Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha !

Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha !

  • 92
Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha ! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha ! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha ! - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha ! - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha ! - Image 4 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Turizimiin Yaadama Haaraa Diinagdee Utubaa Jirudha !


Turizimiin diinagdee armaleessa akkasumas ,madda galiifi utubaa badhaadhina biyyaati. Dameen kun qabeenya uumamaa, aadaa, seenaa fi eenyummaa saba tokkoo addunyaatti beeksisuun, maqaa gaarii biyyaa ijaaruufi kabaja ishee guddisuu keessatti ga’ee olaanaa qaba. Kanaafuu, turizimiin yaadama haaraa diinagdee utubaa, imala jijjiiramaa saffisiisuudha.
Turizimiin galii olaanaa maddisiisuun diinagdee biyyaa sadarkaa olaanan kan utubu yoo ta'u, dargaggoota hedduufis carraa hojii damee uumuu danda'udha. Yaa’iinsa turistii biyya keessaafi alaa dabaluunis wal hubannaafi hariiroo gaariin biyyoota ollaafi fagoo cimsuun walitti hidhaminsa hawaasummaa fi diinagdee jabaa ijaara.
Kanamalees uummata garaagaraa wal qunnamsiisuun afaan, aadaa fi muuxannoo akka wal jijjiiran taasisa.
Akkuma biyyoonni guddatan bu’aa qabeessummaa turizimii dursanii hubachuun qorannoofi qo'annoon deeggaramuun karoora ifa ta’een irratti bobba’an, biyya keenyattis waggoota jijjiiramaa as damee kanaan jijjiiramni guddaan mul’achaa jira.
Riifoormii diinagdee gooroo hojiirra ooleen damee turizimiif xiyyeeffannoo olaanaan kennameera. Kanaanis yeroo gabaabaa keessatti milkaa’inootni gaggaariin akka biyyaatti mul'achuu eegalaniiru.
Iddoowwan hawwata turizimii qorachuu,adda baasuufi beeksisuu akkasumas bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, tajaajila qunnamtii, manneen keessummaa fi iddoowwan bashannanaa guutuun haala turistoota biyya keessaafi alaa hawwachuu danda'uun hojjatamaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi mootummaa federaalaa badhaadhina maatii fi biyyaa milkeessuuf qabeenya guddaa naannichi qabu hunda bu’aa biyyaatiif oolchuuf cichoominaan hojjechaa jiru. Qabeenya turizimii naannichaa dagatamee ture kanneen akka mandaraa ikoo turizimii Wancii,Mandara Benuuna, Soof umariifi kanneen biroo misoomsuun dameen kun akka utubaa diinagdee biyyaa ta'uu danda'utti hojii jajjabaan hojjetamaa jira. Hojii hanga ammaatti hojjatameenis injifannoowwan jajjaboon argamaniiru.
Walumaagalatti, turizimiin qabeenya guddaa, abdii dhaloota har’aafi bu’uura badhaadhinaati.Kanaafuu, sochii mootummaan humna turizimii naannoofi biyyi keenya qabdu hojiirra oolchuun karoora imala badhaadhina jalqabame milkeessuuf hojjachaa jiru tumsuun mul'ata badhaadhina milkeessun dirqama lammiilee hundaati.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.