“Bareedina Keenya, Seenaa Waloo Keenya” Sagantaa Dokimantarii Sadarkaa Biyyaalessaatti Qophaa’e Yoo Ta’u, Bareedina, Aadaa, Seenaa Fi Duudhaa Uummata Keenyaa Kan Waloo Ta’an Ibsee Kan Agarsiisudha.
“Bareedina Keenya, Seenaa Waloo Keenya” Dokimantarii Mootummaa Fi Uummata Walitti Hidhu, Eenyummaa Fi Tokkummaa Biyya Keenyaa Calaqqisiisuudha. Sagantaan Kun Gara Naannoolee Gara Garaatti Imaluun, Bareedina Uumamaa, Aadaa, Afaan, Duudhaa, Hojii Fi Seenaa Uummata Keenyaa Kan Dhaloota Irraa Dhalootatti Darbu Ibsa. Seenaa Darbe Irraa Barachuun, Milkaa’ina Amma Jirru Hubachuun, Abdii Fi Karoora Fuulduraa Ijaaru Irratti Xiyyeeffata. Sagantaan Kun Sagalee Uummataa, Ragaa Seenaa, Fi Muuxannoo Hawaasaa Walitti Fiduun, Maalummaa Keenya Akka Sabaatti Maal Akka Ta’e Fi Maal Akka Waloo Qabnu Ifatti Agarsiisa. Dokimantariin Kun Tokkummaa, Jaalala Biyyaa, Kabaja Aadaa Fi Seenaa Waloo Keenyaa Cimsuuf Kan Qophaa’e Dha.


