Itoophiyaan Biyyoota Carraa Qonnaa Bal’aa Qaban Keessaa Tokko Yoo Taatu, Yeroo Dheeraaf Qabeenya Qabdu Sirnaan Fayyadamuu Dhabuu Irraa Kan Ka’e Rakkoo Hiyyummaa Keessaa Turteetti. Garuu Waggoota Dhiyoo Asitti, Mootummaa Jijjiiramaa Hordofuun Tarsiimolee Fi Imaammattoonni Dinagdee Haaraan Hojiirra Ooluu Jalqabuun Jijjiiramni Abdachiisaan Mul’achaa Jira.
Keessumaa dameen qonnaa, utubaa dinagdee biyyattii ta’ee, tarsiimoo dinagdee gooroo keessatti iddoo olaanaa qaba. Dameen kun wabii nyaataa mirkaneessuu, galii uummataa guddisuu, carraa hojii uumuu fi oomisha alaa galu bakka buusuu keessatti shoora guddaa taphachaa jira. Kana milkeessuufis mootummaa fi uummanni qindoominaan hojjechuun inisheetivoonni adda addaa hojiirra oolaa jiru.
Inisheetivoota kana keessaa tokko kan bu’aa guddaa galmeessaa jiru misooma dammaa dha. Misoomni dammaa qabeenya uumamaa biyyattiin qabdu irratti hundaa’uun, dinagdee qonnaa cimsuuf filannoo cimaa ta’ee mul’ateera.
Naannoon Oromiyaa, haala qilleensaa mijataa, biqiltuu garaagaraa fi lafa bal’aa dammaaf mijatu waan qabduuf, damee kana keessatti dandeettii guddaa qabdi. Kana hubachuun, mootummaa naannichaa fi mootummaa federaalaa waliin ta’uun hojii misooma dammaa saffisiisaa jiru.
Bara 2013tti, yaadama “Oromiyaa galaana dammaa ni goona” jedhuun Godina Jimmaatti inisheetiiviin misooma dammaa kan jalqabame yoo ta'u, inisheetiivii yeroo gabaabaa keessatti bu’aa guddaa agarsiiseedha.
Bu'uuruma kanaan dhiheessiin gaagura ammayyaa bara 2013tti 111,000 ture, bara 2017tti gara miliyoona 1.5 olitti guddateera. Oomishni dammaa bara 2013tti toonii 60,300 ture, bara 2017tti gara toonii 179,300tti ol dabaleera.
Kunis hojii karooraa, deeggarsa mootummaa fi hirmaannaa uummataa waliin ta’uun bu’aan guddaan kan argame ta'uu mul'isa.
Gama biroon, misoomni dammaa galii qonnaan bultootaa dabaluun jireenya isaanii fooyyessuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira.
Kana malees, dammi oomishamu gabaa biyya keessaa qofa osoo hin taane gara alaa erguun sharafa alaa argamsiisuu keessatti gumaacha taasisaa jira. Kun immoo dinagdee biyyattii cimsuuf murteessaa dha.
Haa ta’u malee, hojii bu'aan eegalame kana itti fufsiisuu fi sadarkaa itti aanu irraan ga’uuf rakkooleen akka gahumsa teeknooloojii, qusannaa oomishaa, fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba.
Walumaagalatti, misoomni dammaa tarsiimoo dinagdee qonnaa cimsu keessatti shoora olaanaa qaba. Yoo itti fufiinsaan deeggaramee fi ammayyeeffame, dameen kun wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii bal’isuu fi galii biyya alaa dabaluun Itoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf bu’uura jabaa ta’a.


