“Ulaa Galaanaa Seeraan Alaa Itti Cufame Deebifachuun Dirqama Lammiilee Itoophiyaa Hundaati” — Obbo Muhaammad Al-Arusii

Biyyi keenya Itoophiyaan biyya guddoo qabeenya uumamaa keessaa fi irra dachee akkasumas heddumina uummataa, bal’ina lafaafi haala qilleensaa mijataa qabduudha.

  • 12
“Ulaa Galaanaa Seeraan Alaa Itti Cufame Deebifachuun Dirqama Lammiilee Itoophiyaa Hundaati” — Obbo Muhaammad Al-Arusii © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
“Ulaa Galaanaa Seeraan Alaa Itti Cufame Deebifachuun Dirqama Lammiilee Itoophiyaa Hundaati” — Obbo Muhaammad Al-Arusii - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Biyyi Keenya Itoophiyaan Biyya Guddoo Qabeenya Uumamaa Keessaa Fi Irra Dachee Akkasumas Heddumina Uummataa, Bal’ina Lafaafi Haala Qilleensaa Mijataa Qabduudha.


Qabeenya hedduu biyyattiin qabdu keessaa tokko qabeenya bishaanii yoo ta’u, qabeenya kana tikfachuu fi misooma biyyaaf oolchuu irratti sirnoota darban keessatti qaawwaan bal’aan mul’ataa tureera.


Kanarra darbees, Shira keessaafi alaa qindaa'een biyyi keenya ulaa galaanaa akka dhabdu ta'eera.kunis akka biyyaatti rakkoolee dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa hedduuf nu saaxilee jira.


 Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas dhimma itti fayyadama ulaa galaanaa ilaalchisee gaazexeessaa fi xiinxalaa siyaasaa, akkasumas dhimma hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti  miidiyaalee idil-addunyaatiif yaada kennuun  kan beekaman Obbo Muhaammad Al-Arusii waliin addatti  turtii taasiseera.


Turtii kanaanis, dhimmi ulaa galaanaa dhimma filannoo osoo hin taane dhimma jireenyaa fi biyya akka biyyaatti itti fufsiisuu ta’uu obbo Muhaammad ibsaniiru. Ulaa galaanaa shiraafi seeran ala Itoophiyaatti cufame deebifachuun dirqama lammiilee hundaa ta’uu hubatamuu qabas jedhan


Itoophiyaan karaa seera idil-addunyaa kabajeen, akkasumas diploomasii fi waliigalteewwan biyyoota ollaa waliin taasifamuun ulaa galaanaa fayyadamuuf mirga guutuu qabdi. Haa ta’u malee, biyyoonni ollaa tokko tokko faayidaa ofii isaanii eegsisuuf jecha, qabeenya bishaanii Itoophiyaa irraa fayyadamaa osoo jiranii, Itoophiyaan gaaffii dhimma bishaanii akka hin kaasne dhiibbaan taasisaa jiran dogoggora seenaa ta’uu eeru.


Dhimmichi gaaffii yeroo dheeraa lammiilee Itoophiyaa ta’ee turuu kan himan Obbo Muhaammad, yeroo ammaa hooggansa olka’iinsa biyyaa dhugoomsuuf hojjechaa jiru muummee ministeerotaa Dr.Abiyyi Ahimad  jalatti milkeessuuf tumsi waloo lammiilee hundaa akka barbaachisu eeraniiru.


 Garaagarummaa kamiyyuu malee, lammiileen biyyattii dhugaa jalaa bade deebisuuf tokkummaan dhaabbachuun murteessaa ta’uu himuun,

dhaloonni har’aa seenaa biyya isaa sirnaan hubatee, seenaa jallate sirreessuu fi mirga sarbame deebisuuf hojjechuun dhaloota dhufuuf ashaaraa kaa’uu qaba. Kanaafis miidiyaaleen biyyattii dhimma dantaa biyyaa ajandaa yeroo hundaa ta'uu hubachuun  hojjechuu akka qaban obbo Muhammad  yaadachiisaniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.