Bitootessi 24 guyyaa ifni birmadummaa ba’edha!

Biyyi keenya Itoophiyaan imala seenaa taasisaa har'a geesseen weerara humnoota alaa adda addaan irratti banamaa ture irree gamtoomeen fashaleessuun fakkeenya birmadummaa Afrikaa ta'uun Biyya gootummaan beekamtu taatus sirnoota garaa garaa walooma saboota biyya kanaa cimsuurra kan garee tokkoo leellisan, aadaa, duudha, eenyummaa, Afaanoota saboota biyya kanaaf kabaja laachuurra olaantummaa garee tokkoo leellisaniifi sirnoota seenessa waloo moggaatti qabuun seenessa qeenxee olkaasaniin bulaa turteetti.

  • 23
Bitootessi 24 guyyaa ifni birmadummaa ba’edha! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Bitootessi 24 guyyaa ifni birmadummaa ba’edha! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Biyyi Keenya Itoophiyaan Imala Seenaa Taasisaa Har'a Geesseen Weerara Humnoota Alaa Adda Addaan Irratti Banamaa Ture Irree Gamtoomeen Fashaleessuun Fakkeenya Birmadummaa Afrikaa Ta'uun Biyya Gootummaan Beekamtu Taatus Sirnoota Garaa Garaa Walooma Saboota Biyya Kanaa Cimsuurra Kan Garee Tokkoo Leellisan, Aadaa, Duudha, Eenyummaa, Afaanoota Saboota Biyya Kanaaf Kabaja Laachuurra Olaantummaa Garee Tokkoo Leellisaniifi Sirnoota Seenessa Waloo Moggaatti Qabuun Seenessa Qeenxee Olkaasaniin Bulaa Turteetti.


Sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa wareegama kaffaluun weerartoota alaa ofirraa qolachuun maqaa gaarii biyya keenyaa Addunyaatti olkaasaa turanis, keessoo isaaniitti garuu kabajni namoomaafi mirgootni dimokirasii osoo hin kabajamiin gama biraatiin ammoo hiyyummaafi boodatti hafummaadhaan wal’aansoo qabaa turaniiru. 


Uummattoonni Biyya keenyaa kunneen sirnoota tokkeessaaf osoo hin jilbiinfatiin didaa, jaalalaafi tokkummaa biyyaafis falmachaa turuun walharkaa fuudhinsa qabsoo gaggeeffamaa tureefi wareegama qaalii kaffalameen Bitootessa 24 mootummaan uummataa uummataan uummata keessaa ijaaramuu danda'eera.


 Mootummaan uummataa uummataan uummataaf ijaarame kunis  Siyaasni marii, waliigalteefi araaraan rakkoolee furuu irratti xiyyeeffate akka dagaagu taasifamuun siyaasa humnaan osoo hin taane mariifi hubannoon geggeeffamu akka ijaaramu taasisee jira. Kana malees, paartileen siyaasaa garaagaraa sochii bilisaa akka gaggeessan haalli mijaa’aan uumameera. Kunis dorgommii siyaasaa bal’isuun sirna ijaarsa dimokiraasiitiif carraa uumeera. Miidiyaaleen Mootummaafi dhuunfaa yaada adda addaa ibsuu danda’an akka babal’atan taasifamuun mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu daran cimeera. 


Akkasumas, nageenya waaraa mirkaneessuuf marii biyyaalessaa jalqabsiisuun rakkoolee siyaasaa yeroo dheeraa turan mariifi waliigalteen furuuf carraan uumameera. Walqixxummaa saboota, sablammootaafi uummattoota biyya keenyaa kabachiisuun mootummaa federaalaafi mootummaa naannolee gidduutti walitti dhufeenya gaarii ijaaruuf hojiin hojjetamee jiru injifannoo siyaasaa guddaa Bitootessi 24 dhaleedha.


Qabsoo saboota Biyya kanaan uummata keessaa kan dhalate Mootummaan Ida’amuu harqoota hiyyummaafi boodatti hafummaa caccabsuun imala badhaadhinaa bu’uuressuuf waadaa gurguddaa uummataf galeen sirna federaalizimii sabdaneessaa obbolummaa irratti hundaa’e cimsuun walqixxummaan akka mirkanaa’u, mareefi marabbaan nageenyi akka waara'u, rifoormii diinagdee gooroo hojiirra oolchuun cabiinsa diinagdee biyya keenya mudate qolachuuf hojii hojjetamaa dhufeen injifannoon gaggaariin maqaa biyya keenyaatti kabaja horan galmaa’aniiru.


Mootummaan Ida'amuu daandii isaa Ida'amuu, galma isaa Badhadhina taasisee hojii hojjechaa jiruun, biyya bittinaa’uurraa baraaruun fakkeenya badhaadhinaa akka taatuf kutannoo olaanaan hojechuun aduu qabsoo uummataan ife qormaata keessoo bifa tarsiima’aan qolachaa siyaasa gaanfa Afriikaa jijjiiraa jira.


Barii jijjiiramaa irraa eegaluun Biyya keenya Itoophiyaatti injifannoowwan gama guddina diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa, dippilomaasiifi hojiilee misoomaa garaa garaan galmaa'aa jiran olka'insa Biyya keenyaaf utubaa cimaa ta'uun Itoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afrikaafi Addunyaa taasisaa jira.


Mootummaan Naannoo Oromiyaas hojii gama hundaan jiru milkeessaa Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuuf karoora yeroo gabaabaafi dheeraa baafachuun waadaa gochaan dhugoomsaa jira. Kanaanis jiruufi jireenya uummata naannichaa jijjiiruuf inisheetivoota garaa garaa yaadama mandhaleen bocee hojii hojjechaa jiruun carraa hojii bal'aa hojii dhabaaf uumuu, oomisha alaa galaa ture biyyumma keessatti oomishee bakka buusuu, nyaata madaalawaa hawaasni boroo isaarratti akka oomishu taasisuu, maddi galii hawaasaa akka guddatu taasisuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi aadaa hojii jijjiiruun eeggattummaa rooba gannaa irraa bonas jallisiin oomishuun akka danda'amu qabatamaan mirkaneessuu danda'eera. Kanaaf Bitootessi 24 guyyaa ifni birmadummaa ba’e, guyyaa golgaan hiyyummaafi boodatti hafummaa biyya keenya irraa tarsa'e, guyyaa walqixxummaan lammiilee mirkanaa'eefi guyyaa obbolummaan sabdaneessaa bu'uura cimaarra dhaabatedha.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.