Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti!

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti!

  • 84
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti! © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti! - Image 1 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti! - Image 2 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti! - Image 3 © Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hamilee fiixee:

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti!


Biyyi keenya Itoophiyaan imala seenaa taasisaa har'a geesse keessatti weerara humnoota alaa adda addaan irratti banamaa ture hunda irree gamtoomeen fashaleessuun fakkeenya bilisummaa Afrikaa ta'uun birmadummaa ishee wareegama ilmaan isheen kabachiistee dhalootaa dhalootatti dabarsaa jirti. Har'a imaanaa dhaloota kaleessaa galmaan ga'uuf birmadummaa ishee tifkachaa ifaajee ilmaan isheen hiyyummaa seenaa taasisuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenya taatetti ceesisuuf karoora imala badhaadhinaa akka biyyaatti qabame milkeessuu irratti argamti. Haaluma kanaan Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa biyyi keenya geggeessuuf jirtuuf qophii taasisaa jira. Paartiin Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa geggeeffamu irratt mallattoo injifannoofi milkaa'ina Biyya keenyaa kan ta'e Bissii Qamadii mallattoo filannoo isaa taasisuun kan dhiyeesse yoo ta'u, guyyaa har'aa sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Maanifeestoofi mallattoo filannoo isaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumeetti ifoomsaa jira. Bissin Qamadii ibsituu Ida'amuu, tokkummaa, oomishtummaa, fakkeenyummaa, guddummaafi birmadummaa biyya keenyaati. Sagantaa kana irraatti Afa-Yaa'ii Caffee Oromiyaa aaddee saa'aadaa Abdurahmaan , Pirezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, Itti Gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa, hooggantoonni naannoo, Godinaalee, Magaalotaafi hawaasni naannichaa argamaniiru.



Oduu Walitti dhufeenya qabu
Password must contain:
At least 8 characters
At least one uppercase letter
At least one lowercase letter
At least one number
At least one special character (@$!%*?&)
✗ Passwords do not match

Jecha Iccitii kee haaromsi

Teessoo imeeylii kee galchi; liinkii haaromsaa Iccitii Jechaa siif ergina.