Agarsiisni Raawwii Hojii Mootummaa Waggoota Shanan Darbanii Biirolee Fi Dhaabbilee Mootummaa Qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin Dhihaate Bakka Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaloo Tafarraa Dabalatee Hooggantoonni Olaanoo Federaalaa, Naannoo Fi Hojjettoota Sektarootaatiin Daawwatamaa Jira.
Sagantaa agarsiisaa kana irratti biirooleen Oromiyaa fi dhaabbileen mootummaa milkaa’ina imala waggoota darbanii, waadaa ittiin dhugoomsaa turan kallattii garaagaraatiin agarsiisaaf dhiheessanii jiru.
Hirmaattonni sagantaa kana irratti argaman yaada kennaniin, agarsiisni akkasii imala jijjiiramaa fi raawwii hojii mootummaa keessatti mul’atan adda baasuun agarsiisaaf dhiheessuun kaka’umsa uumuu fi qulqullina hojii dabalu keessatti shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru.


