Qonni Lafee Dugdaa Guddina Diinagdee Biyya Keenyaa Yoo Ta'u, Uumamaan Lafa Bal'aa, Qilleensa Mijataafi Humna Namaa Guddaa Qabnuun, Biyya Keenyatti Oomishni Qonnaa Madda Wabii Nyaataa Ta’u Qofa Osoo Hin Taane, Madda Galiifi Al-ergii Guddaa Ta’uun Diinagdee Keenya Utubaa Jira.
Haa ta’u malee, dameen qonnaa rakkoolee yeroo dheeraaf walitti fufan hedduun danqamee turuun maloota qonnaa duubatti hafaa fayyadamuu, rooba gannaa qofa irratti hirkachuu, akkasumas hanqinni saayinsiifi teeknooloojii hojii qonnaa keessatti mul’atu oomishtummaa gadi buusuun, biyyi keenya maraammartoo hiyyummaa keessaa akka hin baane taasiseera.
Kana bu'uura irraa jijjiiruuf, Mootummaan damee qonnaa haaromsuufi rifoormiiwwan garaa garaa hojiirra oolchuun sirna oomishaa ammayyeessuu, oomisha jallisii babal’isuun qonna hirkattummaa rooba jalaa baasuu, akkasumas teeknooloojiifi beekumsa ammayyaa gara qonnaatti fiduun oomishtummaa damichaa guddisuuf hojii cimaan hojjetamaa jira.
Kun imala gara badhaadhinaatti taasifamu keessatti tarkaanfii murteessaa yoo ta'u, Mootummaan Naannoo Oromiyaas haala qilleensa mijataa, biyyee gabbataa, Bishaan gahaafi humna namaa gahaa oomisha qonnaaf ooluu danda’u naannichi qabu sirnaan hojiirra oolchuun naannicha waktii hunda waktii oomishaa taasisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jira.
Bu’uuruma kanaan naannichatti Qonni waktii Arfaasaa bara kanaas haala gaariin raawwatamaa kan jiru yoo ta'u, Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas, haala Qonna waqxii Arfaasaa yeroo ammaa ilaalchisuun Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu waliin addatti turtii taasiseera
Turtii kanaanis, Qonna Arfaasaa Bara 2018 kanaan lafti hektaarri Mil 1.9 misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiruufi hanga ammaattis lafti hektaarri mil. 1.6 ol ( ) ta'u qophaa'uufi facaasaan eegalamuu isaa Obbo Geetuun ibsaniiru
Milkaa'ina Qonna Arfaasaa bara 2018 kanaatiifis sanyiin filatamaa kuntaalli Kuma 188 ol qophaa'ee raabsamaa jiraachuu kan ibsan Obbo Geetuun, Qonna waktii Arfaasaa bara kanaa qulqullinniifi baayinni isaa eegamuun oomisha olaanaa argachuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa kan jiran ta’uu dubbataniiru.
Kana milkeessufis xaa'oon kuntaalli kuma 606 ol qophaa'ee raabsamaa jiraachuu kaasuun, Qanna Waktii Arfaasaa bara kanaa irraa oomisha kuntaala mil. 46.2 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Milkaa’ina kanaafis hawaasni bal’aafi qooda fudhattoonni hundi tumsa akka taasisan obbo Geetuun dhaamaniiru.

