf malutti deebisuufis tarkaanfiin haaraan haaromsa aadaa hojiirra oolfamee mootummaafi uummanni keenya duudhaa ganamaatti akka deebi'uuf hojii guddaan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasuun, kana malees, sosochiin uummataa bifa seena qabeessa ta'een kan ittiin uumame duudhaafi safuun keenya utubaa keenya ta'uu isaa kan ittiin argine tarkaanfii haaraa humnoota walootiin ta'uu ibsaniiru.
Kunis tajaajilli lammummaa misooma waloo, Buusaa Gonofaan rakkoo hawaasummaa waloo, Manni Murtii Aadaa Haqa waloofi Gaachanni Sirnaa Nageenya waloo mirkaneessuu keessatti hojiin uummatni keenya hojjete seenaa keessatti kan yaadatamaa jiraatu ta'uu eeruun, hojiin gama hundaan Oromiyaa keessatti hojjetame warraaksi haaraan falaasama Ida'amuu ka'umsa eenyummaa keenyaa ta'een injifannoon qabatamaan gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan galmaa'aa dhufe imala Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuuf qabanne milkeessuu kan dandeenyu ta'uu raggaasisuu himaniiru.
Kanaanis hojii filannoo hanga filannootti waadaa gochaan dhugoome hojjenneen Itoophiyaa kufaatiirraa baraaruun daandii Imala badhaadhinaa jalqabsiisuu himuun, Pirojektoota qulqullina, baayinaafi ariitiin xumuruun tajaajilaaf oolchuus himaniiru.
Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Ashaaraa dafqa saba keenyaa cichoomina olaanaafi kutannoon hojjennee xumuruun eebbifnee seenaa siyaasa bishaan gaanfa Afriikaa jijjiiruu dandeenyeerra jechuun, Imala xiiqii kana cimsuun tarkaanfii keenya Hidharraa gara Ulaa Galaanaatti ceesisuun haqa Itoophiyaa deebisuuf hojjechaa jiraachuu himuun, galmi keenya biyya badhaatuu, jabduu taateefi mootummaa cimaa ijaaruu ta'uus dubbataniiru.
Hojii barii jijjiiramaa irraa eegaluun hojjetameen mootummaa injifataafi saba injifannoo tikfatu qabaachuu keenya firaafis diinaafis mirkaneessineerra kan jedhan obbo Kaffaaloon, Kanaafis sagantaan egzibiishinii guddichi "waadaa gochaan filannoo hanga filannootti" jedhuun qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa'e agarsiiftuu guddaa ta'uu ibsaniiru.
Egzibiishinii kanarratti Biiroleefi dhaabbileen mootummaa Naannoo Oromiyaa akka nama galaana fal'aanaan waraabuutti qabeenya Oromiyaan qabdu muraasa agarsiisuuf kan itti dhiyaate ta'uu himuun, Mootummaan keenya injifannoon jalqabame kun damee hundaan cimee akka itti fufuuf kutannoon kan hojjetu ta'uu himaniiru.
Uummanni keenyas injifannoo isaa akka tikfatu, caasaalee nageenyaa waliin qindaa'uun nageenya isaa akka eeggatuufi misooma jalqabame akka itti fufsiisu dhaamuun, ijaarsa sirna dimokiraasii eegalleef mootummaan sagalee uummataan ijaaramu murteessaa waan ta'eef uummatni keenya yeroon Kaardii filannoo fudhachuun mootummaa isaa ta'u filachuuf qophii gahaa taasisuu akka qabu hubachiisaniiru.


